Search This Blog

Senin, 26 Juni 2023

Fincilli garee Waaginar bulchiinsa Putiin keessa qaawwi jiraachuu agarsiisa - US - BBC

Pirezidant Putiin taatee raawwate ''ganumsa'' jechuun ibsan

Madda suuraa, Reuters

Fincilli loltuu Waaginar Raashiyaa keessatti mul'ate bulchinsa Pirezidant Putiin keessatti ''qaawwi'' akka jiru agarsiisa jedhan dippilomatiin olaanaa US Antoonii Biliinkan.

Fincilli garee loltuu mindeeffamanii lolan, Waaginar, tibbana mudate bulchiinsa Putiinitti ‘’rakkoo kallattii’’ akeeku fiduu dubbataniiru.

Pirezidant Putiin lola gareen loltuu Waaginar kan duraan michuu isaanii turan irratti baname akka seeraan hin himanne waliigalaniiru.

Waliigalteen kuni imala loltoonni Waaginar gara Moskoo taasisan akka dhaaban taasiseera.

Mindeeffamtoonni kunneen Yukireen irraa gara Raashiyaatti ce’anii magaalota Raashiyaa lama to’atanii turan.

Akkaataa waliigaltee kanaatti, loltoonni Waaginar buufata dirree waraanaa isaaniitti deebi’u, ajajaan isaanii immoo gara Belaarus imalan.

Hoogganaan Belaarus Aleeksaandar Lukaashenkoo qaamoleen lamaan akka waliigalan gidduu seenanii jaarsummaan qooda fudhataniiru.

Achi buuteen michuun duraanii Putiin mootummaarratti fincile, Yevigeenii Yevgeenii Pirigozhiin , garuu hin beekamu.

Yeroo xumuraaf magaalaa loltoonni isaanii to’atan, Rostov-on-Don, keessaa yeroo bahan mul’atan.

Gama kaaniin, Pirezidant Putiin fincila ka’e balaaleeffachuuf Televijinii irratti gaafa Sambataa erga mul’atanii booda as hin baane.

Gaafa Dilbataa, fincilli sa’aatii 24’f Raashiyaa keessatti mul’ate,’’ gaaffii gurguddaa kaasa, qaawwi akka jirus agarsiisa,’’ jechuun Biliinkan US’tti michuu BBC kan ta’e CBS’tti dubbatan.

Fincilli kuni mootummaa Raashiyaa irrattis ta’e weerara biyyattiin Yukireen irratti taasisteerratti dhiibbaa inni qabu tilmaamuuf ‘’yeroon ijoolleedha’’ jedhaniiru.

‘’Baatii 16 dura Putiin magaalaa Kiiv to’achuuf fiixeerra gahanii turan. Amma garuu magaalaa guddoo Raashiyaa kan taate Moskoo loltoota mindeessanirraa tiksuuf socho’aa jiru,’’ jechuun dubbbatan.

Biliinkan taateen kuni egeree mootummaa Raashiyaas ta’e Pirezidant Putiin irratti dhiibbaa qabu ‘’tilmaamuu’’ hin barbaadu jedhan.

Raashiyaan dubbii Ministira Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan irratti ammatti waan jette hin qabdu.

Editarri BBC Afaan Raashiyaa Istiiv Rozanbarg taatee gaafa Sambataa booda Putiin cimanii hin mul’atan jechuun dubbate.

Ajajaan loltoota mindeeffamanii Yevigeenii Pirigozhiin ajajoota waraanaa Raashiyaa fonqolchuuf yaalaniis yeroo ammaa bilisa jiru jechuun ibse.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub