Search This Blog

Sabtu, 24 Desember 2022

US, Kibba Daakotaatti caabbiifi qorri hammaatee namoonni wayyaa isaanii bobeessanii abidda hoo'ifataa jiru - BBC

Konkolaataa cabbii keessatti danqame

Madda suuraa, ANNA HALVERSON

Ameerikaa kutaa Kibba Daakotaatti cabbiifi qorri hammaatee uummanni dhiyeessiwwan bu'uuraa fixuurraa kan ka'e "nu qaqqabaa" jechuun jaarsoliin saba Oglala Sioux Kibba Dakota keessa jiraatan iyyaataa jiru .

Iddoowwan tokko tokkotti kuufamni cabbiin lafarraa ol meetira 3.6 kuufamee jira.

Bulchiinsi Kibba Daakotaa humna Naashinaal Gaard akka bobbaasu beeksise.

Jiraattuu bulchiinsa Paas Kiriik kan taate Anna Halverson, "Rakkoo hamaa keessa jirra. Mana irratti kuufama cabbii [baay'ee tuulametu] jira.

"Namoonni tokko tokko akkatti qoraan deemanii barbaaddatan waan hin qabneef huccuu bobeessanii osoo hoo'ifatanuu argeera" jechuun Darsha Dodge Rapid City Journal tti himte.

Maatin tokko ammoo aannan foormulaa mucaa harma hootuu fixanii akkatti manaa bahan dhabanii guyyaa afur mana keessa akka turanii fi mucaan qoonqon du'uurra jedhanii gargaarsa barbaacha 12km miilan akka deeman himte Anna Halversan.

"Namni nu gargaaru yoo jiraate, waanti nuti hin barbaanne hin jiru. Waan hunda barbaanna," jechuun Annan BBCtti himte.

Pirezidaantii saba Oglala Sioux BBCtti sababa cabbiifi haalli qilleensaa rakkisaa ta'eef karaan cufamee sabni isaa nyaata, boba'aa fi qoricha dhabanii rakkataa jiru.

"Sababa cabbiin [akka malee] kuufameef konkolaatan karaa ittiin gargaarsa fe'ee namaaf geessu hin qabu. Yeroo tokko tokko dhiyeessii fidanii yoo dhufan cabbiitu isaan liqimsa," jedha Firaank Star.

"Hara'a caabbii karaa irraa yoo qulleessina, bariituu isaa tuulamee argina," jedha.

Yeroo qorraa boba'aan dizilii gara jeelitti jijjiirama waan ta'eef maashiniiwwan hin soho'an. Hojjattoonni balaa tokko tokko farda fayyadamu, ykn miilan deemu.

Kibba Daakotaa bakka sabni Oglala Sioux fi Rosebud Sioux 46,000 keessa jiraatan keessaa namoonni meeqa cabbii fi qorra kanaan danqamanii akka jiran akka hin baramne dubbata Firaank.

Cabbiifi qorra qofaa osoo hin taane rooba cabbii akka hurrii fi bubbee cimaa makate rooba waan ta'eef sochii namaas baay'ee kan danquudha jedhame.

Bulchituun Bulchiinsa Kibba Daakotaa Kiriis Na'omii loltoonni bobba'anii bosona naannoo jiru keessaa muka bobeeffatan guuranii saba Oglala Sioux fi Rosebud Sioux akka geessaniif bobbaafamuu beeksifte.

Loltoonni kun namoota manni isaanii cabbiidhan liqimfamanis ni baraaru jedhameera.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub