Search This Blog

Jumat, 18 Agustus 2023

Gujii Lixaatti galmeen himataa miseensa poolisii yakka dirqisiisanii gudeeduun irratti murtaa’ee maal hima? - BBC

Miseensi Poolisii Aanaa Surroo Barguddaa yakka dirqisiisanii gudeeduu raawwate

Madda suuraa, Feesbuukii Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Aanaa Surroo Barguddaa

Oromiyaa Gujii Lixaatti miseensi poolisii halkan dawoo godhatee miidhamtuu sodaachisuun yakka dirqisiisanii gudeeduu raawwate hidhaan irratti murtaa’e.

Godina kana Aanaa Surroo Barguddaatti yakki raawwatame kun "agarsiistuu rakkoo nageenyaa naannichaati," jedhan abbaan seeraa BBCn dubbise.

Akeekkachiisa! Odeessi kun miira hordoftoota garii jeequu mala

Rakkoon nageenyaa aanichatti mul’atu dhimmoota dabalaa dhufuu yakka dirqisiisanii gudeeduuf sababa ta’an keessaa tokko ta’uu himu Abbaan Seeraa Mana Murtii Aanichaa Badhaanee Danboobii.

"Hamma kana jennee adda bahu dhabullee daballiin isaa inuma jira,” jechuun yakki gudeeddii aanichatti dabalaa jiraachuu himan.

“Qaamni raawwate kan sodaatamu yookiin yeroo saniif to’achuun kan rakkisu yoo ta’efi qaama hidhannoo qabu yoo ta’e, yeroo baay’ee haalli to’atamuu dhabuu, qabamuu dhabuullee inuma jiraata” jechuunis walxaxaa ta’uu rakkinichaa himan.

Haa ta’u malee yakki dirqisiisanii gudeeduu miseensa Poolisii Aanaa Surroo Barguddaa Konistaabil Ganamee Konsoon raawwatame, kunneen Mana Murtiitti dhiyaatanii murteen haqaa irratti kenname keessaa tokko.

Yakki kun ALI Adoolessa 04, 2015 Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaa ganda Dambii Surroo jedhamutti rawwate.

Guyyichatti miidhamtuun dhuunfaa maqaanshee nageenyasheef jecha hin eeramne, galgala sa’aa 3:30 yemmuu ta’u fincaaniif manaa gadi baati.

Yeroonsaa halkaniifi dukkana waan tureef dubartii biraa manashee jirtu waliin qe’ee isaaniitii bahanii daandii tokko ce’anii iddoo mana fincaanii gahan.

“Mana isaaniifi mana fincaanii isaan qaban gidduu daandii meetira 10 ta’utu gidduu jira. Wayita daandii kana qaxxaamuranii achi gahan (himatamaan) itti dhufe,” jedhan Abbaa Seeraa Badhaanee Danboobii.

“Halkaniin eessaa dhuftan? Halkaniin deemuun dhorkameera waan ta’eef ni adabamtu kanaaf qarshii 200 adabbii fidaa jedhee gaafate” kan jedhan Abbaan Seeraa kun, himatamaa Konistaabil Ganamee Koonsoo “Sodaachisee, dirqisiisee kan gudeede ta’uusaa mirkaneeffannee jirra,” jedhaniiru.

Galmeen himata yakkaa maal hima?

Himatamaan miidhamtuu dhuunfaafi dubartii ishee waliin jirtu halkan sa’aatii 3:30 fincaaniif bahan maallaqa birrii 200 akka kennaniif meeshaa qabatee sodaachisuu eegale.

Haa ta’u malee dubartootni lamaan qarshii akka hinqabne itti himanis nama bakka isaanii adabamu akka fidan itti hima. Dubartootni lamaanis deebii ‘hinfidnu’ jedhu deebisu.

"Yemmuu kanattis himatamaan 'Isin ABO Shaneedha. Iddoo ABO Shaneen jiru ni beektu waan ta’eef achii dhuftu' jedhee ittiin lole. Isaanis jecha ABO Shanee jedhu kana gaafa dhagahan baay’ee sodaatan,” jedhan Abbaa Seeraa Badhaanee.

“Meeshaa (waraanaa) itti qajeelchee ‘isinin ajjeessa’ jedhee sodaachisee gara raaqaa fuudhee deema. Erga gara raaqaa geesseen booda ishee tokkoon ‘taa’i sagaleekees hin dhageesisin’ jedhee erga sodaachisee teesiseen booda, ishee tokko ni gudeede,” jedhan.

Abbaan warraa miidhamtuus haati warraasaa osoo hin deebi’iin turuusheetti yaadda’uun barbaachaaf yemmuu gadi bahu yakkichi osoo raawwatamuu irra gahuu himan.

Himatamaan 'gochicha raawwachuu haale'

Qorannoon poolisii xumuramee Abbaan Alangaa, Mana Murtii Aaanaa Surroo Barguddaatti himata erga hundeessee booda, himatamaa Konistaabil Ganamee Konsoo fi miidhamtuu dhuunfaan dhaddachatti dhiyaatan.

Himatamaan yakkicha ‘hin raawwanne’ jechuun haaluun jechasaa Abbootii Seeraa Mana Murtichaaf laatus, ragaa ittisaa dhiyeeffachuu hin dandeenye.

“Ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jedhamee ture. Garuu ‘hinqabu’ jechuun ragaa ittisaa dhiyeeffachuu hin dandeenye. Ragaa ittisaa hinqabu waan jedheef, mirgi ragaa dhiyeeffachuusaa bira darbame, erga heeyyamameen booda,” jedhan Abbaa Seeraa Badhaanee Danboobii.

Gama miidhamtuun immoo miidhamtuu dhuunfaa dabalatee ragaaleen namaa sadii dhiyaachuun himatamaan yakkicha raawwachuusaa jechasaanii kennan.

Kanuma bu’uura godhachuunis manni murtichaa himatamaa Konistaabil Ganamee Konsoo, Seera Adaba Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 620/1 jalatti kan kaayameen balleessaadha jechuun murteesse.

“Keewwatichi namni tokko dubartii tokko humnaan yookiin meeshaadhaan dirqisiisee yookiin sodaachisee kan gudeede yoo ta’e, hidhaa waggaa 5–15 adabsiisa jedha,” kan jedhan Abbaa Seeraa Badhaanee, “yakki kun yeroo raawwatamu miidhaan dabalataa miidhamtuurra kan hin geenye waan ta’eef bu’uura saniin adabbii (hidhaa) waggaa torbaa murteessine,” jedhan.

Manni Murtichaa himatamaan yakkicha halkan dawoo godhachuun kan raawwate ta’uusaafi gocha salphummaa raawwachuusaa akka yaadawwan adabbii cimsanitti kan fudhate yemmuu ta’u, kanaan dura galmee yakkaa kan hin qabnefi maatii kan gargaaru ta’uusaa akka yaadawwan adabbii salphisanitti fudhateera.

Dhiibbaa rakkoon nageenyaa uume

Rakkoon nageenyaa walitti bu’iinsa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ‘ABO Shanee’ jedhuun fi humnootii mootummaa gidduu jiruun walqabatee uumame dhimma sochii hawaas-diinagdee godina Gujii Lixaarratti dhiibbaa geessisaa jirudha.

Kana bira darbees lubbuufi qaama namaarratti miidhaa geesisuu erga eegalee bubbuleera.

Rakkoon nageenyaa kun dabalaa dhufuu yakka dirqisiisanii gudeeduufis sababa tokko akka ta’e Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Surroo Barguddaa kan ta’an Badhaanee Danboobii himu.

“Haala qabatamaa jiruun kan duraanii caalaa agarsiiftuun ni jira. Hamma kana jennee adda bahu dhabullee daballiin isaa inuma jira,” jedhan.

“Namni qorannoo taasisuun dhugaa jiru qoratee bira gahe hin jiru.

"Haa ta’u malee, haala odeeffannoo jirufi haala qabatamaa nageenyaan walqabatee rakkoon hedduu waan jiruuf, qaamotni heddullee keessa waan socha’aniif, dabalataan yakka akka gudeeddii ifaan ifatti yoo qaamni sadaffaan arge malee namni achumaan dhokfachuun ni mul’ata,” jechuunis himan.

“Seeraafuu haalli dhiyaatullee baay’ee dhiphaadha. Qaamni raawwate kan sodaatamu yookiin yeroo saniif to’achuun kan rakkisu yoo ta’e, qaama hidhannoo qabu yoo ta’e, yeroo baay’ee haalli to’atamuu dhabuu, qabamuu dhabuullee inuma jiraata,” jedhan.

“Miseensa Raayyaa Ittisaa keessaallee namni (yakka gudeeddii) kana raawwatee Mana Murtii Olaanaatti dhimmisaa ilaalamaa turellee ni jira. Kana durallee kan nuti murteessine ni jira,” jedhan.

“Akka aadaa naannoofi akka safuu naannootti gaafa gochi akkanaa raawwatame jedhame xiyyeeffannaa guddaa qaba” kan jedhan Abbaan Seeraa kun, yakki dirqisiisanii gudeeduu duraan sadarkaa hinjiru jedhamuu danda’urra ture amma garuu dabalaa jiraachuu himan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub