Search This Blog

Kamis, 26 Januari 2023

Qul. Sinodoosii Ortodoksii dureewwan amantii muudama kennaniifi fudhatan dhorke, adda baase - BBC

Abuuna Maatiyaas, Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Qulqulluun Sinodoosii Mana kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dureewwan amantii dhihoo muudama kennaniifi fudhatan dhorkuun akka adda bahan murteesse.

Walgahii atattamaa qaamni olaanaa mana amantichaa guyyaa Kamisa har’aa taa’eeni murtee kanarra gahuu kan beeksise.

Qulqulluun Sinodoosii dureewwan amantii kunneen sirna amantii, Qanoonaafi sirna bulchiinsa mana kiristaanichaa cabsuu hime.  

Sochiin Abuuna Saawiroos fa'i ‘’... Qul. Sinoodoosii fonqolchuu, caasaa Mana Kiristaanaa guddittii diiguu akkasumas jaarmiyaa seera qabeessa jigsuu waan ta’ef Qulqulluu Sinodoosiin balaaleeffatameera’’ jedha ibsi bahe.

Dureewwan amantii addatti beekamtii mana amantichaa malee Paphaasiiwwan muuduu isaanii erga beeksisan booda ture walgahiin atattamaa kan waamame.

Kanaanis, Qul. Sinodoosii ’’… mana Kiristaanaatii kan isaaniif kenname aangoo lubummaa diqqunnaa jalqabee jiru hunda shaaruun dhorkeera, adda baaseera,’’ jedheera.

Dhimma kana irratti dureewwan amantii 'seera mana kiristaanaa hordofuun' Phaaphaasota muuduufi Sinodosii hundeessuu ibsan, waan jedhan hin qabani.

Haa ta’u malee, guyyoota dura yoo sochii isaanii Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa fudhachuudhaa baate Paatiriyaarkii ofii akka muudan himaniiru.

Qulqulluun Sinodoosii dureewwan amantii kunneen ‘’dhiifama yoo gaafatan’’ garuu manni kiristaanaa akka simattu ibseera.

Murtiin kuni dureewwan amantii kunneen aangoo amantii isaanii akkasumas qabeenya mana kiristaanaa akka hin fayyadamne dhorka.

Sirna guyyaa Dilbata darbe Finfinneen ala taasifameen ture beekkamtii Mana Kiristaanaan ala Phaaphaasiiwwan 26 muudamuun kan ibsame.

Phaaphaasotaan ala lubootaafi diyaaqonotas muuduu beeksisan.

Sirni kunis Phaaphaasii Duree Kutaa Lallaba Biyyaa Godina Shawaa Kibba Lixa Shawaa Abuuna Saawiroosiin durfame.

Murteen dureewwan amantii kanaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii keessa rifaatuu uumeera, dureewwan amantiifi hordoftoota amantichaa gidduus qoodinsa dhaqqabsiise.

Phaaphaasiin Duree Abuuna Saawiroos Qulqulluun Sinodosii amma jiru ‘hunda galeessa miti’ ummati afaan isaan akka baratuuf gaaffii dhihaataa ture ‘hin deebisne’ jechuun murtee kanarra gahuu ibsani.

Manni Amantaa garuu lammiileen afaan garagaraan akka waaqeffatan socho’aa akka jirtu ibsiti.

Kanneen muudama kennaniifi amma aangoon lubummaa isaanii mulqamuu kan ibsame kan Abuuna Saawiroos, Abbaa Zeenaa Maarqosiifi kan Abbaa Ewosxaatewoodha.

Dhorkaan Qul. Sinodosii darbe kanneen aangoo lubummaa kennan alatti kanneen fudhataniis dabalata.

Dureewwan Paphaasii Dilbata darbe waamichi taasifameef Kamisa walgahii atattamaa taa'uu isaanii dura guyyaa Roobii kadhannaa eegalan.

Guyyoota kadhannaa sadiis labsan.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo jaarmiyaa amantii Kiristaanaa hordoftoota hedduu qabdudha.  

Hordoftoonni amantichaa muraasni wanta adeemaa jiru walharkisoo sabaafi siyaasaati jedhanii kan fudhataniis jiru.  

Waldhibdeen kuni yaaddoo nageenyaa biraaf ka'umsa ta'uu mala jedhamee sodaatameera.

Dhimma guyyootaaf ijoo dubbii ta'e adeemaa jiru kana irratti gama mootummaa ifatti wanti jedhame hin jiru.  

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub