Search This Blog

Jumat, 06 Januari 2023

'Tajaajila argachuuf 200km gara Fiichee akka imallu gochuun daba' - Jiraattota Aanaa Barraak hiriira ba'an - bbc.com

Namoota hiriira ba'an

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jala kan turan gandoonni Aanaa Barraak 13 tajaajila argachuuf Finfinnee keessa bahanii gara magaalaa Fichee akka deeman taasifamuu komachuun hiriira bahan.

Magaalaan Shaggar magaalota naannawa Finfinnee garagaraa walitti fiduun akka hundaa’e mootummaan Naannoo Oromiyaa Dambii baaseen beeksiseera.

Kana duras jiraattonni Aanaa Sabbataa Hawaas karoorri kuni hawaasa rakkoofi baasii dabalataaf kan saaxile jechuun hiriira bahanii turan.

Aangawooti mootummaa komii jiraattotaa kanneen irratti waan jedhan hin qabani.

Ga'eessi umriinsaanii waggoota 40 gara jalqabaa ta'e jiraataan Aanaa Barraak kanaa akka maqaansaanii eeramu hin feene, ''mootummaan naannoo Oromiyaa osoo nu waliin hin mari'atin godina nuti ijaarranne jalaa nu baase,'' jedhan.

''Gandoota Aanaa Barraak 23 keessaa gandoota 10 magaalaa Shaggar jala galchanii gandoota 13 ammoo Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fiichee yaa deeman jedhan.''

Fiicheen Anaa Barraak irraa kiilomeetira 200 fagaata kan jedhan jiraataan kun namni tokko tajaajila argatee deebi'uuf 400km imaluuf dirqameera jedhan.

Duraan yeroo Shawaa Kaabaa jala turan tajaajila argachuuuf guddoo rakkachuurraa waggaa 15 dura godina addaa jala galuu kan himan jiraataan ''ergasii boqonnaa argannee turre,'' jedhan.

Namoonni gandoota 13 kana keessa jiraatan tajaajila argachuuf gara Fiichee kan imalan magaalaa Finfinnee keessa darbaniiti.

Aanaa Barraak keessa kan jiru magaalaan Sandaafaa magaalaa Shaggar jala jira.

Jiraattonni kunneen karoorri kuni marii malee murtaa'e jechuun komatu. ''Mootummaan irra deebi'ee yaa ilaalu,'' jechuunis gaafatu.

Uummanni waa'ee hundeeffama 'Magaalaa Shaggar' homaa waan beeku hin qabu kan jedhan jiraataan kun, ''kanaafuu hundeeffama magaalichaas ni mormina. Bakka nutti kalaayutti tajaajila argachuufis ni gaafanna,'' jedhan.

''Nuti dhiyootti tajaajila argachuuf ijaarranne. Mootummaan amma jiru ammoo maaliif akka tajaajila nurraa fageesse hin beeknu,'' jedhan.

''Dhimma kana osoo uummanni hin beekin mootummaan naannoo Oromiyaa murteessuun daba,'' jechuunis ibsan.

''Bara bulchiinsa Pirezidantii duraanii Oromiyaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa ture kan mari'annee godina addaa jala galle. Har'ammoo marii tokko malee miira keessa galuudhaan ofumaa murteessan,'' jedhan.

''Kanaafuu kan mariin ijaarranne osoo nu hin mariisisin nu jalaa diiguun sirrii akka hin taane baanee sagalee keenya mootummaa federaalaatti dhageechifachaa oolle.''

Jiraataan kan biraan umriinsaanii 40'oota keessa ta'e kan maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, ''Kiilomeetra 200 imallee Fiichee deemnee tajaajila argachuu caalaa magaalaa Finfinnee keessa baanee isa deemnutu abdii nu kutachiise,'' jedhan.

Jiraattonni kunneen kanaan dura akkuma hundeeffamni pirojektii magaalaa shaggar eegalamee godina addaa jalaa qoollifatamuu beekaniin mootummaatti iyyatanis garuu hanga ammaatti deebii akka hin arganne himan.

Hiriira guyyaa Kamisaa gaafa Amajji 05, 2023 gaggeessan irrattis gaaffii kana gaafatanii qaamni mootummaa isaan keessummeesse akka hin jirre himan.

''Hanga qaamni mootummaa gaaffii keenyaaf bakka kennee nuuf deebisu argamutti nuti Sirna Gadaatti, abbaa gadaa jalatti bulla jennee waliigalleerra, kun ibsa ejjennoo abbaa qabxii ja'aa baafanne keessaa tokko,'' jedhan jiraataan kun.

Kanaan dura aanaaleen ja'a- Barraak, Muloo, Sulultaa, Sabbataa Hawaas, Walmaraa fi Aqaaqii, akkasumas bulchiinsa magaalotaa lama- Sandaafaa fi Caancoo walgurmeessuun godina addaa jala seenanii tajaajila argachaa turaniiru.

''Gandoota Aanaa Barraak jala jiran walakkaa shaggar jala galchanii kaan of keessaa baasuu jechuun aanicha qoqqoodanii balleessudha,'' jedhu jiraattonni kunneen.

Magaalaan Shaggar maagalota naannawa Finfinnee jahaan alatti aanaalee akka Aqaaqii, Sabbata Hawaas, Barraak, Sulultaa fi Walmaraa keessaa gandoota 40 akka of-jalatti qabatu ragaan dambii hundeeffama magaala Shaggar ni agarsiisa.

Gaaffii miseensota Caffee Oromiyaa dabalatee xinxaaltota siyaasaa garaa garaan hundeeffamuu magaala Shaggar irratti ka'aa ture keessaa tokko Caffeen Oromiyaa wixinee hundeeffama magaalichaa raggaasisuu osoo qabuu dhoksaadhaan ta'e kan jedhuudha.

Miseensonni Caffee kana dura BBC'n dubbise hawaasni dhimma hundeeffamuu magaalaa Shaggar irratti osoo hin mariyatiin hojiitti galamuun isaa rakkoo iftoominaa qaba jechuun dubbataniiru.

Miseensa Caffee Oromiyaafi Deetaa Ministeera Nagaa Obbo Taayyee Danda'aa gama isaaniin magaalaa Shaggar hundeessuun gaaffii uummataa miti jechuun qeeqanii turan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub