Search This Blog

Rabu, 05 April 2023

Humnooti Tigraay lolarratti madaa'an aangawoonni naannichaa nu dagatani jechuun komatan - BBC

Dargaggoota Tigraay lolarratti miidhaman

Madda suuraa, GETACHEW AREGAWI/FB

Yeroo waraana waliinii Itoophiyaa miidhamtoonni waraanaa humnoota Tigraayiif lolaa turan waraana booda deeggarsi wal’aansaafi nyaataa nuuf hin taasifamne jedhanii komatan.

Loltoonni yeroo waraanaa miidhamanii gargaarsa fedhan kuni aangawoonni naannichaa nu dagataniiru jechuun BBC’tti himaniiru.

Kanneen deeggarsa akka barbaadan himan keessaa tokko Madihaane Hiluufidha.

Madihaanen lola dura Yunivarsitii Addigraatitti barsiisaa konistiraakshiin Injinaringii ture.

Ijoollummaa isaatti qabsoo mootummaa Dargii kuffisuuf taasifamaa ture dhagahaa akka guddate dubbata.

Lola kaaba Itoophiyaan miidhaa namoota nagaarratti raawwatameen ‘’carraan kiyyas kanarra adda miti’’ jechuun humnoota Tigraayitti akka dabalame hima.

Barsiisaan duraanii kuni erga lola seenee booda ALI Fulbaana 30, 2015 bakka Addi Daa’iro jedhamutti harka isaa mirgaa rukutamee miidhamuu dubbata.

Waraanni waggaa lamaaf ture erga waliigaltee nagaan xumura argatee boodas miidhama isaa irraa osoo hin bayyanatiin aangawoota naannichaan dagatamuu dubbata.

‘’Wanti wal’aansa jedhamu hin jiru. Uffata haadholii irraa walitti qabameen madaa keenya gogsina,’’ jechuun hima.

Akkuma Madihaane lola Addi Daa’irotti ALI Onkololeessa 2015 taasifameen Taaddala Takastaniis miidhameera.

Giddugala tursiisa yeroof qophaa’e keessa turetti deeggarsa fayyaa waan dhabeef giddugalicha dhiisee bahee alatti wal’aanamuu BBC’tti dubbate.

Buufata maqaalaa Maqalee dhihootti argamuufi Arid jedhamu keessatti sababa wal’aansa dhabeef dhuunfaan wal’aanamaa akka jiru hima.

Humnoonni Tigraay waraana kaaba Itoopiyaan miidhamanii wal’aansaafi nyaata gahaa hin arganne jedhan magaalaa Maqalee keessatti hiriira bahuun sagalee dhageessisaniiru.

‘’Kana duras digdamas, soddomas taanee komii keenya dhiheeffanna ture,’’ kan jedhu Madihaanen yeroo magaalaa Maqaleetti sagalee dhageessifachuu bahan humnoonni nageenyaa imimmaanessituu itti dhukaasuun bittinsuuf yaalanii akka turan yaadata.

Yeroos qondaala TPLF Obbo Getaachaw Radaa miidhamtoota kana waliin mari’achuun dhiifama gaafatanii deebii akka argatan itti himuu kanneen maricharra turan BBC’tti himaniiru.

Hanqina qorichaa

Buufata tursiisa yeroo Taaddalan keessa turetti ‘’maqumaaf wal’aansi jira. Garuu qorichiifi nyaanni hin jiru,’’ jechuun dubbatu.

Qorichonni gargaarsaan hospitaalota mootummaaf kennaman karaa seeraan alaa manneen qorichaa dhuunfaa keessa akka gurguraman komiin akka dhagamu miidhamtoonni lamaan kuni himu.

Taaddalaan ‘’Qorichi baay’ee manneen qorichaa dhuunfaa keessatti argama. Garuu faarmaasiiwwan qoricha kana eessaa fidu?’’ jechuun gaafata.

Madihaanen immoo ‘’fakkeenyaaf buusaa kiyya keessa sibiloonni xixiqqoo galfaman jiru. Hospitaala keessa akka hin jirre natti himame. Garuu mana qorichaa dhuunfaa keessattin argadhe,’’ jedha.

Shakkiin miidhamtoota lamaanii dhugaa ta’u ogeessi hospitaala Ayidar maqaan isaanii akka baramuu hin feene mirkaneessaniiru.

Hakiimni kuni qorichoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa ergaman karaa seeraan alaa hospitaala osoo hin seenin ykn hospitaala keessaa baafamuun farmaasii dhuunfaa keessa akka gurguramu himu.

‘’Haalicha itti fayyadamanii namoonni sooromuu barbaadan baay’eedha. Dhugaadha. Ogeessa qofa osoo hin taane namuu ni beeka,’’ jedhan dhimmicha.

BBC’n dhimmicha ilaalchisee yaada Hospitaala Ayidar irraa odeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Taaddalan itti amanee akka lole ibsuun, ta’us wal’aansiifi soorati kanneen lola keessa miidhamaniif taasifamuu akka qabu dhaama.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub