Search This Blog

Rabu, 09 Agustus 2023

Fonqolcha mootummaa Niijar biyyoota mudde keessatti gahee olaanaa kan bahan eenyu fa’i? - BBC

Pirezidantii Niijar Mohaammadu Baazuum fi dursaa fonqolchiichaa Janaraal Abduraamaanii

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Niijar Mohaammad Baazuum dursaa fonqolchichaa Janaraal Abdurhimaanee Chiyaaniitin aangoorraa kaafamunsaanii qaxanaa lixa Afriikaa rakkoo keessa galcheera.

Qaxanichatti gareen waraanaan durfamu hundeeffamuunsaa naannichatti gareewwan harbeessitoota garee hidhattoota Islaamaa jedhanii of waaman akka barbaadanitti akka socha’aniif sababa ta’u danda’a.

Fonqolchi Niijar kunis biyyattiifi qaxanichaan alatti xiyyeeffannaa addunyaa kan hawwateedha.

Biyyoonni lixaa ammo fonqolchiicha cimsanii mormu.

Ofii finqolcha kana keessatti gahee olaanaa kan qaban eenyu fa’iidha?

Fonqolchi mootummaa Niijariitti ta’e qaxaniicharratti dhiibbaa maal qabaata?

Aanga'oota waraanaa

Madda suuraa, Getty Images

Janaraal Abduraahimaanee Chiiyaanii

Fonqolchicha kan dursan Janaraala waraanaa umuriin wagga 62ti. Chiiyaaniin bara 2011 irraa kaasee ajajaa eegdoota pirezidantii ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, pirezidantii duraanii Mhaammaduu Isoofaa waliin walitti dhihenya qabu turan.

Fonqolchichaan boodas Janaraal Chiiyaaniin ofiisaa dursaa mootummaa waraanaa Niijar gochuun of muudan.

Waa’ee seenaa dhunfaa, sadarkaa barnootaa fi guddina loltummaa Chiiyaanii irratti ifatti kan beekamu waan muraasa qofaadha.

Haata’u malee namni kun fonqolcha aangoo pirezidantii duraanii Mohaammadu Isoofaa taasifameenis maqaansaa irra deddeebiin ka’aa ture.

Bara 2018tti ammoo mana murtiitti dhiyaachuun fonqolchicha keessatti hirmaannaa omaatu hin qabu jedhamun bilisaan baafame.

Barana ammoo erga pirezidantii Baazuum humnaan fonqolchanii booda, TV irratti dhiyaachuun waraanni isaan dursaa jiran dhiibbaa qaxanichaa aangoo siviilii duraanii deebisuuf taasifamuuf kan hin jilbeenfanne ta’uu dubbatan.

Janaraal Abduraahimaanee Chiiyaanii

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidanti Mohaammadu Baazuum

Pirezidanti Baazuum hoogganaa Niijar duraanii Mohaammaduu Isoofaan bakka bu’uudhaan waadaa seenuudhaan aangoo kan qabatan bara 2021tti ture.

Gareewwan Islaamaa ofiin jedhan naannicha keessa socha’an waraanuuf deeggaraa biyyoonni lixaa kan turan Baazuum, Adooleessa 26, 2023 garee waraanaatiin aangorraa kaafamaniiru.

Fonqolchichaan booda ammoo Baazuum mana jireenyaasaanii magaala guddoo keessatti argamutti hidhaa mana keessaarra akka argaman amanama.

Bulchiinsi Baazuum godaansa namootaa karaa Galaan Meeditiriyaaniyaaniitiin gara biyyoota Awurooppaatti taasifamu dhaabuudhaaf warra lixaa waliin hojjtaa turan.

Pirezidantichi baqattoota mana hidhaa Liibiyaatti argaman dhibbaan lakkaa’aman simachuuf waliigalanuusaaniitiin alatti, namoota lixaafi jidduugala Afriikaa eddoowwan ijoo ta’an keessatti namoota daddabarsan irratti tarkaanfii fudhachuuf bulchiins isaanii yaalii taasiseera.

Ammattis bulchiinsi Baazuum waan aangoorraa buufameef gareewwan Isilaamaa leellisan waraanuu fi imala godaantotaa dhaabuuf yaaliin taasifamaa ture adda citeera jechuun ni danda’ama.

Pirezidantii Mohaammadu Baazuum

Madda suuraa, Getty Images

Waraana Niijar

Waraanni Niijar fonqolcha pirezidantiichaa deeggareera. Biyyattiitti garuu yaaddoon nageenyaa babal’ateera. Iyyummaanis cimeera. Akkasumas sababiiwwan bulchiinsi dadhabeera jedhananii ture pirezidantichi aangoorraa kaafamuusaatti waraanni haala gaariin kan ilaale.

Kana malees waraanichi jidduugaluumsa biyyoota alaa dursaan mormeera.

Miseensoonni waraana biyyattii olaanoon ammatti bulchiinsa biyya bulchu, ‘‘mana maree biyyaaleessaa biyya abbaa tiksu’’ jechuun hundeesseera.

Sochii M62

Niijar keessa waldaa siiviilii M62 jedhamu jira. Sochiin siivilii kunis hiiriirawwan mormii farra Faransaayi qindeessuun beekama.

Pirezidanti Baazuum wayita aangoorra turaniitti waraana Faransaayi Maalii irraa hari’atame akka Niijar keessatti bobba’uuf hayyama kennuusaanii mormudhaan hiriirri taasifamaa ture.

M62 Niijar keessatti waldaa balaaleeffatame taasifamuun alattis dursaan waldichaa himannaa ummata jeequudhaan jedhamuun hidhamanii turan.

Amma Pirezidanti Baazuum irratti fonqolchi gaggeeffamusaa hordoofuun walchidi jajjabaachuu eegaleera. Dhiheenya kanas waraana biyyattii maddii hiriiruun fonqolchiicha deeggaruun hiriida deeggarsaa qindeessaa jira.

Suuraa geetii

Madda suuraa, Getty Images

Buurkinaa Faassoo

Biyya ollaa Niijar kan taatee Burkiinaa Faassoon bara 2022tti qofaa fonqolcha mootummaa lama keessumeessitee jirti.

Dureewwan waraanaa Burkiinaa Faassootti argaman waraana Niijariif deeggarsa saanii ibsaniiru. Dureewwan waraanaa Burkiinaa Faassoos dureewwan waraanaa Niijariitti fonqolcha gaggeessa irratti jidduu galuumsa waraanaa raawwachuun akka ‘‘Burkiinaa Faassoo irratti waraanni labsameetti lakkaa’ama’’ jedhan.

Mootummaan Burkiinaa Faassoo fonqolchaan aangoorratti argamus fuulsaa kan gara Raashiyaatti naanneesse yoo ta’u, qoqqophaa seeraan ala warri lixaafi biyyoonni Afriikaa lixaa tokko tokkos Niijar irra kaa’uuf yaadan cimseen morma jedheera.

Maalii

Biyyi ollaa Maaliis fonqolchi dhiyeenya keessatti raawwatameera. Gareen waraanaa Maalii keessatti argamu Burkiinaa Faassoo waliin ta’uun loltoota Niijariitti fonqolcha gaggeessaniif deeggarsa saanii ibsaniiru.

Akkuam Burkiinaa Faassoo sana mootummaa waraanaa Maaliitti argamus Niijar keessatti jidduugalummaa waraanaa raawwachuun, ‘‘Maalii irratti waraanaa akka labsuutti lakkaa’ama’’ jechuun akeekkachiiseera.

Janaraaloonni waraanaa Maalii Niijara irratti yoo jidduugalummaan raawwatama ta’e qaxanicha rakkoo keessa galcha jechuun akeekkachiisa baasaniiru.

Akkuma Burkiinaa Faassoo sanas waraanni Maalii fonqolchaan aangoo qabate kan Raashiyaadhaan deeggaramudha.

Chaadi

haadi miseensa ECWAS miti haata’u malee ammo ollaa Niijar. Isheenis Niijar irratti jigguu galummaa waraanaa hin barbaachisu ejjannoo jedhu qabdi.

Ministirri Raayyaa Ittisaa Chaadi Niijar keessatti jidduugalummaa waraanaa kamuu taasisuudhaaf karoora hin qabnu jedhan.

Haata’u malee Chaadi gareen Juntaa akka pirezidanti Baazumaa kan karaa dimokiraatawaa ta’eetiin filatamaniif aangoo deebiisee akka kennuuf karaa pirezidantii isheetiin gaaffii dhiyaaeessite jirti.

Pirezidantiin Niijar Mohaammud baazuum (mirgaan) fi Pirezidantii Chaadi Maahaamaat Idiriis Deebii Irinoo masaraa Niijar keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Naayijeeriyaa

Pirezidantii haaraan Naayijeeriyaa dura taa’aa ECOWAS dhaabbata qaxanaa biyyoota Afriikaa lixaa ta’eeti.

Naayijeeriyaan Niijra waliin daangaa dheerina kilomeetira 1,500 qabuun kan wal daangeessan yoo ta’u, wanti biyya ollaasheetti ta’u nageenyasheetiif yaaddoodha.

Dhimmi Niijara Pirezidantii haaraa Naayjeeriiyaatiif qormaata dhimma alaa jalqabaa ta’eera jedhameera.

Pirezidanti Boonaa Tiibuunuu akkuma Niijariitti fonqolchi mootummaa raawwateen atattamaan dureewwan ECOWAS masaraa isaaniitti walitti qabanii ture.

ECOWAS’s qaamoole fonqolcha mootummaa raawwatan atattamaan aangoo pirezidantii filatame Baazuumiif akka kennan yoo ta’u baatee ammo jidduugalumsi waraanaa akka jiraatu akeekkachiise.

Pirezidantiin Naayijeeriyaa waraanni biyyattii gara Niijar erguuf fedhii agarsiisan illeen, miseensoonni mana maree biyyattiin mormiin isa mudateera.

Ta’ulleen, Tiinuubuun ibsaa biyyiisaanii gara Niijartiitti ergaa turte adda kutuudhaan qoqqophaa diinagdee ECOWAS hojiirra oolachaniiru.

ECOWAS

Hawaasa Diinagdee Biyyoota Afriikaa Lixaa (ECOWAS) fonqolchiicha cimsee mormeera.

Miyyoonni miseensa dhaabbatichaa gareen waraanaa torban tokko keessatti aangoo Pirezidanti Baazumiif akka deebiisuuf gaafachuun ta’u yoo baatee jidudugalummaan waraanaa ni Hordofa jechuun akeekkachiiseera.

Baaniin, Burkiinaa Faassoo, Keep Veerdee, Kooti Diivaar, Gaanaa, Giinii, Giinii Biisaawu, Laayibeeriyaa, Maalii, Niijar, Naayijeeriyaa, Seeneegaal, Seeraaliiyoon fi Toogiin miseensummaan kana hamate ECOWAS fongolchiichaan booda Chaadi irratti qoqqophaa kaa’eera.

Suuraa

Madda suuraa, Getty Images

Garee mindeeffamtoota Waagnar

Hoogganaan Gareen Mindeeffamtoota Waagnar Vigeenii Piiriigooshiin fonqolchi gaggeeffama injifannoodha jechuun irra deddebiin ibseera.

‘‘Dhimmi Niijar keessatti ta’e kan qabsoo ummanni Niijar abbootii hirre waliin qaban agarsiisuudha,’’ jechuun ture toora Telegraamii Waaginar jedhurratti dubbate.

Haata’u malee yaada kana kan kenne dhugaatti isa ta’u fi dhiisuun qaama walabaatiin hin mirkanoofne.

Loltoonni mindeeffamtoota Waagnar fonqolchi Niijariitti raawwatame gumaacha taasisaniiru jedhamuun himatamu.

Pirezidantii Baazuum gareen Waagnar waa’ee mootummaa saanii ‘‘odeeffannoo dogongoraa dabarsaniiru’’ jechuun komiisaanii fonqolcha mootummaatiin dura dhageessiisanii ture.

Haata’u malee Ameerikaan gareen Waagnar fonqolcha Niijar keessatti hirmaachuf ragaan omaatu hin jiru jetti.

Dursaa Garee Waagnar

Madda suuraa, Getty Images

Raashiyaa

Kiremiiliin haalli Niijar keessatti ta’aa jiru baayyee ‘‘yaaddeessaadha’’ jechuun hunduu mudamicha akka tasgabbeessuuf waamicha taasifte.

Dubbii Himtuun Waajjira Dhimma Alaa Raashiyaa Maariiyaa Zaakaaroovaa, ‘‘nagaa akka bu’uufi gara bulchiinsa siiviiliitti deebiisuuf akkasumas olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf mariin biyyaaleessaa barbaachisaadha,’’ jedhan.

Deeggartoota fonqolchiichaa keessaa tokko tokko alaabaa Raashiyaa kan Niijar waliin qabachuun mul’ataniiru.

Taajjabdoonni warra liixaa hooggansi Niijar haaraan yaaddoo duukaa Buurkiinaa Faassoo hordofuu mala jedhu akka qaban ibsuu. Ollaa Niijar kan ta’an Maaliifi Buurkiinaa Faassoon kan warra liixaa caalaa deeggarsa Raashiyaa filatu.

Pirezidantii faransaay Imaanu'e Maakiroon

Madda suuraa, Getty Images

Faransaay

Kolonneeffataa Niijar kan taate Faransaay looltoota gara 1,500 ta’an biyya Afriikaa Liixaa keessatti boobbaaftee turte.

Foonqoolchi mootummaa Burkiinaa Faassoo fi Maalii mudate hordofuunis Farasaay bu’uurashee gara Niijariitti naanneessite.

Fonqolchiicha cimsitee kan mormiite Faransaay, pirezidanti Baazuum dursaa biyyaaleessaa qofaadha, hoogganaa waraanaa haaraa gonkumaa hin deeggaru jetti.

Ibsa Ministeerri Dhimma Alaa faransaay baaseen, ‘‘Mootummaan Niijariitti karaa dimokoraatawa ta’een filatame atattamaan gara aangootti akka deebii’uuf waamicha hawaasni idil-addunyaa dhiyeesse ni deeggarra,’’ jedhan.

Ministirri Raayyaa Ittisaa Faransaay Seenaaschiiyan Leekoornuu akka jedhaniitti, lammiilee Faransaayi kumaa oliifi lammiilee biyyoota Awurooppaa kaan Niijar keessaa akka bahan taasifameera.

Ameerikaa

Mootummaan Ameerikaa fonqolchi mootummaa Niijar irratti raawwatame cimsee akka mormu ibseera.

Itti dabalunis Misnistirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biiliinkan Pirezidanti Baazuum atattamaan akka hidhaa manaa irraa bilisa taasifamaniif gaafataniiru.

Ameerikaan loltoota gara kuma tokkoo ta’an Niijar keessaa qabdi.

Ameerikaan bara 2013 irraa kaasuun loltootashee Niijar keessatti kan bobbaafte sochii farra shorrkeessummaa qaxanicha keessatti gaggeeffamu deeggaruufiidha.

Ameerkaan haleellaa diroonii raawwachuuf humna qilleensaa magaala Agaadeezii qabduun alatti kaampii gara biraa hin qabdu.

Agaadeez ammo magaala guddoo Niijar Niiyaamii irraa fageenya kiilomeetira 800 irratti argamti.

Ameerikaan Imbaasii ishee Niijariitti argamu keessaas hojjattoota hanga tokko baaftee jirti.

Pirezidanti Joo Baayidan

Madda suuraa, Getty Images

Jarman

Jarmaniin magaala guddoo Niijar Niiyaamii keessaa buufata leenjii waraanaa qabdi.

Jarmaniinis deggarsa maallaqaa mootummaa jiduugalaatiif taasisaa turte yeroo hin murtoofneef adda kutuu beeksiifte jirti.

Kana malees haalli attamiin akka deemuu ilaaluudhaan tarkaanfiiwwan dabalataa akka fudhatu beeksiftee jirti.

Ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Jarman baaseen, wanti Niijar keessatti ta'aa jiru, ''itti dhiyeenyaan cimsee hordofaa'' jiraachu ibseera.

Tarkii

Tarkiin walitti dhufeenya dippilomaasii Niijar waliin qabadu bara 1967 irraa kaaftee cimfataa dhufte.

Ministeerri Dhimma Alaa Tarkii akka jedhetti, erga Imbaasiin Tarkii magaala guddoo Niijar Niiyaamiitti banamee kaasee, biyyoonni lama waliigalteewwan walitti dhufeenya waloo 29 taasisaniiru.

Bara 2019 keessa ammoo biyyoonni lamaan wal jijjirraa daldalaa taasisan doolaara Ameerikaa miiliyoona 72 gahuutu dubbatama.

Tarkiin Niijar fi Maaliif diroonii akkasumas deeggarsawwan gara biraa ni taasifti.

Niijar bara 2021tti dirooniiwwan Baayiraaktaar jedhaman jaha kan fudhatte yoo ta'u, ibsa Ministeera Dhimma Alaa Tarkii baaseen, ''fonqolcha humna waraanaa Niijariin gaggeeffame itti dhiheenyaan hordofaa jirra'' jedhera.

Antoonii Gutareez

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbilee adda addaa

Dhaabbilee akka Gamtaa Afriikaa, Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata Mootummaa gamtoomanii fonqolcha Niijariitti ta’e mormaniiru.

Gamtaan Afriikaa waraanni Niijar guyyoota 15 keessatti akka gara buufata waraanaa isaatti deebi’uuf akeekkachiisa kennee ture.

Gamtaan Awurooppaa ammo sochiilee nageenyaa biyyattii keessatti raawwatu adda kutuu beeksise.

Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antoonii Guteereez deggarsa pirezidantii hunmaan aangoorraa kaafaman Baazuumiif qaban ibsaniiru.

Akkasumas waraanni Niijar atattamaan akka isaan gadi dhiifuuf gaafatan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub