Search This Blog

Selasa, 16 Mei 2023

'Oomishni nyaataa sadarkaa hin eegganne gabaa keessaa baafama' - BBC

Oomishaalee zayiitii seeraan ala jedhaman.

Madda suuraa, EFDA

Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa oomishaalee nyaataa: ashaboo, zayita nyaataa fi kanneen biroo “eeyyama hin qaban” jedhe 91 hawaasni akka hin fayyadamne dhuma torbee darbee akeekkachiiseera.

Gosooti nyaataa hawaasni akkatti hin fayyadamne adda baafamanii miidiyaalee biyya keessaa irratti bahanis;

Zayiita nyaataa 27, ashaboo ayoodaayizdii 46, acheettoo gosa adda addaa shan, dhadhaa lawuzii akaakuu lama, karameellaa akaakuu kudhan fi mi'aa vaaneellaa tokko dimshaashaan 91 ta’anidha.

Oomishaaleen kunneen qabiyyeen isaanii waan hin beekamneefi qaama to'annoo nyaataa taasisurraa eeyyama gatii hin qabneef hawaasni akka hin fayyadamne dhaame abbaan taayitaa kuni.

Waajirichatti itti gaafatamaa to'annoo dhaabota nyaataa kan tahan Obbo Batiree Geetaahuun qorannoo gabaa waajirri isaanii qaamolee to'annoo qulqullina nyaataa naannolee wajjin tahuun Finfinnee fi naannoo isheetti taasiseen oomishaalee nyaataa 126 eeyyama seeraa kan hin qabneefi madaallii qulqullinaa kan hin eegne tahuu mirkaneessuu BBCtti hiamniiru.

Oomishaalee kunneen keessaa, ''kanneen 91 tahan eessaaafi eenyuun akka oomishaman gatii hin beekamneef tarkaanfii fudhachuunis waan hin danda'amneef hawaasni akka itti hin fayyadamne taasifame,'' jedhan.

Dhaabbanni oomisha nyaataa irratti bobba'e tokko oomishatti otoo hin galiin dura, ''gosa nyaataa sana miya dheedhii maalirraa akka oomishu, sadarkaasaa kan eeggate tahuu, iddootti oomishamu akkasumaa haala saamsama oomishichaa waajira keenya federaalaa dabalatee dameelee naannoleerra jiraniin erga mirkanaa'een booda gara gabaatti bahuu mala,'' jedhan itti gaafatamichi.

Nageenyi nyaataas jalqaba laaboraatoriidhaan mirkanaa'etu hawaasaaf dhiyaataa jedhan.

Haa tahu malee oomishni nyaataa sadarkaan gadi tahe akkasumas adeemsa seeraa keessa hin darbine, ''hawaasa irratti miidhaa fayyaa qaqqabsiiseeraa waan jedhu adeemsa mataasaa danda'een qoratamuu qaba,'' jedhan.

Tahus Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa federaalaa dameelee kan naannoo wajjin tahuun oomishaalee adeemsa seeraa otoo hin guutiin gabaatti bahan kunneen, ''gabaa keessaa funaanuun ni dhabamsiifaman gochuun tarkaanfii isatti aanu dha'' jedhan.

Gama biraan daldaltoonni oomishaalee raabsan mirkaneessanii akka fudhatan miidiyaalee garaagaraatiin bal'inaan barnoota kennaa akka jiranis himaniiru.

Kana malee dhaabbanni isaanii sakatta'insa oomishaalee 'eeyyama hin qabne' irratti taasisu itti fufuun hojjeta jedhan Obbo Batireen.

Haala kanaan oomishtoonni seeraan ala tahan 'gochaa isaaniirraa akka of qusatan akeekkachiisni keennamaafi yoo tahuu baate tarkaanfii seeraa gara fudhachuutti deemama jedhan itti gaafatamaan kuni.

Hunda caala garuu hawaasni oomishni tokko, ''qaabiyyeen irraa ooomishame, guyyaa itti oomishamee fi irra darbu, ulfaatina oomishaa, mallattoo sadarkaa qulqullinaa agarsiisu, lakkoofsa adda baastuu oomishaa fi kanneen kaan qabaachuu mirkaneessuurra darbee eeruu kennuun hirmaachuu qaba,'' jedhan.

Haala kanaan maamilli tokko oomisha saamsame kamiyyuu gaafa bitu ''odeeffannoo guutuu tahe argachuuf mirga qaba, odeeffannoo kana yoo hin qabne oomishichi seeraan ala dha jechuu dha, '' jedhan.

Itti gaafatamaan kuni qorannoon dabalataa barbaachisaa tahus sababiin oomishtoonni oomishaalee seera qabeessa hin taane kana gara gabaatti baasan keessaa tokko ''bu'aa hin malle argachuufi,'' jedhan.

''Kara seera qabeessaan deemuun gatii kaffalchiisu baasuu dhiisuuf ofittummaarraa kan ka'ee tahuu mala, oomishaaleen kunneen nagahee malee yeroo gurguraman argamuun isaaniis kanuma agarsiisuu mala, inni gara biraa garuu otoo hin beekiin kan godhamu dha, '' jedhaniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...