Search This Blog

Kamis, 02 Maret 2023

Arsenaal imala waancaa cimse, Maan Yunaayitid West Haam mo'ate - BBC

Arsenaal 4-o Everteen

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal dirree isaanii irratti morkattoota waancaa fi shaampiyoonaa bara darbee Maanchister Siitiin mo’amuun akka dammaquun jabaatan isaan taasiseera.

Haloo bahu yoo taheef Pirimiyeer Liigii Ingilizii dursaa kan jiru Arsenaal guyyaa Roobii Evertaniin 4fi 0 injifachuun imala gara waancaa taasisu cimsateera.

Everteen leenjisaa erga jijjiiranii jabaatu jedhamee eegamus ammas abdii dhabaa dhufan.

Arsenaal yeroo Maan Siitiidhaan mo’ame hojii manaan akkamii akka isaan dura jiru waan hubatan fakkaata.

Ergasii injifannoo sadii walitti aansuun galmeessanii amma qabxii shaniin Maanchister Siitiidhaan caaluun sadarkaa 1ffaa irra jiru.

Gareen Mikeel Arteettaa qormaata itti dhufe hundaa darbaa jira. Maan Siitiidhaan Guraandhala 15 bara 2023 mo’amuun garuu xiin-sammuu isaanii miidhee ture.

Ergasii gareen Peep Gaardiyoolaas gahumsa isa duraa caalu agarsiisaa dhufan.

Kun Arsenaaliif miidhaa xiin-sammuu qabaataa?

Taphoonni sadii darban Arsenaaliif kan ulfaatan ture. Aston Viilaa waliin taphni taasisan qixa akka bahan kan dirqisiisu ture.

Garuu Arsenaal qabxii tokkoon bahu hin barbaanne. Morkii jabaa taasisaniin injifatanii bahan.

Taphni Leester Siitii waliin taasisanis akkasuma tapha ulfaataa ture. Galchii Maartineelii garuu qabxii sadii akka argatan isaan gargaareera.

Kan Everteen itti cima jedhamee eegamus shaampiyoonaa tahuuf hammam qophii akka tahan gahumsa kan itti aargisiisan ture.

Taphni biraan gaggeeffame Liiverpuuliifi Woolvis gidduutti yoo tahu, Liiverpuul galchii 2-0’n mo’achuun qabxii sadii argataniiru.

Galchii lakkoofsisuun kan itti ulfaataa ture Liiverpuul galchii taphataan sarara ittisaa Virjil Vaan Daayiki fi Moo Saalaa lakkoofsisaniin mo’ataniiru.

Amma Liiverpuul sadarkaa 4ffaa irra kan jiru Tootenahaam irraa qabxii jahaan qofa fagaatee argama.

Taphattootni isaanii akka Vaan daayik, Diyeegoo Jootaa fi Firmiinoo miidhama irraa deebi’uun Liiverpuul deebi’ee akka jabaatuuf isaan gargaaraa jira.

Dorgommii 'FA Cup'

Dorgommii ‘FA Cup’ Maanchister Yuunaayitid West Haamiin mo’achuun gara nuusa xumuraatti darbeera.

Maanchister Siitiin akkasuma Biristol Siitii mo’achuun yoo darbu, Tootenahaam Sheefildi Yuunaayitidiin mo’amuun dorgommicha keessaa bahe.

Dabalataan Leester Siitiin kilaba shaampiyoonshiippii keessa dorgomu Bilaakbarniin mo’amuun dorgommicha keessaa baheera.

Saawuzhaampitan kilaba diviziyoona 2ffaa keessa taphatu Girimsii jedhamuun mo’amuun kufe.

Maanchister Siitiin walakkaa xumuraaf darbuuf Barnileey waliin yoo ramadamu, maan Yuunaayitid ammoo Fuulham waliin taphata.

Bilaakbarni, Sheefiildi Yuunaayitid waliin, Biraayitan immoo Girimsii waliin kan morkatan taha.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub