Search This Blog

Rabu, 21 Juni 2023

'Abbaa Aviyeeshinii Afrikaa' kan jedhaman Obbo Girmaa Waaqee eenyusaan? - bbc.com

Obbo Girmaa Waaqee

Bara bulchiinsa Hayilasillaasee Kiiloo 4'tti barataa Heerreegaa turan.

Kubbaa miilaa akka malee jaalatu. Guyyaa tokko hiriyaansaanii tokko, ''koottu Boolee geenyee deebinaa'' jedheen.

Innis osoo fula hin mariin waliin qajeele. Eedaa hiriyoonni Obbo Girmaa qormaata balaliisummaa xayyaaraa fudhachuuf ture.

Achi gahanii waraqaan qormaataa gaafa kennamuuf, lakkii ani barataa waggaa 2ffaati jechuun qormaata fudhachuu didanis, rakkoo akka hin qabne itti himamee qormaata fudhatan.

Akka carraas ta'e oqrmaata waan darabaniif Obbo Girmaa Waaqee leenjii balaliisummaa xayyaaraa akka fudhatan itti himame.

Leenjii jalqabanii erga xiqqoo turanii booda garuu leenjisaansaanii balaliisaa cimaa ta’uu akka hin dandeenye itti himuun gara Maarkeetingiitti isaan jijjiire.

Ergasii jalqabee Obbo Girmaan deemsa milkaa’inaa jalqabuun walakkaa jaarraa oliitif aviyeeshinii Itoophiyaa keessatti nama maqaa guddaa horataniifi daandii qilleensa Itoophiyaa sadarkaa guddaan gahan keessatti gahee isaanii bahan.

'Tawalde osoo hin molaa'inan beeka'

Obbo Girmaa Waaqee ofisara idileerraa ka’uun itti gaafatamaa kutaa kaargoo ta’uun muudaman.

Daandii qilleensaa Itoophiyaatti daayireektara jalqabaa kaargoo ta’uun muudaman.

''Kaargoon of-danda’ee madda galii guddaa akka ta’u kan godhe Obbo Girmaadha'' jedhu xinxaalaafi gaazexeessaa dhimma aviyeeshinii kan ta’an Obbo Qaalayyesuus Baqqalaa.

Obbo Girmaa Waaqee ammoo wayita daayireektara kutaa kaargoo ta’anii hojjataa jiraniitti dargaggeessa qal’aan tokkotu kutaasaanii seenee ture.

Dargaggeessi kunis Maarkeetingiidhaan eebbifamee reefuma kutaa kaargoo seenuu isaati.

Dhamaatiin inni hojiirratti agarsiisu qalbii Obbo Girmaa hawwatee itti dhiyaachaa dhufan.

Dargageessi gaafasii sunis boodarra daandii qilleensa Itoophiyaa kan gaggeessaa turan Obbo Tawalda Gabramaariyam ture.

Obbo Tawalden Obbo Girmaa Waaqee jalatti guddachuun boodarra Obbo Girmaa bakka bu’anii daandii qilleensa Itoophiyaa gaggeessan.

Waa'ee isaas yoo dubbatan ''Ani Tawaldan osoo hin molaa'iin duran yeroo inni [Obbo Tawalden] dargaggeessa turee kaaseen isa beeka'' jedhu Obbo Girmaan.

Sarara diimaa Obbo Girmaa Waaqee

Obbo Girmaa Waaqee hojii gageessaa daandii qilleensa Itoophiyaa (ADWUI) erga ta’anii booda, walitti qabaa boordii jalqabaa kan turan Obbo Siyyee Abrahaa ture.

Obbo Siyyeen yeroo sana reefu dirree qabsoorraa gara aangootti dhufuusaaniti.

Yeroo mootummaan Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa TPLF’n durfamu aangoo qabatu, daandii qilleensa Itoophiyaa qormaata guddaatu mudate.

Yeroo ADWUI qofa osoo hin taane, yeroo mootummaan jijjiiramu hunda gaggeessummaa irratti raafamni daandii qilleensichaa akka mudatu Obbo Qaalayyesuus ni ibsu.

Fakkeenyaf, gaafa Hayilasillaasen bu’u Dargiin jeneraala fidee itti gaafatamaa godhee muude.

Kaadirees itti naqee ture. Dargiin jibbaa kan ture, sababii daandiin qilleensaa ''Daandii Qilleensa Mootiit'' jedhuun.

Boodarra Dargiin erga tasgabbaa’ee booda daandin qilleensaa bilisummaa hamma tokko akka argatu godhe.

Yeroo sana ''Daandin qilleensaa tasa nun barbaachisu kanneen jedhan turan'' jechuun haala yeroo Dargii ture ibsu Obbo Waaqen.

Sababni isaa ammoo xayyaarri mootichaaf maqaafi ittiin bashannanuuf malee uummata hiyyeessaf waan buuse hin qabu kan jedhu ture.

Mootummaan ADWUI gaafa dhufummoo rakkoo biraa daandii qilleensa Itoophiyaatti fidee dhufe.

Daandii qilleensaa ija hamaan ilaalu ture. Yeroo waraanaa daandin qilleensaa Itoophiyaa waraana Dargiif reeshinaa fi meeshaa waraanaa deddeebisuun nu ficcisiisaa ture kan jedhuudha.

Yeroo sanatti walitti qabaa boordii kan turan Siyyee Abrahaa ture. Daandii qilleensa Itoophiyaa keessatti gahuumsaafi muuxannoo waggaa dheeraa kan qaban hojii gadi dhiisuu eegalan.

Obbo Girmaa Waaqee dursanii hojii gadi dhiisan. Gaggeessitoonni gulantaa olaanaarra jiranii fi muuxannoo waggaa dheeraa qaban 37 Obbo Girmaa Waaqee hordofuun daandii qilleensa Itoophiyaa gadi dhiisanii bahan.

Obbo Girmaan hojii erga gadi dhiisanii hojii malee ji’a shaniif Finfinnee keessa turan.

Osoo hin turin daandin qilleensaa Golf mindaa guddaan isaan fudhate.

Waggaa sagaliif Itoophiyaan ala turan. Golfitti itti gaafatamaa kutaa kaargoo ta’anii osoo hojjatanii guyyaa tokko aangawaan Itoophiyaa olaanaa tokko irraa bilbilli bilbilameef.

Innis ministiira dhimma alaa Itoophiyaa kan turaniifi amma lubbuun kan hin jirree Obbo Siyyum Masfintu Obbo Girmaaf bilbile.

Obbo Girmaa Waaqee badhaasa garaagaraa argataniiru

Mindaa doolaara 5,000 irraa birrii 5,000tti

Daandin qilleensa Itoophiyaa yeroo sana rakkoo keessa waan galeef, gaggeessitoota walitti qabuun ''maal nuuf wayya'' jechuun gaafatan. ''Namni cimaan Girmaa Waaqee jedhamu jira. Isa deebisaa,'' kan jedhu yaanni wal-gahicharraa ka’e.

Obbo Siyyum Masfin bilbiluun dhufeen si dubbisa jedhaniin.

Ministeerri biyyaa tokko akkamitti dhufeen si dubbisa naan jedha jechuun,''Inumaayyuu dhufeen isin dubbisa'' jechuun gara Itoophiyaa dhufan Obbo Girmaan .

''Maaloo! Daandii qilleensaa si guddise balaarraa oolcha'' jechuun Obbo Girmaa Waaqee kadhatan Obbo Siyyum.

Yeroonsaa bara 2003/04 ture. Fayidaa garaa garaa osoo hin dabalatin mindaan Obbo Girmaa dolaara kuma 5 ture.

Daandii qilleensa Itoophiyaatti deebi’uuf mindaa hagam akka barbaadan yoo gaafataman,''Waanuma Bisiraatif kaffaltan naaf kaffalaa. Na gaha!” jechuun Obbo Siyyum Masfinitti yeroo himan achi akka turan himu Gaazexeessaa Qaalayyesuus Baqqalaa.

Yeroo tokko Obbo Girmaa Waaqee waa’ee mindaa daanii qilleensa Itoophiyaatti kaffalamuufii, ''Mindaan hoji gaggeessaa daandii qilleensaa Itoophiyaa Afrikaatti mindaa xiqqaadha bar. Mindaaf osoo ta’ee namni daandii qilleensa Itoophiyaa keessa hin hojjat'' jechuun dubbatan.

Garuu ''daandii qilleensaa si guddise koottuu gaggeessi'' gaafa jedhaman mindaa guddaafi fayidaa argataa turan hunda dhiisun gara biyyatti deebi’an.

Garuummoo haal-duree tokko lafa kaa’an. ''Gidduu seentu yoo ta’e, gadi lakkis'' jechuun sodaachisan.

Obbo Siyyum Masfanis homtuu gidduu akka hin seenne waadaa galaniif.

''Guyyaa tokko jecha isaanii hin diigne. Waggaa torba guutuu bilisummaa koo naaf eeganiir'' jechuun Ministiira Dhimma Alaa Itoophiyaa kan turan Obbo Siyyum Masfin yoo galateeffatan Obbo Girmaan.

Hoji gaggeessaa daandii qilleensa Itophiyaa ta’uun waggaa 11 booda erga deebi’anii booda namoota gahuumsa qaban iddoo isaanif malutti ramaduun daandii qilleensichaa qajeelchutti seenan.

Daandii qilleensaa raafamaa ture iddootti deebisan. Yeroo sana Obbo Tawaldaan Niwu Yoork turan. Obbo Girmaa Waaqee Obbo Tawaldaadhan, ''Maaloo koottuu na gargaari'' jechuun wamicha godhaniif.

Osoo hin turin Obbo Tawaldenis gara biyyaa dhufnaan Chief Operating Officer gochuun Obbo Girmaan muudan.

Boodarra hoji gaggeessummaa daandii qilleensa Itoophiyaa gadi dhiisuu akka qaban murteessan.

Obbo Siyyum Masfin, “Lakki du’a kooti gadi hin dhiiftu!” jechuun didan.

Bara 2011'tti “Amma isa dhumaa na gaheera nan deema!” jechuun murteessan. Akkas taanan nama itti amanan kan bakka isaanii bu’uun daandii qilleensa Itoophiyaa gaggeessu akka qopheessan gaafataman.

“Tawaldaan bakka koo haa bu’u!” jedhan Obbo Girmaa Waaqee. Gaggeessan kabajaa gochuufi qofa osoo hin taane namni imimmaanin gaggeesse.

Diriimlaayinaroota obbo Girmaa Waaqee

Obbo Girmaan daandii qilleensichaaf waan hedduu kaayyessaniiru. Wantoota kaayyeffatan keessaas hedduu isaanii milkeessaniiru jedhu gaazexessaa fi xiinxalaan dhimma Aviyeeshinii obbo Qaalayyasuus.

Kana keessaa inni ijoon damee kaargoo madda galii isa gaarii gochuudha.

Inni biraan xiyyaarota Diriimlaayinar 787 kudhan yeros doolaara biiliyoona 1.5'n bituu isaaniiti.

''Milkaahinni isaanii inni olaanaan Vision 2010 jedhu bocanii raawwachiisuu isaaniiti'' jedhu obbo Qaalayyasuus.

Kana kan milkeessan ammoo obbo Tawalde waliin ta'uudhaani. Tarsiimoon waggaa shanii kun daandii qilleensichaa keessatti jijjiirama hedduu fideera.

Tarsiimoon kun bara 2010'tti daandii qilleensaa galii doolaara biiliyoona tokko qabu akka ta'u taasiseera.

Dur daandiileen qilleensaa Naayijeeriyaafi Afrikaa Kibbaa daandii qilleensaa Itoophiyaa asii gadee ilaalu turan. Dur daandileen qilleensaa biyyoota Arabaa tokko tokko daandiin qilleensaa Itoophiyaa maaliif nu cinaa dhaabata jechuun tuffachuu eegalanii ture.

Amma seenaan geeddarameera. Kun akka ta'u namootni hedduun dadhabaniiru. ''Garuu ammoo gaheen Girmaa Waaqee olaanaadha'' jedhu xiinxalaan Aviyeeshinii kun.

Obbo Girmaan Afrikaanoota biratti magaa gaarii horataniiru

Obbo Girmaa Afrikaanooti maaf jabeessanii dinqisiifatu?

Obbo Girmaan daandii qilleensaa Itoophiyaa irraa sooroma bahanii yoo gadhiisan saamichaan kan isaan fudhatte Ruwaandaadha.

Obbo Girmaan garuu boqochuu barbaadanii ture. Ijoollee isaanii waliin yeroo dheeraaf turuu, horsiisa loonii haadha warraa isaanii gargaaruu fa'a ture karoorri isaanii.

Kan boqochuu danda'an garuu waggaa tokko qofa ture. Ruwaandaan gaafatama lama kenniteef. Inni tokko daandiin qilleensaa Ruwaandaa akka jabaatu dura taa'aa boordi ta'uun muudaman. Kan lammataa ammoo gorsaa dhimma Aviyeeshinii Ministira geejibaa Ruwaandaa godhaman.

Obbo Girmaan walumaagalatti waggaa shaniif Ruwaandaa turan.

''Turtii isaaniin daandii qilleensicaaf bu'uura kaahaniiru. Ogeeyyii Itoophiyaaf carraa hojii uumaniiru'' jedhu gaazexessaa Qaalayyasuus.

Ruwaandaan booda gorsaa dhimma Aviyeeshinii pireezidantii Toogoo ta'an. Biyya Afrikaa kan biraa keessattis haala ifa hin taaneen gorsaa ta'uun tajaajilaa turan.

Yaa'iiwwan Aviyeeshinii gurguddaa irratti affeeramuun daandileen qilleensaa Afrikaa wal-gargaaruun hojjechuu akka qaban gorsaa bahan.

Sababa kanaattis maqaa masoo Abbaa Aviyeshinii Afrikaa(The father of African Aviation) jedhu argataniiru.

''Maqaa masoo qofa miti. ‘Girma Waqe life achievement award’ badhaasni umrii guutuu maqaa isaaniin ni kennama'' jedhu gaazexessaan Qaalayyasuus.

Naayiroobii keessatti maqaa isaaniin badhaasni laatamera. Badhaasicha kan kennes obbo Girmaa Waaqee mataa isaaniiti.

Gaazexessichi Ruwaandaa wayita hojiif deeman kan taajjaban: ''Hunduu Waaqee Waaqee yeroo jedhu dhagaahama. Gadi jeedhanii kabajaa waliin harka isaan fuudhu. Obbo Girmaan achitti maqaa guddaa qabu. Nama ajaa'iba.''

Obbo Girmaan boordii gadhiisuun maaliif ijoo ta'e?

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa erga hundeeffamee namootni siyaasaa fi waraanaa dura taa'aa boordii godhachuun hoogganamee beeka.

Muraasa eeruuf obbo Siyyee Abrahaa qabsoo irraa dhufanii dura taa'aa boordii ta'aniiru. obbo Siyyuum Maasfiin, obbo Addisuu Laggasaa, Obbo Abbaaduulaa Gammadaa fi aadde Daagimaawwit Mogas fa'aa keessatti argamu.

Durataa'aa boordii ta'uu kan qabu nama nama aviyeeshinii qofaa gaaffii jedhu xiinxalaa damee kanaa kan ta'an obbo Qaalayyasuus gaafannee ''dirrqama miti'' deebii jedhu kennan.

Janaraal Yilmaa Mardaasaa gara durataa'ummaatti dhufuu isaaniis miira gaariin fudhatu.

Miseensummaa boordii keessatti namoota gara aviiyeeshiniitti dhiyaatan makuun fayidaa qabaachuus himu.

Haata'uyyuu malee gaaffiin moottuummaan harka isaa dheereffatee daandii qilleensaa kana keessa galfachaa jiraa laata? kan jedhu isaan yaaddessa.

Obbo Girmaa Waaqees kabaja isaaniif maluun gaggeefamuu dhabuun isaaniis adeemsicha akka shakkan sababa ta'eera.

Namni mootummaa dura taa'aa boordii ta'uun rakkoo maal qabaata?

Gabaabaatti karoora hojii maanagimantii ilaalee gamaagamee mirkaneessuudha. Namni waayee aviyeeshinii beeku boordicha keessa yeroo jiraatu waanuma dhiyaate mara hin raggaasu.

''Haata'umalee durata'aan dirqama beekumsa aviyeeshinii qabaachuu qaba hin jedhamu'' jedhu gaazexessaa Qaalayyasuus.

Hoji gaggeessaan daandii qilleensaa Itoophiyaa duraanii obbo Tawaldaniis ''amalli indaastirii aviyeeshinii addadha. Hojii kana keessa namni darbe boordii keessa yoo jiraate gaheen isaa salphaa miti. Hojii gaggeessaan soooma yoo bahu boordiin ni hooggana. Sadarkaa idila addunyaattis akkasiin hojjetama'' jedhu.

Abbaan taayitaa mootummaa tokko dura taa'aa yoo ta'e rakkoon isaa maaliree?

Janaraal Yilmaan fakkeenyaaf waggoota lamaaf miseensa boordii turan. Ajajaan humna qilleensaa duraanii janaraal Adem Mohaammedis miseensa turan. Bara dargiis wani walfakkaatu ta'eera.

Iddoodhaa ka'uun obbo Girmaa yaaddessaa wanti ta'eef muuxannoo yeroo dheeraa qaban irraa kan ka'e, iftoomini haal hin mul'annen tasa kaafamuun isaanii natti fakkaataa jedhu gaazexessaa Qaalayyasuus.

''Kun ammoo muuxannoo gaarii miti'' jedhu.

Ameerikaa bakka jiranitti ogeeyyii aviyeeshinii biratti oduun obbo Girmaan kaafaman jedhu xiqqoo gaaffii uumeeras jedhu.

Obbo Girmaa Waaqee walgahiirratti

'Maqaan Girmaa Waaqee jedhu liqeessitootaaf wabiidha'

'Maqaan Girmaa Waaqee jdehu liqeessitootaaf wabiidha'

Obbo Girmaa waaqee durateessummaa boordiirraa haala itti ka'an miidiyaa kamiifuu hin ibsine. Kunimmoo dhimmicha caalattuu bitaa namatti galcha. Haalli kun tilmaamaaf carraa uumeera.

Gaazexessaa Qaalayyasuus dura teessummaarra taa'uun obbo Girmaa faayidaan isaa muuxannoo isaanii qofa mitii jedhu. ''Maqaan isaaniis biraandiidha. Maqaan Waaqee jedhu liqeessitoota biratti amantaa uuma.''

Xiyyaarri duubee bitama kan jedhan ogeessi kun, liqeessitootni ammoo amantaa argachuu barbaaduu jehdu.

Warri liii kennan seenaa liqaa dhaabbatichaa fi haala faayinaansii isaa akkuma qoratan tasgabbii maanagimentiis ni ilaaluu jedhu.

Daandii qilleensaa tokko keessa gidduu-seentummaan mootummaa yoo mul'ate liqeessitootni amantaan isanii ni laaffata jedhu.

Gadhiisuun obbo Girmaa daandii qilleensaa kana balaarra buusa haala jedhuunis hubatamuu hin qabuu jedhu. Garuu ammoo wanti akeeku sirrii hin ta'u jechuun hubachiisu.

''Obbo Fasfiin Xaasaw nama muuxannoo salphaa qaban miti. Erga Yunivarsiitii irraa bahanii waggoota 39 aviyeeshinii keessa turaniiru. Borummoo isaanis ka'aniiru yoo jedhameewoo?''

Gaazexessaan kun dura taa'aa boordii kutaa hojii fuulli hoji gaggeessaa dhaabbatichaa jirtu keessatti yeroo mara arguun hin baratamnee jechuun, obbo Girmaan garuu yeroo hedduu waajiraa isaanii keessa hojiirra akka turan arguu ragaa bahu.

Giddu seentummaa qaam mootummaa irratti ejjennoo jabaa qabuu kan jedhaman obbo Girmaan waayee amma dura teessummaa irraa ka'uu iaanii yaada akka kennan BBC'n yaalii godhee argachuu hin dandeenye.

Gaffiif deebii amma dura miidiyaalee wajjin godhaniin yaadolii kaasan keessaa tokko ''gidduu seentumma akan hin jaalanne'' ta'uudha.

Amma dura ''abaluu qacari, garasitti balali'i, xiyyaara sana biti kan naan jedhu hin jaaladhu'' jedhanii ture.

Obbo Girmaan bara 11 daandii qilleensaa Galf yeroo tajaajilan keessallee waayeen daandii qilleensaa Itoophiyaa qalbii isaanii keessa akka ture warreen dhiyootti isaan beekan ni himu.

Hoji gaggeessaan duraanii obbo Tawldaan yeroo tokko waayee obbo Girmaa yoo dubbatan ''obbo Girmaan soorma bahaniillee waa sokoksee jennaan naa bilbilu turee'' jedhaniiru. Ofii Obbo Girmaa Waaqee maaliif gadhiisan?

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub