Search This Blog

Minggu, 22 Januari 2023

Dirooniin tapha Aston Viilaa fi Saawuzaamptoon daqiiqotaaf gufachiise - BBC

Tapha Astoon viilaa fi Saawuzhaampitoon

Madda suuraa, Getty Images

Piriimiyeer Liigii Ingiliziin tapha sanbata kaleessaa Saawuzhaampitanifi Astoon Viilaan taphatan irratti diroonii xiqqaan dirree keessa marsuun tapha daqiiqotaaf danqe.

Gareen lameen dirree Saawuzhaampitan Seent Meeriitti morkachaa osoo jiraniiti diroonii xiqqaan boqonnaa dura samii isataadiyeemichaa keessa naanna'uun kan beekame.

Murteessaan taphichaa Maayikil Saalsiber naannoo goolii garee Saawuzhaampitoon dirooniin marsaa jiraachuu kan bare erga itti himamee booda tapha adda kutuun taphattootni dirree akka bahan ajaje.

Poolisiin dhimmicha erga qoratee fi rakkoon akka hin jirre erga mirkaneessee booda taphni daqiiqaa 10 gufatee ture deebi'ee itti fufe.

Bara dorgommii darbes akkasuma dirooniin samii dirree keessa marsuu hordofee taphni Bireentifoordiifi Woolvis adda citee tahattootnis dirree gadhiisanii akka bahan godhamee ture.

Yeroo san tapahattootni dirree gadhiisanii yoo bahan deeggartootni bitaa itti galee turan.

Daqiiqaawwan booda garuu sababa dirooniin dirree keessatti mul'ateef taphni adda cituun daawwattootatti himame.

Tahattootni daqiiqaawwaniif sochoon ala waan turaniif daqiiqaa 15 booda qaama ho'ifatanii taphatti deebi'an.

Ta'ii walfakkaataa bara darbee sana irratti gareeleen lamaan walitti bu'anii daqiiqaa jaha booda ture dirooniin kan mul'ate.

Sababa kanaanis daqiiqaan 19 dabalameeti taphani Bireentifordiifi Woolvis kan xumurame.

Ta'ii Sanbata kaleessaa sababa dirooniin gufatee ture kana Saawuzhaampitoon Astoniviilaan 1-0 injifateera.

Goolii Waatkiins ta'ii diroonii booda addaan dhayee lakkoofisise Saawuzhaampitoon sadarkaa gadiirra akka turu dirqisiiseera.

Sababiin dirooniin kun dirree keessa argameefi kan maalii akka ta'e hin ibsamne.

Haata'u malee dirooniiwwan tajaajila waraabbii suuraafi viidiyoo akkasumas hojiiwwan adda addaa keessatti gahee bahu.

Akkasuma ammoo balaa raawwachuu keessattis gaheen taphachaa jiran kan dagatamuu miti.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...