Search This Blog

Minggu, 26 Maret 2023

'Waaqa, qawwee fi Tiraamp': Kumaatamni duula filannoo Tiraamo deeggaruun hiriira bahan - BBC

Deeggaraa Tiraamp

Madda suuraa, EPA

Donaald Tiraamp torban tokko dura yeroo dhiyootti akka hidhaman erga himanii booda yeroo jalqabaaf ummata duratti mul'ataniiru.

Erga Amajjii 2021 aangoo gadhiisanii as gaaffiiwwan yakkaa isaan rakkise hiriira Teeksaas, buufata xiyyaaraa Waakoo keessatti, deeggartoota kumaatamaan lakkaa'aman fuulduratti mormaniiru.

Qorannoon magaalaan Niiw Yoork kaffaltii maallaqa taatoo fiilmii ga'eessotaa Stormy Daniels callisisuuf Tiraampiin kaffalame jedhameerratti eegale gaggeeffame arrabsoodha jedhan.

''Abbaan alangee Niiw Yoorki dahoo fi qajeelfama 'kutaa haqaa' Waashingitan DC jalatti, waan yakka hin taane, yakka salphaa fi dhimma hin taaneef na qorachaa jira," jedhan, bifa Aadde Daani'eels xiqqeessuu isaaniin dura.

Jireenyi dhuunfaa, maallaqaa fi daldalaa isaanii hunduu "sakatta’ame jira" jedhan.

Garuu "seenaa biyya isaanii keessatti nama qulqulluu" ta'uu isaanii himatan.

Torban darbee Tiraamp yoo himataman waa'ee ''badiinsaa'' marsariitii miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaa turan.

Garuu Teksaasitti yeroo haasaa taasisan akeekkachiisa hamaa akkasii kamiyyuu irraa fagaataniiru.

Teeksaas keessatti, deeggartoonni pirezidantii duraanii kumaatamaan lakkaa'aman dunkaana meeshaaleen daldalaa Tiraamp keessa naanna'anii, tiishartii "Waaqa, qawwee fi Tiraamp" fi "Tiraamp injifate" jedhamee barreeffame bitataniiru.

Sana booda jeettiin dhuunfaa Tiraamp bu'uu dura buufata xiyyaaraa biyya keessaa asfaaltii tarmaak irratti eegan.

Uffata

Madda suuraa, EPA

Deeggartonni Tiraamp ho'a keessa sirboota Abbaa, Firaank Siinaatraa fi Boon Joovii sagalee guddiftuun banaman caqasaa eegaa turan.

Weellisaan US Ted Nugent gitaara elektirikii isaatiin faaruu biyyaalessaa Ameerikaa "ibidda hafuura baafachuu" jedhamee waamamu taphate.

Sirbisaa garuu adda cite. Deeggartoonni Tiraamp kanneen Amajjii 6, 2021 Kaappitoolii Ameerikaa weeraran dogoggoraan hidhamaa turan jedhe.

Miseensi Kongiresii Filooriidaa Mat Geetiz fi miseensi Kongireesii Joorjiyaa Maarjoorii Teeylar Giriin waltajjii irratti argamaniiru.

Abbaa Seeraa Magaalaa Niiw Yoorki Alvin Biraag guyyoota dhufan keessatti Tiraamp himachuu fi dhiisuu isaanii murteessuuf jedhan irratti dubbiin dhaadataniiru.

“Haleellaan kun sirna haqaa keenyaa meeshaa waraanaa fokkisaa ta’e gochuu fi kan dorgommii pirezidaantummaa bara 2024 irratti dhiibbaa uumuuf qophaa'edha,” jedhan Giriin.

"Kun Pirezidaanti Tiraamp doorsisu malee waan biraa miti. Inni guutummaatti qulqulluudha."

Maarjoorii Teeylar Giriin

Madda suuraa, EPA

Kanneen hiriira bahan kun 15,000 ta'u jedhanii kanneen duula filannoo Tiraamp gaggeessan tilmaamaniiru.

Yeroo abbaan alangee Niiw Yoork dhahamu muraasni sagalee mormii dhageessisaniiru.

"Akka hin himatamne kadhachaa jira. Waaqayyo ammallee kadhannaa ni deebisa,'' jette jiraattuun Deebi Harvey jedhamtu.

"Wanti baay'ee waan jiru hin fakkaatu," jedha Biraayyan Nooviin, kan naannoo Koopperas Koov jiraatu.

"Amma immoo tasuma himachuu fi dhiisuu isaanii irratti waan rakkatan fakkaatu.''

Novii fi hiriyyaan isaa Richard Tarner, kan hiriira irratti hirmaatan, tiishartii yaadannoo "Tiraamp Teeksaas: Ani achi ture - eessa turte?" jedhu uffataniiru.

Filannoo 2024 irratti Tiraampif dursa akka kennan himan.

Hiriira Waakoo duratti, miidiyaaleen hedduun fi qeeqxonni Tiraamp maaliif pirezidantiin duraanii kun, hiriira guddaa isaanii isa jalqabaa duula filannoo bara 2024, bakka waggoota 30 dura aangawoonni federaalaa fi naannoo, waaqeffannaa amantii Damee Daawit jedhamuun wal-loluun namoonni 86 du’anitti gaggeessaa jiru jechuun gaaffii kaasanii turan.

Deeggartoota

Madda suuraa, Reuters

Taateen suni sochii farra mootummaa US keessatti akka babal’atu gargaare ture.

Jechoonni ''hattoota, abbaa irree'' yeroo baayyee qondaaltota seeraa federaalaa ibsuuf itti fayyadamaa turan.

Bulchaan Teeksaas Daan Paatriik walitti dhufeenyi akkanaa arrabsoo fi ''oduu sobaa'' ta'uu namoota walitti qabamaniif himaniiru.

"Waakoo filadheera" jedhan waan Tiraamp jedhan yoo dubbatan.

"Pirezidantichi torban hedduu dura bilbilanii: 'Gara Teeksaas dhufaa jira. Magaalaa gaarii akka filattu nan barbaada,''' jedhanii dubbachuu isaanii himan.

Tiraamp yoo filataman waa'ee egeree Ameerikaa waadaa kan seenan yoo ta'u, rakkoon seeraa isaan qunname garuu ammatti dhimma bal'inaan waa'ee isaa yaadanidha.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub