Search This Blog

Selasa, 11 Juli 2023

Imala jireenyaa Dr. Iwunetuu Hayiluu - Hojjetaa humnaa, waardiyyaa gandaa hanga Pirofeesara ta'utti - BBC

Dr Iwunatu Hayiluu

Madda suuraa, Dr Ewunetu Hailu

Dr. Iwunetuu Hayiluu jedhamu. Dhalatanii kan guddatan Godina Wallagga Bahaa, Gobbuu Sayyootti.

Isaan ijoollummaadhaa hanga dargaggummaa, darbees hanga ga’eessummaatti jireenya qorumsaan guutame dabarsuun milkaa’inatti bahan.

Ijoollummaa fi fedhii barnootaa…

Dr Iwunetuun barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa naannuuma dhaloota isaaniitti akkuma ijoollee baadiyyaa maatii isaanii gargaaraa baratan.

Barnoonni kutaa 8 booda garuu naannoo isaanii waan hin jirreef maatiin isaanii fira isaanii Magaalaa Amboo jiran bira taa’anii akka baratan godhan.

“Waggaa tokko warruma fira kiyyaa sana biraa taa’een baradhe.

''Booda dargaggummaanis jira waan ta’eef warra firaa sana bira taa’urra maalifan ijoollee galaa maatii biraa fidatanii baratan faana galee hin baradhu jedheen isaan biraa bahe” jedhu.

Kun kan ta’es yeroo isaan barnoota sadarkaa lammaffaa barataa jiran dhuma bara 1970'taa keessa.

Murtiin isaan yeroos murteessan imala jireenya isaanii qorumsa kan itti jalqabsiise ta’ulleen, umuriin dargaggummaa sun of duuba hin jechisiisne.

“Ergan mana firaa sanaa bahee ijoolleen kaan galaa maatii biraa fidatu. Kankoo maatiin fagoo waan ta’aniif galaa namni naaf fidus hin jiru.

''Amma filannoo lama akkan qabun yaade. Yookan barumsa kiyya adda kutuu yookan ammoo falan ittiin baradhu biraa uumuu ture,” jedhan.

Hojii humnaa fi waardiyyaa ta'u

Dr Iwunetuun yeroos haalli jireenyaa itti ulfaatulleen barnootaaf jaalala guddaa akka qaban himu. Barnoota isaaniittis barataa qabxii gaarii galmeessisanis akka turan yaadatu.

Barnoota isaaniitti cichanii yunvarsiitiirraa eebbifamuun ammoo mul’ata isaanii isa ganama akeekkatani.

Kanaaf jechas ‘yunvarsiitii seenuu yookan du’a’ dhaadannoo jedhu akka keessa isaanitii qabanis himu.

Yunvarsiitii seenanii hin eebbifaman taanaan du’a naaf wayya akka jechuuti.

Sababa kaayyoo isaanii kanaaf jechas filannoo barnoota dhiisuu jedhu hin filanne. Filannoo lammafffaa mala ittiin of barsiisan barbaaddachuu jedhu akka filataniis himu.

“Falli ani qabu hojii humnaa hojjechaa ofbarsiisuu ture. Yeroo sana gatiin hojii humnaa hojjetaan tokko ittiin oolu birrii lama ture.

''Yoon guyyaa guutuu hojjedhe Birrii laman argadha. Gaafan guyyaa walakkaa baradhee walakkaa hojjedhe ammoo birrii tokko ture,” jedhan.

Hojiin humnaa kun garuu hojiin isaas ulfaatee barnoota waliinis walsimee deemuufii waan dideef jecha hojii isarra wayyaa qabu utuu barbaadanii hojii waardiyyaa ta'utti bahan.

‘‘Yeroo sana kutaa 10 reefu xumuraan jira. Barichi bara Dargii ture. Ambo yeroos gandoota jaha qabdi ture.

''Ani waardiyyaa waajjira Ganda 5 ta’een qaxarame. Mindaankoo yeroos ji’atti birrii 50 ture,” jedhan.

Dr Iwunatu Haayiluu

Madda suuraa, Dr Ewunetu Hailu

Jaalala, dargaggummaa fi wal'aansoo jireenyaa…

Dr. Iwunetuun yeroo waardiyyaa gandaa ta'un qacaraman hojiin isaa gara caalu halkan waan ta’eef barnoota isaaniif haala mijataa uumeefii akka ture yaadatu.

Yeroo kana ammoo baadiyyaa biyya dhaloota isaanitii shamarree tokkorraa jaalalli isaan qabe.

‘‘Yeroon hojii waardiyyaa argadhe sana miindaan qaba silaa jedheen baadiyyaadhaa intalan jaaladhe tokko amansiisee Ambotti fudhee gale.

''Ambotti anis barachaa, waardiyyaa kiyyas eegaatuma isheenis hojii humnaa hojjechaa waliin jireenya eegalle,” jechuun waan barasii akka ta’ii kaleessaatti yaadatu.

Yeroo isaan kutaa 11 baratanis intalli isaanii hangafti dhalatte.

''Amma dubbiin natti cime. Barumsarratti, waardiyyummaarratti qorumsi dabalataa mucaan dhalatte,” jedhan haala yeroo sana keessa darban yoo yaadatan.

Rakkoon walxaxaan amma keessa seenan kun barumsa isaan jaalatan irratti dhiibbaa fiduunsaa hin oolle. Akka durii qabxii olaanaa fiduun hafaa deeme.

Qorumsa kutaa 12ffaa qoramanii hawwiin yunvarsiitii seenuuf qabatanis dhadhaa abidda bu’e ta’e.

“Yeroo sana akkuman dur itti yaadu sana abjuun kiyya erga kufee of ajjeessuu laata jedhees yaadeera,” jedhan.

Intalli isaanii hangafaa yeroo isaan waardiyyaa gandaa turanii fi kutaa 11 baratan dhalatte sun amma biyya alaatti barnoota PhD barachaa jirti jedhan Dr. Iwunetuun.

Xiiqii barnootaa

“Qabxiin erga naaf hin dhufnee maal gochuun qaba jedheen taa’ee yaade. Booda barnoota TTI (Dhaabbata leenjii barsiisotaa) jedhamu seenuuf dorgomeen darbe. Isa booda waggaa tokko leenji’een barsiisaa ta’e,” jedhan.

Hojii mootummaa kana hojjechaa barumsa isaanii dipiloomaas xumuran.

Waggaa saddeet booda hawwiin isaanii ijoollummaa milkaa’efii barnoota digirii jalqabaa barachuufis Yunvarsitii Finfinnee akka seenanis himu.

“Kaayyoo kiyyarratti dagannaan ani uumetu akkuman kutaa 12 fixeen kanin yunvarsiitii seenuu danda’utu yunvarsiitii seenuuf waggaa saddeet ofitti fudhachiise.

''TTI, dipiloomaa utuun jedhuun waggaa kana hunda gube,” jedhu miira gaabbiitin.

Erga Digirii jalqabaatiin eebbifamaniis dorgomanii Yunvarsiitii Jimmaatti gargaaraa barsiisaa ta’uun hojii jalqaban.

Barumsa isaaniis Digirii lammaffaa Yunvarsiitii Finfinneetti, PhD ammoo biyya alaatti baratan.

Dr Iwunatu haayiluu

Madda suuraa, Dr Ewunetu Hailu

Milkaa'ina karaa dheeraan booda…

Dr. Iwunetuun Yunvarsiitii Jimmaatti qorataa fi barsiisaa ta’uun wagggoota 18 caaluuf tajaajilaniiru.

Yeroo ammaas gulantaa gargaaraa Pirofeesaraa irra kan jiran yoo ta’u dhaabbata dhuunfaa isaaniis hundeeffachuun hojjechaa jiru.

“Namni kaleessa waardiyyaa waajjira gandaa ture sun amma barsiisaa, qorataa fi nama dhalootatti karaa agarsiisu ta’eera.

''Finfinneetti dhaabbata dhuunfaa leenjii fi gorsaa hundeesseen dargaggoota karaa agarsiisuu irratti hojjechaa jira,” jedhan.

Dr. Iwunetuun bu’aa bahii imala jireenya isaanii irratti kan xiyyeeffate kitaaba ‘Ubuntu’ jedhamu barreessuunis maxxansiisaniiru.

Dhaamsa dargagggootaaf…

Muxannoo jireenya isaaanii irraa ka’uun dargaggoonni waan umurii jiraatan keessatti milkeessuun qaba jedhan adda baafatanii beekuu qabu jedhu Dr. Iwunetuun.

“Kaaroora isaanii 1,2,3 jedhanii adda baafatanii kaa’achuu qabu. Kan biraa waan jalqaban kaayyoo sana galmaan gahuu barbaachisa.

''Waan qabne yoo gadhiisne kan biraatti ceene booda inni dhiisne sammuu keenyaaf boqonnaa hin kennu,” jedhan.

“Barataa yoo ta’an xiiqiidhaan barachuu barbaachisa. Inni biraa obsatu barbaachisa.

''Ani maatirikii waanin kufeef yunvarsiitii galuun waggaa saddeet natti fudhate. Otoon obsaan hin dabarsinee bakka har’aa kana hin gahun ture,” jedhan.

Mammaaksa ‘Miila lama qabaataniif muka lama hin koran’ jedhu bira darbuun ani muka sadi afur koruuf yaaleen karaa milkaa’inaa ofitti dheeresse jedhu.

Dargaggoonni waan qaban galmaan gahanii isa itti aanutti akeekkachuu qabu jechuun dhaaman.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub