Search This Blog

Minggu, 29 Januari 2023

'Loltootni Eertiraa gara daangaatti deebi'an malee Tigraayii hin baane'-US - BBC

Taankii waraanaa

Madda suuraa, Getty Images

Loltootni Eertiraa Tigraay keessa turan akka mootummaan Federaalaa jedhu Tiagraay keessaa bahan osoo hin taane gara daangaatti achi siiqanii jechuun qondaala US awaabeffachuun Rooyitarsi gabaase.

Maddi oduu Rooyitarsi UN'tti ambaasaaddar US waabefatee loltootni Eertiraa ammallee daangaa Itoophiyaa lafa Tigraay keessa jiraachuu US kan beekatu ta'uu gabaase.

Loltootni Eertiraa waraanni Kaaba Itoophiyaa erga eegalee kaasee sababa yaaddoo nageenya biyyaalessaa jedhu himachuun waraanicha keessatti qooda qabaachaa turan. Sarbamoota mirgaa hedduunis himatamaa bahan.

Humnootni Tigraayiifi motummaa Federaalaa, waliigaltee waraana dhaabuu erga mallatteessanii booda nagaan akka bu'uuf wantoota irratti waliigalaman keessa tokko loltoota mootummaan federaalaan ala humnoota kaan Tigraayii baasuudha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri US Liindaa Toomaas Griin Fiild ''Warra Eertiraa ilaalchisee wanti beeknu gara daangaatti socho'uudha, akka gadhiisanii bahan gaafatamaniiru'' jedhan.

Qondaalli kun kana kan jedhan, dawwannaa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeessaa osoo jiranii ibsa yoo kennani.

Yaada isaanii kanaaf odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Torban tokko dura loltootni Eertiraa bakka baay'inaan buufatanii jiran gidduu galeessa Tigraay naannolee akka Aduwaa fi Aksuum keessaa bahuu eegaluu jiraattotni BBC'tti himanii turan.

Jirattootan magaalaa Aksuum BBC'n dubbise ''Konkolaattota 70, taankii 12, Zuu 4 lakkaa'eera. Ammallee darbaa jiru. Adawaa irraa dhufanii gara Shireetti darbaa jiru'' jedhanii ture.

Hanga yoonaa hirmaannaa waraana isheerratti ifatti kan hin dubbanne Eertiraanis dhimma kana irratti yaade kennite hin qabdu.

Waraanni gaaga'aa lubbuu namoota kuma dhibba hedduun lakkaawamuu fixe xumura argatee waliigalteen nagaa erga mallatteeffamee ji'a sadii qabachaa jira.

Aanga'aan waraana Itoophiyaa Sanbata xiqqaa dhimma waraana Eertiraa irratti yoo dubbatan loltuun Eertiraa lafa Tigraay keessa jira himannaa jedhu fudhatama dhabsiisaniiru.

Rooyitarsi meejar Janaraal Tashoomee Gammachuu '' Raayyaa Ittisa biyyaa FDRE malee humni biraan Tigraay keessa hin jiru'' jechuu gabaaseera.

Dubbii himaan TPLF obbo Getaachew Raddaa gama isaaniin humnootni Eertiraa Tigraay keessaa bahaniiru yaadni jedhu dhugaa miti ''kumootni ammayyuu achi jiru'' jedhu.

Qondaaltotni mootummaa Itoophiyaa humnootni Eertiraa bahuu ibsan yaada qondaala US kana irratti ammatti yaadni kennan hin jiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub