Search This Blog

Rabu, 18 Januari 2023

Raayyaan ittisa biyyaa magaalaa Adigiraat seenaa jiraachuu jiraattonni himan - bbc.com

Magaala Adigraati

Raayyaan Ittisa biyyaa magaalaa Adigiraati kan harka humnoota TPLF jala turte seenaa jiraachuu jiraattonni BBC’tti himan.

Magaalaan Adigiraat kan magaalaa mummee naannichaa Maqalee irraa kara kaabaatti fageenya naannawa kilomeetira 115 olitti argamtu, magaaloota naannichaa humnoota TPLF jala turan keessaa tokko turte.

Haaluma waliigalte nagaa waraanaa Kaaba biyyattiittii waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabsiiseetiin, raayyaan ittisa biyyaa mootummaa federaalaa Amajjii 17, 2023 magaalaa Adigiraat seenu jiraattonni dubbataniiru.

Waraana namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman itti ajjeefamaniiru jedhame dhaabuuf marii jaarsummaa Gamataa Afriikaatiin Afrikaa Kibbaatti baatiiwwan lamaan dura taa’ameen, humnootiin nageenyaa federaalaa dhaabbilee gurguddoo naannicha keessatti argaman akka to’ataniif waliigalameera.  

Haaluma kanaanis torbanootaan dura humnotiin mootummaa federaalaa Maqalee seenuun buufata xiyyaaraa fi dhaabbilee misoomaa gurguddaa kaan eeguu jalqabuun ni yaadatama.  

Raayyaan ittisa biyyaa Magaalaa Adigiraati  kan gale miilaan, Atobiisiiwwaniifi konkolaataawwan waraanaa gurguddaa waliin ta’u jiraattonni BBCtti himaniiru.

Jiraataan magaalaa Adigiraati maqaansaanii Fitsum jedhamu, magaalattiin tasgabbooftuu ta’u ibsuun, ‘‘haala kana dura raawwatee tureen walqabatee sodaan jiraatulleen, hanga ammaatti garuu wanti mudate omtu hin jiru’’ jechuun Kibxata galgala BBCtti himaniiru.

Raayyaan mootummaa federaalaa magaalaa Adigiraat keessatti bobbaafamuu ilaalchisuun mootummaa federaalaa irraas ta’e aanga’oota Tigraayiin hanga ammaatti kan jedhame hin jiru.

Loltoonni federaalaa dhaabbilee misoomaa Adigraati keessatti argamaniifi kaampiiwwan waraanaa lolaan dura turan akka to’atan eegama.

Waggaa tokkoofi walakkaan ol tajaajilliiwwan bu’uuraa adda addaa irra citee kan turte naannoon Tigraay, torbanoota dura geejjiba qilleensaa, elektirikaa, bilbilaafi baankii eddoowwan garaagaraatti eegalaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa kan amma seene magaalaan Adigiraat hanga ammaatti tajaajila bilbilaatiin alatti tajaajilawwan bu’uuraa kaan eegalusaanii jiraattoonni BBCtti himaniiru.

Sababii waraan naannichatti baatii Adooleessa keessa deebiisee eegaleetiin, naannooleen Tigraay hedduun harka raayyaa ittisa biyyaafi humnoota Ertiraa jala galanii kan turan yoo ta’u, Adigiraat garuu to’annoo humnoota TPLF jala turte.

Mootummaan federaalaatiifi TPLF deeggarsi namoomaa danqaa tokko malee gara naannichaa akka seenuuf, tajaajilootiin bu'uuraa hojii akka eegalanii fi humna raayyaa ittisaatiin alatti humnootiin kaan naannicha keessaa akka bahan akkasumas hidhattoonni TPLF ammoo hidhannoosaanii akka hiikkataniif waliigalaniiru. 

Dhaabbilee mootummaan federaalaa naannicha keessatti to'atu ammoo raayyaa ittisaanii akka eegamaniif haaluma waliigaltee taasifameetin ammas waraanni magaala Adigiraati kan seene.

Haata'u malee looltoonni Ertiraa hanga ammaatti naannoo Tigraay keessaa akka hin baane qondaalli TPLF olaanoo Obbo Geetaachoo Raddaa toora tiwitara isaanii irratti barreessaniiru.

Obbo Geetaachoon kan kan barreessan, haaluma waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti Afriikaa Kibbaatti gahameetiin, waliigalticha jaarsummaan dursa akan turan Oluseenguun Obaasaanjoo dhuma torban darbee irratti haasaa gaazexaa tokko waliin taasisan hordofee ture.

Obbo geetaachoon Obaaasaanjoon gaazeexaa Taayinsi waliin ''loltoonni Eritaa daangaa irratti argamu'' jechuunsaanii sirrii akka hintaane kaasuun, siriiyyuu, ''loltoonni Eritraa Tigraay keessaa bahuuf hanga ammaatti fedhii hin qaban'' jechuun waliigaltichi hojiirra alla oolfamuuf gaafataniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...