Search This Blog

Selasa, 09 Mei 2023

'Maatiin 'afaan' daa'ima isaanii dubbachuu hin dandeenyee barachuu qabu' - BBC

Daa'ima harka abootatte

Madda suuraa, Getty Images

Daa’imni gaafa dhalattu sagalee boo’ichaa dhageessiftuun haadhaafi maatiitti missiraachoo labsiti. Ililleen gammachuu maatii boo’icha daa’imaan booda dhagahama.

''Guyyaa jalqabaa daa'imman garaa haadha isaanii keessaa yoo bahan boo'uun jaboo, fayyaafi nagaa kan qaban tahuu agarsiisa," jedhu ogeessi fayyaa daa'immanii.

Daa’imman guyyaa dhalatanirraa kaasee hanga ji’a sadiitti sagalee garagaraa dhageessisu, yeroo baayyee garuu sagalee dhageessisanitti aanee bo’ichatu dhufa.

Dr Sisaay Camadaa, Yunivarsiitii Finfinneetti Piroofeesara gargaaraa wal’aansaa fi fayyaa daa’immaniiti. "Ijoolleen sababa malee hinboossu, gaafa bo’an waa dubbachaa jiru jechuudha,’’ jedhan.

Daa’imman afaan maatii isaanii barachuu jalqabuun dura, eessattiyyuu haa dhalatan, maatiin isaanii afaan kamiyyuu haa dubbatan, mala ittiin of ibsatan qabu. Innis, boo’icha, seeqaafi sochii qaamaati.

Akkaataan boo’ichaa, sochii harkaa, miilaafi mataa agarsiistuu waan daa’imman himachuu barbaadaniiti jedhu hakiimni kuni.

Akka Dr Sisaay jedhanitti daa‘imman akkaataan waa itti himatan yeroo baayyee wal-fakkaataa dha.

Gama biraan weellistuun oppeeraa lammii Awustiraaliyaa Parsiillaa Danstan ijoolleen boo'uun dura sagalee dhageessisan hubachuun xiinxalteetti. Marsariitii 'Dunstan Baby Language' jedhamu irrattis mala ittiin maatiin daa'imman kichuu wajjin waliigalan barsiifti.

Akka Danstan jettutti daa'imman boo'ichi isaanii cimuun dura sagalee dhageessisan baruun maatiin daa'imni isaanii maal akka itti himuuf yaalaa jiru adda baasuuf gargaara.

Afaan daa'immanii Danstan kuni guutummaatti afaan jedhamuu baatus, mala maatiif daa'imni afaan idilee hin barre ittiin waliigaluu gargaaru tahaa jiraachuu Danstan himti.

Danstan dandeettii muuziqaa irratti qabdu fayyadamuuni dha addunyaarra naanna'uun sagalee daa'imman waggaa saddeetiif kan qoratte.

Akka Dr Sisaay jedhanitti daa'imman dhalatanii torban jalqabaarratti maatiin ijoolleen maaliif akka boossu adda baasuu rakkata.

Sababooti daa'imman boossisan keessaa, beela'uu, dadhabuu, garaa dhukkubuu, mijuun yoo itti dhagahamuu didu, yeroo ciisuu barbaadan akkasumas yeroo xiyyeeffannoodhuma maatii barbaadani, fa'i jedhu hakimtichi.

''Daa'imman gaafa beela'an sagalee isaanii takka dabalaa, takka hir'isaa, takka callisaa boo'u, gaafa dhukkubu ammoo otoo walirraa hin kutiin akkasumas fuula isaaniirra dhiphina agarsiisuun boo'u, yoo immoo suuta jedhanii boo'u taheefi fuula isaanii sukkuumu tahe immoo dadhabbii tahuu mala,'' jedhu.

Akka Danstan jettutti, ijoolleen hundi boo'uu isaaniin dura sagalee gosa shan qofa dhageessisu. Sagaleewwan kunneen boo'uu isaaniin dura xiyyeeffannoon dhaggeeffachuun daa'imni maal akka feetu baruuf gargaara.

Daa'ima mataatti uffatte

Madda suuraa, Getty Images

Sagaleewwan bu'uuraa 'Afaan daa'imman Danstaniin,' adda baafaman:

Neeh = ''Beela'eera''

Eeh = ''Na deefachiisi”

Eerrr = ''Garaan koo afuufameera ykn 'kaakkaa' gochuun barbaada''

Heeh = ''Naa hin mijanne, natti ho'eera, natti qorreera ykn jiidheera''

Ow= ''Na dhukkube''

Afaan daa'immanii Danstan sochii qaamaa fi harkaa fayyadamuunis daa'imni maaliif akka boossu hubachuu yaala.

Maatiin daa'imni al meeqa akka boossee fi akkaataa boo'ichaa hordofuu qabu jedha - Dr Sisaay illee yaada kana ni deeggaru.

Kana malees walumaagalatti daa'imman akkaataan isaan rakkoo isaanii himatan, ''daa'imaa daa'imatti badaa gargar miti wal-fakkaataa dha, '' jedhu.

Afaan daa'imaa Danstaniin sochii qaamaa daa'imaa maatiin akka hordofan gorfaman keessaa

Mataa isaanii naannessuu:

Daa'imni otoo hin boo'in mataa naannessiti taanaan rafuu barbaaddetti jechuu dha. Yoo immoo mataa bitaa mirgatti sochoosuun booda boosse, dhukkubbiin itti dhagahamaa jira ykn waan itti hin mijanne jira jechuudha.

Harka aboottachuu: Daa'imman harkasaanii gaafa aboottatan kan aaran ykn kan dhukkubbiin itti dhagahamu fakkaachuu mala, garuu ergaan dabarsuu barbaadan ''beela'eeraa dha.''

Harka batattisuu: Yeroo kanatti daa'imni rifachuu agarsiisaa jira.

Dugda jabeeffachuu: Daa'imni dugda yoo jabeeffatee sochoosuu dide, baayyee nyaateera, garaan afuufameera tahuu mala. Daa'imman waggaa lamaa ol yoo tahan garuu dadhabaniiru ykn wayiin itti hin tolle jechuu dha.

Miila ol kaasuu: Daa'imni yoo miila gara garaatti dachaasti taheef tokko garaan afuufameera, kan biraa immoo gammadduu dha ykn taphachuu barbaaddeetti jechuu dha.

Haadha daa'imashee wajjin

Madda suuraa, Getty Images

Afaan daa'imaa Danstan kana sirrii tahuufi dhiisuusaa mirkaneessuuf Romaaniyaatti qorattoonni sagalee daa'immanii 65 addunyaa mara irraa waraabamee funaaname, kompiitarri akkaataa sagaleewwan shan Danstaniin akka adda baasu taasisan, haala kanaan sagaleewwan daa'imman harki 89 sirrii taheetu argame.

Qorannoo Danstan taasifteen mallattoowwan kunneen daa'imman guyyaa dhalatanii hanga baatii sadii jiraniif caalaatti hojjeta. Ijoolleen yeroo guddataa adeeman sagalee mataa isaanii barachaa adeemu.

Maatiin 'akkaataa boo'ichaa' daa'immanii barachuun murteessaa tahuufi fedhii daa'imaa guutuuf akka gargaaru Dr Sisaay himu. Akkasumas, qorannoowwanis kanneen Afaan Danstan kana baratan daa'imman isaanii maaliif akka boo'an baruun caalaatti akka gargaaran himu.

Kanaan ala daa'imman kichuu tahan ykn waggaa tokkoo gadi tahan ''waanti isaan barbaadan hundi guutamnaanif yeroo isaanii sa'aatii 16 ol rafuun dabarsu,'' jedhu Dr Sisaay.

Ijoolleen dhukkubbii, beela ykn itti mijachuu diduu yoo hin qabaanne kan isaan barbaadan, ''xiyyeeffannoo maatii isaaniiti, akka isaan taphachiisan barbaadu.

Ho'i qaama isaanii madaalawaa tahuu qaba, akka isaan tasagabbaa'an immoo muuziqaa rukuttaa laafaa tahe banuufin gaarii dha.

Kana haadholiin ulfa ji'a torbaa qabee yoo godhan, daa'imni akka hin jeeqamne gargaara,'' jedhu hakiimni kuni.

Kana malees daa'ima ofitti qabuu, dhaqna isaanii bishaan labiin dhiquu akkasumas daayipparii isaanii hordofanii jijjiiruun daa'imman akka tasgabbaa'an godha jedhu.

Dr Sisaay, ''daa'imman waan himachuu yoo fedhan malee hin boo'ani,'' jechuun maatiin 'afaan' ijoollee isaanii akka baratan jajjabeessu.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub