Search This Blog

Minggu, 23 April 2023

Waraanni Ameerikaa dippilomaatotaafi maatiisaanii Kaartum keessaa baase - BBC

Sa'ud Arabiyaan namoota Sudaan keessaa baafaman abaaboo fi waan mijaawuun Jiddaatti simatte

Madda suuraa, Reuters

Waraanni Ameerikaa dippilomaatota Ameerikaafi maatiisaanii Sudaan, Kaartum keessaa baasuu isaa pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan himan.

“Akkuma ani har’a ajaja dabarseen waraanni Ameerikaa oppereeshinii gaggeesseen bakka buutonni Ameerikaa Kaartum keessaa akka bahan taasifameera,” jedhan Pirezedantiin Ameerikaa Baayidan.

Xiyyaaronni humni addaa dafe-qaqqabaa Sudaan ja’a lammilee baasuudhaaf hojiirra akka ooleefi Ameerikaa akka tumses ibsaniiru.

Dippilomaatonniifi lammileen Ameerikaa, Yunaayitid Kigidom, Firaansiifi Chaayinaa xiyyaarota waraanaatiin Kaartum keessaa baafamuuf akka ta’e Humni waraanaa Sudaan ibsa baaseen beeksisuun isa ni yaadatama.

Namoota hagamitu Sudaan keessaa oppereeshinii kanaan akka baafaman ifa hin taane.

Haata’u malee, oppereeshinii kana dura hojjetoota mootummaa 70 baasuudhaaf karoorri akka jiru Ameerikaatti BBC kan gargaaru CBS News gabaasera.

Milkaa’ina oppereeshinii kanaaf, Jibutii, Sudaaniifi Sa’ud Arabiyaa galateeffataniiru.

Hojjetoota Imbaasii, “jajjaboofi naamusa hojii kan eegan” jechuun Baayidan isaan jaje.

Erga Sudaan keessatti waraanni jalqabee lammileen biyya alaa baasuun kun kan lamaffaadha.

Yeroo darbe biyyoonni Galoo Galaanaa, akkasumas Masirii, Paakistaaniifi Kanaadaan lammilee, dippilomaatotaafi hoggantoota idil-addunyaa 150 karaa galaanaan bahanii magaalaa Odola Sa’ud Arabiyaa taate Jiddaa geeffamaniiru.

Miidiyaan afaan Arabaa Al Hadaat jedhamu akka gabaasetti, xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa ja’a Sudaan qubataniiru. Jiraattonnis sagalee xiyyaaraa akka dhagahan fuula Twittera isaaniirratti barreessaa turaniiru. BBCn garuu kana qama wallaba ta’erraa hin qulqulleeffanne.

Buufanni Xiyyaaraa Sudaan bakkeewwan halleellaan xiyyaaraafi dhukaasni itti gaggeeffame keessaa tokko waan ta’eef namoota baasuudhaaf rakkisaa ta’ee tureera.

Walitti bu’insi kun akka hin dhaabbanne hubachuudhaan gareen Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa erga Baayidaniif eeruu kennaniin booda lammilee baasuudhaaf akka murteessan aanga’aan Ameerikaa maqaan isaanii hin ibsamiin tokko Assoosheetid Pireesitti dubbateera.

“Lammileen Ameerikaa Sudaan jiran gargaaruudhaaf odeeffannoon dandeessisu yeroo yerootti na qaqqabaa jira.

Biyyoota biro waliinis hojjechaa jirra. Walitti bu’insi gaddisiisaa ta’e kun dhaabbachuu qaba,” jedhan Pirezidant Baayidan.

“Gareen wal waraanaa jiran haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuu qabu. Fedhii uummata Sudaan eeguufi gargaarsa namoomaatiif karaa banuus qabu,” jedhan itti dabaluun.

Gama biraan dippilomaatonni Biriteen fi maatiin isaanii oppereetion "walxaxaa fi ariifataa" ta'een Sudaan keessaa baafamuu isaanii Ministirri Mummee biyyattii Rishii Sunaak mirkaneessaniiru.

MM Sunaak dabaluun nageenya lammilee Biriteen Sudaan keessatti hafan mirkaneessuuf hojiin akka itti fufeerus ibsaniiru.

Imbaasiin Kanaadaa lammileen biyyattii “bakka nageenyi isaa eegame akka turan” akeekkachiise.

Haalli jiru baayyisee hamaa akka ta’e ibsee, lammileen sa'aatii hunda bilbila isaanii chaarjii akka godhataniifi bakka jiranitti karraafi foddaa isaanii cufatanii akka turan, danda’amnaanis karaan amansiisaa ittiin Sudaan keessaa bahan jiraannaan akka bahaniif hubachiise.

Ispeen ammoo xiyyaarota ja’a gara Jibutiitti erguushee beeksisteetti.

Erga walitti bu’insi kun uumammeen booda ibsaan kan addaan cite yoo ta’u, nyaataafi bishaan argachuun hin danda’amne.

Ayyaana Iidaa sababeeffachuun waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oola jechuun gareen lamaanuu irra deddeebiin dhukaasa ni dhaabna jechuun ibsanis garuu irra deddeebiin waliigaltee dubbatan cabsan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedhetti, walitti bu’insa Sudaan kanaan hanga ammaatti namoonni 400 ajjeefamaniiru.

Hospitaalotarraa odeeffannoo argachuun rakkisaa waan ta’eef malee lakkoofsi namoota ajjeefamanii kanaa ol ta’uu akka danda’u ni amanama.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) akka jedhetti, gara caalu dubartootaafi daa’imman dabalatee namoonni 20,000 ta’an gara Chaaditti baqataniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub