Search This Blog

Minggu, 11 Juni 2023

Tarkaanfiin ofirraa qolachuu amma jalqabeera- Pirezidantii Yukireen Zeleniskii - BBC

Pirezidant Zeleniskii

Madda suuraa, EPA

Humna waraanaa Raashiyaa ishee werare tarkaanfiin Yukireen deebistee ofirraa qolachuu yeroo dheeraaf eegamaa tureefi itti qophoofte amma jedhe pirezidant Voloodmiir Zeleniskii.

Yukireen oppereeshinii deebistee ofirraa qolachuu kana osoo pirezidant Zeleniskiin hin mirkaneessiin durayyu odeeffannoon bahan agarsiisaa turan.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin ammoo guyyoota muraasa dura, "oppereeshiniin Yukireen deebistee ofirraa qolachuu jalqabeera," jedhanii turan.

Haata'u malee, oppereeshiniin deebisanii ofirraa haleeluu kun jalqabamuu isaa pirezidantiin Yukireen Osoo hin mirkaneessiin turan.

"Tarkaanfiiwwan deebisanii ofirraa haleeluufi ofirraa ittisuun gaggeeffamaa jiru," kan jedhan Pirezidant Zeleniskiin, sadarkaa oppereeshinichaafi qabiyyee isaa ilaalchisuun odeeffannoo bal'inaan kennuurraa of qusataniiru.

Ibsi oppereeshinii deebisanii qolachuu mirkaneessu Zeleniskiin kennan kun kan dhaga'ame humnoota biyyoota lamaan gidduutti waraanni Kibbaafi Baha Yukireen keessatti cimee wayita itti fufaa jiruttidha.

Loltoonni Yukireen misaa'eloota dhedheeroo dhukaasuun kallattii bahaa Baakmuutiin, akkasumas Zappooriyaatti dhiyaarraan gama Kibbaan fuulduratti saffisaan siqaa akka jiran gabaasonni gama Yukireeniin bahan ni mul'isu.

Kun akkas haa jedhamuyyu malee, dirree waraanaa irratti waanti qabatamatti ta'aa jiru beekuun rakkisaadha.

Gartuuwwan lachuu gabaasawwan wal falleessan baasaa turan. Warri Yukireen deebisanii haleeluudhaan gara fuula duraatti siqaa jirra wayita jedhan, warri Raashiyaa ammoo haleellaa Yukireen fashaleessaa jirra jechaa jiru.

Pirezidant Puutin viidiyoo Jimaata gadhiifamerratti tarkaanfiin Yukireen deebistee ofirraa haleeluu gaggeessitu jalqabuu ibsuun, humni Raashiyaa waraana Yukiren irraan miidhaa guddaa geessisuun tarkaanfii deebisanii haleeluu karaatti hambisaa jira jechuun dubbatan.

Bifa deebii haasaa Puutin kanaaf kennuu fakkaatuun Pirezidant Zeleniskiin haasaa yeroo taasisanitti, Puutin eenyu akka ta'e akka nama hin beekneetti 'warri Raashiyaa amma waanti baayyeen akka isaan hin hafne hubachuun isaanii waan gaaridha' jedhan.

Pirezidant Zeleniskiin humni waraanaa biyyasaanii si'oomina gaariirratti argamu erga jedhanii booda, "kana Puutinitti himaa" jedhan.

Zeleniskiin ergaa kana kan dabarsan erga ministira muummee Kanaadaa Jasiin Tiruudoor waliin haasa'aniin boodadha. Haasaa gaggeessitoonni lamaan taasisan kanaan Kanaadaan meeshaa waraanaa dolaara miliyoona 500 baasu Yukireeniif akka kennitu ibsite.

Marii gaggeessitoota kanneen lamaaniin booda ibsi waloo bahe haalli hayyamnaan Yukireen hanga danda'ametti saffisaan miseensa NATO akka taatuuf Kanaadaan ni deeggarti jedhe.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub