Search This Blog

Sabtu, 17 Desember 2022

Tigraay bakka gara garaatti saamichi gaggeeffamaa jira - Mootummaa - BBC

Magaalaa Maqalee

Madda suuraa, Getty Images

Magaala Maqalee dabalatee naannoo Tigraay bakka gara garaatti gochi saamichaa bifa gurmaa'een gaggeeffamaa jiraachuu mootummaan Itoophiyaa beeksise.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa Mudde 17, 2022 baaseen Tigraay bakkeewwan humni raayyaa ittisaa mootummaa Federaalaa hin qaqqabin jirutti saamichi gara garaa gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera.

Ji'a tokko dura Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti, itti aansee ammoo Keeniyaa, Naayiroobiitti waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasisaa ture dhaabudhaaf mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti waliigalteerra gahamee waraanni dhaabbachuu isaa ni yaadatama.

Mootummaan ibsa isaa kana keessatti waliigaltee nagaa sana irratti waadaa uummataafi biyyaaf gale raawwachaa akka jiru eeruun, "yeroo ce'umsaa kana akka carraatti fayyadamuun" Maqaleefi bakkawwan birootti saamichi gaggeeffamaa jira jedheera.

"Tigraay keessa bakkeewwan raayyaan ittisa biyyaa keenya hin qaqqabiin jiru tokko tokkotti uummaticha nagaa kan dhorku saamichaawwan bifa gurmaa'een gaggeeffamaa akka jiru ragaaleen ni agarsiisu."

Keessumaa magaalaa guddoo naannichaa Maqalee keessatti dhaabbilee mootummaafi daldalaa irratti saamichi guddaan konkolaataatiin deeggarame jiraachuu "odeeffannoon agarsiisan jiru.

Uummannis aarii guddaa keessa akka jiru karaa bilbilaafi malawwan birootiin beeksisaa jiru," jechuun ibseera.

Akkaataa waliigaltee waraana dhaabuu irra gahameen humni mootummaa Federaalaa Maqalee galuun dhaabbilee gurguddoo ta'an akka to'atu kan ibsame ta'ullee, hanga ammaatti gara magaalattiitti hin galiin jira.

Mootummaan ibsa baase kanaan gocha saamichaa gaggeeffamaa jira jedha keessatti warri hirmaatan hundinuu itti-gaafatamummaa jalaa hin bahan jechuun akeekkachiisuun, "mootummaan nageenya uummataa eeguudhaaf itti-gaafatamummaa irra jiru bahachuudhaaf waan barbaachisu hunda ni godha," jedheera.

Ibsa mootummaan, naannoo Tigraay bakkawwan gara garaatti saamichi gaggeeffamaa jira jechuun baase ilaalchisuun magaalaa guddoo naannichaa dabalatee bakkeewwan biroo to'achaa kan jiran aanga'oonni TPLF waan jedhan hin qaban.

Waliigalteen waraana waggoota lamaaf gaggeeffame akka dhaabatu taasise walitti bu'insi guutummaatti akka dhaabbatu, gargaarsi namoomaa dhorkaa tokko malee akka dhiyaatu, tajaajilawwan bu'uuraa akka jalqaban, humnoonni TPLF hidhannoo akka hiikkataniifi humni kamiyyu humna mootummaa Fderaalaa Itoophiyaatiin alatti naannicha keessaa akka bahan gaafata.

Torban lama dura akkaataa waliigaltee nageenyaa itti raawwatamuu qaburratti gaggeessitoonni waraanaa gama lamaaniin jiran gidduutti Shireetti marii taa'aniiru. Humnoonni Tigraay ammoo addawwan waraanaa keessaa bahaa akka jiranis gabaafamee ture.

Waliigalteen nagaa mallattaa'uu hordofee waraanno mootummaa Federaalaafi humnoota Tiggraay gidduutti gaggeefamaa ture kan dhaabbate yoo ta'u, dhiyeessiin gargaarsa namoomaas kallattiiwwan gara garaatiin gara naannichaa seenaa jiraachuu mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa beeksisaniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...