Search This Blog

Jumat, 02 Juni 2023

Qotee bultootni naannoo Amaaraa hanqina calla guddistuuf hiriira mormii bahan - BBC

Qotee bultoota mormiif bahan

Madda suuraa, SM

Qotee bultootni naannoo Amaaraa keessa jiran hanqina sanyii filatamaafi xaa'oo jecha magaalaa guddittii naannichaa Baahir Daariifi magaalota biroo keessatti guyyoota walitti aananiif hiriira mormii bahan.

Aanaalee adda addaa naannichaa keessaa gara magaalaa Baahir Daar kan dhufaniifi qotee bultootni BBC'n dubbise, lafa isaanii qotanii qopheessanis, xaa'oo fi sanyii filatamaa dhabanii rakkachuu himan.

''Xaa'oon shiniin osoo hin hafiin safaramee raabsamaa jira. Hanga ammaatti rakkoo hammaataa akkasii arginee hin beeknu'' jedhu.

''Qotee bultoota 50 keessaa 15'f carraadhaan kennamaa jira. Kan carraan hin baaneef ammoo dabaree kee eeggadhu jedhamaa jira.''

Qotee bultootni kun rakkoo isaan mudate kanaaf fala barbaacha waajira pireezidantii naannichaafi biiroo qonnaa naannichaatti iyyatanis deebii quubsaa hin argannee jedhu. Kanaafis magaalaa guddittii naannichaa keessatti hiriira bahanii sagalee isaanii dhageessisaa jiru.

Sanyiinis, xaa'oonis hin jiru. Hunduu harka daldalaa jira. Waan goonu wallaalle'' jechuun rakkoo isaanii himatu.

Qonnaan bultootni naannichaa hanqina xaa'oo yeroo himatan kun yeroo duraaf miti.

Bara dheengaddaas qaala'uu gatii fi gabaarraa dhibuu xaa'oo isaan mudate BBC'tti himatanii ture.

Komii qonnaan bultootaa kana ilaalchisee bilbilaan kan dubbifne hogganaan sab-qunnamtii biiroo qonnaa naannichaa obbo Amsaaluu Gibaaw gosa sanyii filaataamaa qotee bultootni barbaadanii yoo ta'e male hanqinni sanyii filatamaa hin jiruu jedhan.

Hanqinni maadaabaraa garuu dhugumatti mudachuu mirkaneessan.

Bara kana naannichi fedhii maadaabaraa kuntaala miiliyoona 9.2 ta'u akka qabu Ministeera qonnaaf dhiyeessee, kana keessaa bittaan kuntaala miiliyoona 5.2 raawwatamuu obbo Amsaaluun himaniiru.

Bittaa raawwatameef keessaas sababoota adda addaa akka rakkoo nageenyaa, balaa lolaafi kaaniinis maadaabaraan ENPES fi Yuuriyaa jedhaman naannicha gahan kuntaala miiliyoona 1.9 ta'uus dabalanii himaniiru.

''Isa bara darbe ture dabalatee maadaabaraa kuntaala miiliyoona 2.2 ta'u qotee bulaadhaan gahuuf boqonnaa malee hojjechaa jirra'' jedhan aanga'aan kun.

Qondaalli naannichaa kana haa jedhan malee maadaabaraan gale harka daldaaltotaa akka jiruufi kanaafis hanga qarshii kuma shanii gaafatama akka jiran qotee bultootni ni himu.

Qotee bultootni kun biiroo qonnaafi waajira pireezidantii naannichaarraa deebiin argatan kan wal-hinfakkaannedhaa jedhu.

Gama biiroo qonnaan deebii ''isinii dhufa eeggadhaa. Daldaltoota seeraan alaa ammoo ofumaa qabaa'' jedhamuu dubbatu.

''Jalqabumaahuu maadaabaraan kun akkamiin harka daldalaa gale? Kanawoo to'achuun gaafatama keenyaa?'' jechuunis gaafatu qonnaan bultootni kun.

hogganaan hariiroo hawaassaa biiroo qonnaa obbo Amsaaluun harka daldalaa galuu isaa mirkaneessanii, ragaan deeggaruu baatanis daldala maadaabaraa seeraan alaan walqabatee qaamoleen to'annoo seeraa jala oolan jiraachuu himan.

Gama waajira pireezidantiis yaadni kenname ''hanqinni dhiyeessi akka hin jirre fi godinaaleefi aanaalee gidduu qindoominni dhibuun rakkoo uumuu akka ibsameefi sa'aa 24 keessatti gareen hojimaata kana si'eessu rakkoo jiru furra'' jedhamuu qonnaan bultootni kun himaniiru.

Ministeerri qonnaa bara darbe maadaabaraa kuntaala miiliyoona 12.8 bituu beeksisee ture.

Haata'u malee lakkoofs kun kan bara isa dura tureen walbira yeroo qabamu kuntaala miiliyoona shaniin xiqqaadha. Fedhii jiru keessaa ammoo dhibbeentaa 70 gadi ta'uus ibsee ture.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub