Search This Blog

Minggu, 30 April 2023

Kaartumiitti dhukaasa dhaabun hafee haleellaa qilleensarraafi meeshaa gurguddaan lolli gaggeeffamaa jira - BBC

Lola Sudaan

Madda suuraa, Reuters

Magaala guddoo Sudaan Kaartuum keessatti waliigalteen dhukkaasa dhaabuu humnoota wal waraanaa jiran lamaan jidduutti taasifame diigamee meeshaa gurguddaan lolli gaggeeffamaa jiraachuun gabaafame.

Raayyaa Ittisaa Sudaan kan humna addaa biyyattii waliin wal waraanaa jiru, Dilbata har'aa gamana magaala guddoo biyyattii magaalaa Kaartuum keessatti haleellaa cimaa gaggeessaa jiraachuu beeksiise.

Dhukaasa dhaabuuf waliigalteen kan taasifame ta’ulleen, raayyaan ittisa biyyaatti garuu taankootaa fi madfiiwwan gurguddaa bobbaasuun haleellaa banun himameera.

Dhukaasa dhaabuun gaafa Kamisaa akka guyyaa sadiif dheerreeffamu waliigaltee irra gahamee ture silaa halkan kana kana xumurama ture.

Raayyaan Ittisa Biyyaa waraanaa torban lama lakkoofsiseen haleellaa raawwataa kan jiru, eddoowwan magaalattii humnoota addaa Jeneraal Mohaammad Hamdaan Daagaalootii durfaman deebiisanii to’achuuf ta’u ibsan.

Waraanaa hanga ammaatti Sudaan keessatti gareewwan lamaan jidduutti gaggeeffameen yoo xinnaate namoonni dhibbaa shanii ol kan ajjeeffaman yoo ta’u, kanneen kumaatamaan lakkaa’aman miidhaaf saaxilamuu aanaga’oonni dubbataniiru.

Haata’u malee kanneen ajjeeffamanis ta’e kanneen miidahaman baayyeen kan himame kana caaluu akka danda’u tilmaamama.

Waraanni Sudaan akka jedheetti, eddoowwan magaalattii to’annoo humna addaa jala jiran deebiisanii to’achuuf madiifiiwwan gurguddaatti fayyadamuun kallattii hundaan Kaartuumirratti haleellaa bananiiru.

Tibba duula kanaattis jiraattoonni magaalichaa balaaf akka hin saaxilamneef manaa akka hin baaneefi naannawa foddaarraa akka fagaataniif raayyaan biyyattii akeekkachiseera.

Magaalattii keessatti waraanni cimaan gaggeffamu kan eegale guyyaa Sambataa yoo ta’u, raayyaan ittisa biyyattii miseensoota humna addaa magaalattiitti gara kutaa kaabaatti argaman irratti duula baneen walaanni itti fufuun kan himame.

Dhiheenya waajjirri muummee raayyaa ittisa biyyaa fi masaraan mootummaa to’annoo humnoota Janaraal Heemeetii jalatti argamaniitti waraanni cimaan gaggeeffamuu gabaasaaleen ibsaniiru.

Namoonni ijaan argan Rooyitarsiitti akka himaniitti, diirooniiwwan raayyaa ittisaa eeddoowwan to’annoo humnoota Janaraal Heemeetii dhiheenya bakka bobba’aa itti calalamuutti haleellaan raawwatameera.

‘‘Dhukaasaa fi dhohiinsa meeshaalee farra xiyyaaraa fi [sagalee] xiyyaaroota waraanaa ganamaa naannoo ollaa keenyaarra balalii’aa turaniitiin irribaa kaane,’’ jechuun ture jiraataan tokkoo madda oduu AFP’tti kan dubbatan.

Waraanni Sudaan namoota hiriira nagaa bahan irratti gara jabinaan warra ajjeechaa raawwatan kan garee Humna Poolisii Eeggataa Giddu Galeessaa jedhamu bobbaasun lolichi akka babal’atu gochaa jira jechuun himata Humni Addaa (RSF).

Sababa waraana kanaan magaala Kaartumitti tajaajilli bu’uurafi dhiyeessin tajaajilaa biroo kan adda cite yoo ta’u, rakkoo kana furuuf waraanni yeroof akka dhaabbatu walii galamus garuu dhukaasni itti fufee jira.

Humni waraana biyyattii haleellaa qilleensarraafi meeshaalee gurguddoon magaala Kaartum keessatti Humna Addaarratti gaggeessaa waan jiruuf namoonni magaalattii keessaa baqachuuf humnaa dandeettiisaa qaban baqataa jiru.

Lammiilen biyyaatti kuma heddu gara biyyoota ollaatti kan baqatan yoo ta’e heddu ammoo du’aniiru.

Lammiilen Sudaan kuma dhibbaan lakkaa’aman biyyattii keessaa waan baqachuu malaniif deeggarsa gochuuf qophaa’an jira jedhe Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii.

Wiixata darberraa eegalee waraana dhaabun guyyoota sadii waan tureef biyyoonni heddu lammiileesaanii Sudaan keessaa baasuf sardamaa turan. Guyyoonni sadan jalqabaa erga dhumanii ammas guyyaan sadi itti dabalamee waraanni akka dhaabatu godhamee ture.

Dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoonni garaa garaa Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaanifi Jeneraal Mohaammad Hamdan Dagalo taa’anii mariin rakkoosanii akka furataniif dhiibbaa godhanis waraana dhaabuu sa’aatii 72n alatti hin milkaa’un hafan.

Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan mariidhaf qophii ta’uu ibsanis Jeneraal Mohammad Hamdaan ammoo haleellan walirraa hin cunne nurratti gaggeeffamaa osoo jiruu mariif taa’uun hin jiru jechuun BBCtti himan.

Loltoonni Humna Addaa Humna Waraana Sudaan wajjin wal-lolaa jiran lakkoofsan 100,000 ta’an akkaataa itti humna waraana biyyattiitti dabalamaniifi yeroosaarrati Jeneraal Abul Fattaa al-Burhaan wajjin walii galuu waan dadhabaniif waraanni kun eegale.

Jeneraalonni lamaanuu bulchiinsa al-Bashiir booda mootummaa cehuumsaa hundaa’erratti fonqolcha gaggeessun aangoo qabatan. Mootummaan Sivilii deebi’ee akka hundaa’uf lamaan isaanituu fedhii akka qaban agarsiisaa turan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub