Search This Blog

Kamis, 29 Desember 2022

Dureen nageenya Yukireen waraanni Yukireen rakkoo keessa galuu BBCtti himan - BBC

Kyrylo Budanov

Ammaan tanatti Raashiyaanis ta’e Yukireen sochii murteessaa taasisaa waan hin jirreefuu waraanni Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru garatti keessaa bahan dhabeera jechuun Ittigaafatamaan Nageenya Waraana Yukireen BBCtti himan.

Haata’u malee ammas Yukireen meeshaa hammayyaa dabalataa michoota ishee warra lixaa irraa ergamuu eegataa jirti.

Ittigaafatamtichi Kiyiriyiloo Budaanoov BBC waliin turtii taasisaniin, ‘‘Ammatti haalli jiru bakkuma jiruutti dhaabbateera. Gara fuulduraatti deemaa hin jiru,’’ jedhan.

Looltoonni Yukireen baatii Sadaasaa keessa erga magaalaa kibbatti argamtu Keersoon deebiisanii to’atanii booda, waraannii irra caalaan gaggeeffamaa kan jiru naannoo baha Dontisk kan argamtu Baakhimut keessatti.

Gama biraatiin ammo humnootiin Raashiyaa haleellaa raawwachuu kan eegalan yoo ta’u, waqtiin gannaa saffiisa duula lafoo Yukireen gaggeessituu akka tasgabbaa’u taasiseera.

Ittigaafatamtichi akka jedhaniitti, ‘‘ammatti Raashiyaan dhumaratti dhiyaattee jirti. Kisaaraa olaanaan irra gaheera’’ jedhan.

Ittigaafatamtichi itti dabaluun Kiremiiliin sochii gara biraa uumuuf murteessitee jirti kan jedhan yoo ta’u, humnootiin Yukireen eddoowwan baayyeetti gara fuulduraatti dhiibuudhaaf hir’ina meeshaa waraa akka qaban dubbataniiiru.

‘‘Waliigaltti kallattii hundaan isaan innifachuu hin dandeenyu. Isaanis kana gochuu hin danda’an. Dhiyeessitii meeshaa hammayyaafi haaraa eegaa jirra‘‘ jedhan.

Taankii dhokaasuu

Madda suuraa, Getty Images

Jalqaba baatii kanarraatti waraanni Raashiyaa irra deddeebiin erga miidhaan irra gaheen booda, aanga’oonni Yukireen humnootiin Mooskoo karaa Beeraaluusiin bara haaraatti haleellaa lafoo raawwachuu akka danda’an akeekkachisanii ture.

Gara fuulduraatti dhiibuun yeroo lammataatiif magaalaa guddoo Keyiviin to’achuu kan hammatu ta’u akka maluufi kanaanis humnootiin of eeggannoo Raashiyaan leenjii’an kuma kudhaniin lakkaa’aman hirmaachuu akka danda’an dubbatan.

Budaanoov akka jedhaniitti, Belaaruusiitti sochiin looltoota kumaatamaa kan barbadaa’ee yoo ta’u, Yukireen waraanashee qaxanaa adda waraana kibbaa fi bahaa irra gara Kaabaatti fuulashee akka naanneeffattuuf yaaliin jira.

Dhiheenyattis baabuurri loltoota Raashiyaa fe’ee ture dhiheenya daangaa Beeraaluusii fi Yukireeniitti dhaabbachuun sa’aatiiwwan booda akkuma loltoota qabateen deebii’eera.

‚‚Kun kann ta’es ifatti ture. Osoo barbaaduu baanneef namni kamuu ifatti arg uni danda’a‘‘ jechuun ittigaafatamaan kun Beeruusiin waan yaaddeessaa akka hin agarree dubbatan.

Hanga ammaattis Kiiyeevis ta’e gama kaabaa Beeraaluusii weeraruuf qophiin taasifamu akka jiraatuu mallattoo mul’isan hin agarree jedhan.

BBC Keeyiiviitti argamuun Budaanoov waliin gaaffii fi deebii kana kann taasise erga pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waggaa sadii keessatti yeroo jalqabaatiif gara magaala guddoo Beraaluus Miiniiskii imalaniin booda ture.

Dowwannaan Putiin kunis Beeraaluus looltoota ishee waraanaaf Yukireeniitti akka ergituuf pirezidantii biyyattii Aleeksaandar Luukaasheenakoon amansiisuu ni yaaluu tilmaamni jedhuu akka ka’u taasiseera.

Beeraaluus humnoota Raashiyaatiif meeshaa haleellaa raawwachuu taatee tajaajilaa turtee jirti. Haata’u malee ittigaafatamtichi akka jedhaniitti, hawaasni Beeraaluus hirmaannaa biyyattiin waraanicha keessatti qabdu hin deegaran.

Xinxaltoonnis looltoota kuma 48 qophii cimaa taasisuu jedhurratti gaaffii kaasaniiru.

Kanaafiidhas irezidanti Likaasheenkeen biyyasaanii irra balaan akka hin qaqabne ittisuuf tarkaanfiiwwan hunda fudhataa kann jiran.

Yukeen erga deebiiftee Kersoon to‘atteen booda humnoonni ishee looltoota Raashiyaa waliin naannawa Baakihimuutiitti lola cimaa gaggeessanii turen.

Rushiiyaadhaaf magaalatii to’achuun sararri deeggarsa Yukireen akka adda citu kann taasisuun= yoo ta’u, gara kutaa baha Kiraamaatoorsiik fi Silooviiyaansik dabalatee gara naannoo bahaatti qajeeluuf daandii saaqa.  

Raashiyaan waraana dirree waraanaatti gaggeesaa jirtuun alattis wallakkeessa Onkolooleessa irra kaasee bu’uuraalee misoommaa irratti xiyyeeffachuun dirooniifi miisaa’eelootaan duula qilleensaa gaggeessaa jirti.

Looltoota imalarra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Kunis namoonni miliyoonaan lakkaa’aman human ibsaa, bishaanii fi ho’a akka hin argannee taasiseera.

Haleellaan kunis itti fufuu akka danda’u garuu ammoo Raashiyaa dandeettiin misaa’eelii ishee hir’ataa dhufuu fi indastiriiwwan Raashiyaa dhiyeessuu waan hin dandeenyeefu haleellaa humna walfakkaataa fayyadamu akka hindandeenyee ittigaafatamtichi yaada kennaniiru.

Iraan dirooniiwwan haleellaaf oolfaman irra caalaa fi miisaa’eeloota Raashiyaaf kann kennite yoo ta’u, ittigaafatamtichi akka jedhaniitti sababii qoqophaa sagantaa niikulaara isheetiin warra lixaa irra kaa’aniin miidhamaa kann jirtuu Teehraan irratti dhorkaa kaa’uu akka danda’an kann hubattee Iraan Raashiyaadhaaf miisaa’eela dhiyeessuuf hayyamamtuu hin taatee jedhan.

Waan kana ta’eefu ‘‘waraanni wayita ammaa kanatti rakkina keessa galee ta’u danda’a‘‘ kan jedhan ittigaafatamaan nageenya waraan Yukireen kun, haata’u malees Yukireen eddoowwan galoo galaanaa bara 2014 irraa kaasee Raashiyaadhaan jalaa qabamee hunda deebiiftee akka to’attu mantaa qabaachu himu.

Yukireen erga Gamtaan Sooviyeetii deegameen booda bara 1991tti bilisummaa ishee yoo labsitu, gara daangaa tureetti akka deebiitus ibsaniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub