Search This Blog

Sabtu, 22 Juli 2023

Goorillaan dhiira jedhanii guddisaa bahan ilmoo dhalte - BBC

Goorillaa ilmoo ishee wajjin

Madda suuraa, COLUMBUS ZOO / TWITTER

Hojjettoonni dahoo bineensotaa bulchiinsa Ameerikaa, Ohaayoo goorillaa dhiira jedhanii waggaa afuriif guddisaa bahan ilmoo godhatee isaan dinqisiise.

Dahoon bineensotaa Kolombas goorillaan Saalii jedhamtu dahoo kana kaeessa bara 2019 irraa qabee jiraachaa turte, dhaltuu tahuushee garuu gaafa Kamisaa ilmoo wajjiin arginee barre jedhan.

Eegdonni dahoo kanaa ilmoon goorillaa kuni ''fayyaa qabdi haatis haala gaariin kunuunsaa jirti,'' jechuu barreefamni marsariitii dhaabbatichaarra bahe agarsiisa.

Saaliin fayyaa qabeettii waan taateef qorannoon fayyaa takkaa taasifameefi hin beeku kanaaf saallishee wal-dhahe jedhan.

Gorillaan kuni dhaluunshee, '' kan hin eegamne tahus, garee goorillaa kunneen kunuunsaniif oduu gammachiisaa dha. Bineesota sanyiin isaanii balaa baduurra jiruuf immoo waan murteessaa dha, '' jedha odeeffannoon marsariitichaa.

Eegdonni dahoo bineensotaa kuni goorillaan ''dhiira'' jedhanii yaadan yeroo ilmoo kunuunsu hamma arganitti homaa hin shakkine ture. Goorillaan yeroo xiqqoo saala isaanii adda baasuun rakkisaa dha.

Waggaa saddeetitti Saaliin wal-horuudhaaf geesseetti garuu saala ishee ijaan arganii adda baasuun rakkisaa ture jedhan.

''Goorillaan hamma waggaa saddeet gahanitti dhiiraafi dhaltuun qaamni isaanii wal-fakkaata. Qaama saalaa ifatti adda isaan baasu hin qaban. Dhiirri isaanii hanga waggaa 12tti rifeensa adii bilchaachuu isaanii agarsiisu hin baasan,''

Kana malees Goorillaan mallattoo ulfa tahuu hin agarsiisan sababiin isaas garaa guddaa gatii qabaniifi ilmoon isaanii immoo ilmoo namaa irra illee waan xiqqaataniifi.

''Ilmoon kuni dhalachuutti baayyee gammanne sanyii badaa jiru kanaaf waan guddaa dha,'' jedha dahoon bineensotaa kuni.

''Dahoo bineensotaa Kolombas kana keessa bara 1956 booda kuni goorillaa 34ffaa dha. Dahoo bineensotaa kana keessatti goorillaan dhalachuunis kan jalabaati jedhe dhaabbatichi. Goorillaan dhaltuu Saaliinis qaama hojii keenyaa taate jechuu dha jedhan.

Dahoon bineensotaa kuni qorannoo DNA gochuun abbaan eenyu akka tahe adda baasna jedhan.

Ogeessonni fi eegdonni goorillaa ilmoon dhalattee dhaltuu akka taate mirkaneessaniiru jedhe dahoon bineensotaa kuni.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub