Search This Blog

Jumat, 12 Mei 2023

Raayyaan Ittisaa Sudaaniifi RSF dhukaasa dhaabuu didan, namoota nagaa baraaruuf waliigalan - bbc.com

Lammiilee Sudaan waraana baqachaa jiran

Madda suuraa, AFP

Marii torbaniif godhameen booda qaamoleen waraanaa Sudaan lamaan dararaa lammiilee nagaa hanqisuuf waliigalan.

Raayyaan Ittisaa Sudaaniifi humnoonni RSF jaarsummaa US fi Saawdiin torbaniif mariyachaa erga turanii booda, ammas waliigaltee nagaa mallatteessuurra osoo hin gahiin hafan.

Haata'u malee namoota nagaa waraanaan danqamaniif eegumsa gochuufi balaarraa baraaaruuf walta'aniiru.

Qaamoleen lameen namootni nagaan waraana keessatti danqaman nagaan akka bahan daandii saaquu, nageenya hojjettoota deeggarsa namoomaa dhiyeessan mirkaneessuu fi namoota naga aakka dahootti fayyadamuu dhiisuurratti walta'an.

Janaraalonni lameen ammatti dhukaasa dhaabuuf wal-hintaane.

Guyyaadhuma Jimaataa kanayyuu magaalaa Kaartuum keessa haleellaa qilleensaan waraanni deeggarame gaggeefamaa oole.

Mariin kun Saawdii Arabiyaatti jaarsumaa US fi Saawdiin gaggeefamaa ture.

Qondaalotni US qaamoleen lamaan deeggarsa namoomaa dhiyeessuurratti wanti jedhan shakkii qabaatus ni raawwatama abdii jedhu qabu.

Haleellaa fi saamichi deeggarsa namoomaarratti gaggeefamu hir'isee namoota deeggaramuu qaban qaqqabuuf abdataniiru.

Qaamoleen waraanatti jiran lamaan waliigaltee nagaa raawwachuu irraa fagoo jiruu jetti US.

Jaarsoliin araaraa dhimma dhukaasa dhaabuu fi toftaa ittiin hordofan qopheessaa akka jiran gabaafameera.

Arab News ilaalcha gama Saawdiin jiru yoo gabaasu ''Tarkaanfileen biroon kan itti aanan ta'ee wanti inni guddaan wanta ammatti waliigalan hojiirra oolchuudha'' jedhu.

Wanti amma qaamoleen lamaan irratti walta'aniiru jedhame, lammiilee Sudaan hedduu hin gammachiifne. Wanta maricha irraa eeganiin gadi ta'uu lammiileen ni dubbatu.

Yunivarsiitii biyya Kaanadaa, Toronto University, irraa sagantaa BBC Newsday jedhamutti kan dubbate Professor Nisrin Elamin ''akka malee mogolee na buuse'' jette.

''Waliigalteeen dhukaasa dhaabuu amma dura waliigalan hin raawwatamne. Amma maaliif akka isaan amannu naaf hin galu'' jechuun bakka bakka buutootni lammiilee nagaa hin jirretti balabala cufatanii ammas mariyachuuf deemuu jetti.

Lammiileen nagaa ammayyuu magaalaa Kaartuum keessa jiran, dhukaasa meeshaalee gurguddaafi sarbamoota hedduu argaa akka jiran himu.

Waraanni kun Eebla darbe humnoota RSF waraana raayyaa ittisaatti makuuf karoora qabame diduu isaa eegalame.

Ergasii hanga ammaatti waraana adeemaa jiruun namootni 600 ol ta'an lubbuu dhabuu Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa ibseera. Kumootni hedduun qe'ee isaanii dhiisanii baqataniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...