Search This Blog

Selasa, 10 Januari 2023

Loon Itoophiyaa ‘lammummaa isaanii' jijjiirratan - BBC

Looniifi re'ee daandiirra oofama ajiran

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo baayyee kan dhagahamu waa’ee namoota seeraan ala namoota daddabarsaniidha. Garuu namoonni seeraan ala loon daddabarsanis jiru. Isaanis re’oota Affaar irraa karaa Jabutiin hanga Saawudiitti, naannoo Somaalee irra karaa Somaaliyaatiin hanga Emireetis daddabarsu.

 Yeroo tokko tokkos dalaallonni marga barbaacha fakkeessanii loon oofuun daangaa biraan gahu. Achinis waliin daangaa qaxxaamuruun kanneen isaan eeganitti dabarsanii kennu.

Isaan booddees loon sun maqaa biyyattii ni jijjiratu jechuudha. Re’oonni kan Jabuutii ykn ooloota Somaaliyaa Sangaa Sudaan jedhamu.

Erga daangaa qaxxamursifamanii booda akkuma namootaatti bakka turmaataa keessa galfamu. Erga fayyaan isaanii mirkanaa’een booda gara biyyoota Arabaatti dooniidhaan ergamu.

Isaan keessaa kan uqqatan yoo jiraatan achumatti qalamu. Kan ija nama guutan ammoo biyya alaatti ergamuuf bakka tursiifaman galfamu.

Re’oonnifi hoollonni Itoophiyaa haala akkasiin darbarfaman kunneenis biyyoota sadiitti ergamu. Dubaay, Baahireen ykn Saawud Arabiyaatti ceesifamu.

Haata’u malee, fayyadamtoonni biyyoota kanneen keessaa maddi loon kanneenii Itoophiyaa ta’u hin beekan. Dhugaasaa kan beeku dalaalota qofaadha.

Re’oonni maaliif lammummaa jijjiraatu?

Itoophiyaan qabeenya loon gaanfaatiin biyyoota Afriikaa keessaa sadarkaa duraarratti argamti. Loon miiliyoona 60-70 akka qabdu tilamaamama, tarii ongeen yoo hir’isuu baate.

Haata’u malee, lakkoofsa malee qabatamaan qulqulinni qabeenyaa kanaa gadaanaa ta’utu himama. Baayyinni loon hanga kanaa jiraatulleen, fedhii bakka qalmaa akka hin gunnee himama. Akkasumas, bakki loon kunneen dheedan gahaan hin jiru.

Obbo Abrhaam Nagaash Daarektara Insitityuutii Misooma Indastirii Aannaniiti.

Loon hundi ammoo gara biyya alaatti hin ergaman jedhu aanga'aan kun.

Biyya alaatti ergamuuf umuriin, saalli, seenaan loon sanaafi haalli foonsaa hubannoo keessa galfama.

Fakkeenyaaf, biyyoonni foon fudhatan caalaa kan barbaadan foon re’eeti. Kan ergamu re’ee korbeessa ta'anidha. Sababiin isaa ammoo waan foon dhaltuutti coomni baayyatufu hin barbaadamtu.

Umuriin re’ee wagga 1-2 ta’uu qabaata. Jiraan kan ergamu yoo ta’e ammoo wagga 2-3 ta’uu danda’a jedhu.

Obbo Abrhaam loon Affaar karaa Asaayitaatiin baafamuun gabaadhaaf dhiyaachaa akka jiran sababii hojiitiin hubachuu dubbatu.

Jijjigaa-Dagahaaburiin ammoo loon miilaafi konkolaataan biyyaa yoo baafaman taajjabaniiru. Guyyaatti loon hanga tiraaktara shanii akka biyyaa bahan odeeffannoon BBC’n argate ni mul’isa.

‘‘Kun hundi biyyaaf sharafa kan argamsiisu ture. Garuu akka carraa ta’ee baayyee dhabaa jirra," jedhu.

Mootummaan to’achuuf yaala, garuu ammoo to’achuun salphaa miti. Fakkeenyaaf, karaa Jijjiggaatiin daangaan bal’aa waan ta’eef hunda to’achuun cimaadha.

Sababii kanaatiin loon biyyattii baayyeen bahaa jiru.  Karaa Asaayitaatiin gara Jabuutiitti, Humaraa- Matammaan gara Sudaaniitti, Dagaahaburiin gara Toogoo Caallee- Harggeessaafi Somaaliyaatti, karaa Moyyaaleetiin ammoo gara Keeniyaatti godaansifamaa jiru.

“Kan nama dhibu Keeniyaa fi Somaaliyaan loon qaban caalaa gara biyya alaatti ergu. Kunis eessaa fidanii seete? Loon Itoophiyaa daangaa qaxxaamuruun gara sanatti waan ergamaniifidha," jedhu Obbo Abrhaam.

Korbeessa dolaaraan jijjiruu

Oolota gabaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaa irraa foon qalmaa qofa osoo hin taane, re’eefi hoolaa jiraan gara alaatti ni ergamu. Biyya keessatti dhaabbileen daldala loon dhaabbii irratti hojjatan 41 seeraan galamaa’aniiru.

Garuu ammoo dalaalonni loon ergitoota kanneenitti gurguruu irraa daangaan baasanii karaa seeraan alaatiin gurguruutu caalaa baasa jedhu.

Kana salphaatti hubachuuf gatii foon qalmaa wal madaalchisuun gahaadha. Fakkeenyaaf, gabaa tibbanaatiin foon gara biyya alaatti yoo ergamu kiloon dolaara 6tti gurgurama. Kiiloo tokko gara birrii 300tti gurguruu jechuudha.  

Biyya keessatti ammoo foon kiloon tokko hanga birria 700tti gurgurama. Kunis ergitoota kan jajabeessu miti.

Garuu ammoo re’oonni karaa seeraan alaatiin biyyaa baafamuun yoo gurguraman, dolaarri gabaa gurraachaan waan yaadamuuf dachaadhaan galii argamsiisa.

Obbo Kaliifaa Huseen Hojii-gaggeessaa Olaanaa Garee Alaanaa Itoophiyaati.

Dhaabbanni isaaniis kanneen foon hedduu gabaa biyya alaatiif dhiyeessan keessaa tokkodha. Loon baayyeen jira haa jedhamu malee kan gabaaf ta’u muraasa ta’uu dubbatu.

‘‘Fakkeenyaaf, Ejjansiin Istaatiksii loon miiliyoona 70 jiru jedha. Isaan keessaa %70 dhaltuudha.  Re’eefi hooloota irrattis akkasuma. Isaan ammoo qalmaaf hin ta’an.’’

Kanaaf, lakkoofsi loon qalmaaf dhiyaatanii gadaanaadha. Obbo Kaliifaan daldalli loonii karaa seeraa gaggeffamuuf garaagarummaan jijjiraa dolaaraa baankiifi gabaa gurraachaa maadda ta’uu kaasu.

Kanaaf, ammatti fooniifi loon dhaabbataa biyya alaatti ergurraa biyya keessatti gurguruutu bu’aa caalaa qaba jedhu.

Hidhata kontorobaandii loonii keessatti Booranni, Baalee, Gujii, Omoo Kibbaa, Jiinkaa, fi naannawaan Koonsoo ni ka’u jedhu.

Daldalli jalqaba qonnaan-bulaan gabaatti dhiyeessuun eegala, achiin ammoo  gara gabaa jidduugalaatti geeffamu. Achii bituun ammoo loon gara dhaabbilee qalmaatti geeffamu daldaltoottaan.

Isaan booda dhiyeessitoota gurguddaa fi dhaabbilee gurguddaaf dhiyaatu. Kana jidduutti ammoo dalaalota hedduutu jira jedhu Obbo Kaliifaan.

Adeemsa kana keessatti dalalonni dhaabbilee foon erganiif dhiyeessuu dhiisanii gara daangaatti geessanis jiru.

Loon karaa seeraatiin dhaabbataa kan ergamu yoo ta’e, yeroo baatii tokkoo dhukkubarraa bilisa ta’uun itti ilaalamu jira. Ro’ootaafi hoolaafi guyyaa 21 barbaachisa.

Erga Jabuutii gahaniin boodas irra deebiin bakka turmaataa akka galafaman himu. Kanaanis loonitti hanga doolaara 30 waan kanfalamuuf ergitoota irratti dhibbaa qaba jedhu.

Haalli kunis daldala seeraan alaatiif madda ta’uu kaasu. ‘‘Adeemsa kana keessatti to’annoo jala kan oolfaman baayyee muraasa qofaadha,’’ jedhu. Haalichi to’annoo kan dhaabbatu jedhanis hin yaadan.

Sababii isaas, ‘‘Nuti kan binnu birriidhaan haaluma sharafa baankitiin. Re’ee birri 2,500 osoon bite doolaara 50 jechuudha. Sharfin dolaaraa gabaa gurraacha irratti birri 90 fi 100 gaheera. Kanaaf kontorobaandiin dolaara 50tti yoo gurgure namni tokko, birri kuma shan argata jechuudha," jedhu. Kanaaf, kontorobaandii akka filatamu kaasu.

‘Somaaleelaand loon Itoophiyaatti gabaa addunyaaf dhiyeessiti’

Loon fe'amaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Obbo Dassinat oggeessa daldala loonii seeraan alaa irratti qorannoo gaggeessaniiru. Akka isaan jedhaniitti, karaa bahaatiin Wucaalee, Gaashaamoo, Gulaadii, Farfar, Kibbaan ammoo Dolloo Odoo fi Moyaalee, lixaan ammoo Okooboo, Baamboodeeyee, Kumruk, Humaraa fi Almaahaal sararawwan kontorobaandii adda-duraati jedhu.

Rakkoon kun akka hin hirranneef danqaan tokko naannoolee fi bulchiinsoota magaala federaalaa waliin qindaa’uun hojjachuu dhabuudha jedhu Obbo Dassinat.

"Naannoolee daldala loonii karaa seeraan alaa kanarratti to’annoo gahaa hin taasisan," jedhu.  

Kan biraa hafe jidduugalliwwan eddo turii fi qorannoo loonii (kaarantaayinii) naannoolee keessatti ijaaraman illeen hojii hin eegalle.

Bu’aa ba’iin daandii seeraa dheerechuunsaa ammo loon karaa seeraatiin baafamanii biyyoota kaaniitti akka gurguramanii taasiseera jedhu Obbo Dassinati.

 Obbo Kaaliifaanis ragaa kana cimsu kan biraa dhiyeessu.  Biyyoonni olaa baayyina loon qabanii caalaa biyya alaatti ergu kan danda’an waan daandiin seeraan alaa kun jiruufidha jedhu.

“Fakkeenyaaf Somaaliilaandi waggaatti loon dhaabbataa miiliyoona shan gara biyya Arabaatti ergiti. Isaa keessaa parsantaa 60 kan ta’u nu biraa kan dhaqu ta’u qorannoowwan ni mul’isu.’’

Dhimmi kun kan ilaalatu Ministeerri Hidhata Daldalaafi Qaxanaa dhimma kanarratti yaada akka kennuuf yaaliin karaa imeeliifi bilbilaan BBC taasise hin milkoofne.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...