Search This Blog

Selasa, 08 Agustus 2023

Haleellaa hidhattoonni Faannoo naannoo Oromiyaa magaala Mandiidaatti raawwataniin lubbuun namaa darbe - BBC

Magaala Mandiidaa

Madda suuraa, Communication Aanaa Abbichuu

Hidhattoonni Faannoo naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa keessatti kan argamu Aanaa Abbuchuufi Nya’aa Magaalaa Mandiidaatti haleellaa raawwachuun isaanii himame.

Haleellaa kaleessa ALI Haagayya 01, 2015 raawwateen lubbuun miseensota Poolisii Oromiyaa lama fi lubbuun barataa tokko darbuu Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Abbichuufi Nya’aa Obbo Abdataa Haayiliyyee BBC'tti himaniiru.

Gareen hidhattootaa kun ganama naannoo sa’aa 4:00tti gara magaalichaa seenuu kan himan angawaan kun, “Gocha kana kan raawwate humna Faannoo jedhamudha. Konkolaataadhaan toora magaalaa Dannabaa irraa daangaa isaanii cabsanii gara keenya dhufan,” jedhan.

Dannabaan magaala Naannoo Amaaraa aanaalee aanaa Abbichuufi Nya’aa daangessan keessaa tokko kan ta’e Siyaadabirii fi Waayyuu keessatti argamtudha.

Hidhattootni maqaa Faannoo jedhamuun waamaman kunneen konkolaataa fee’umsa meeshaa sadiin Dannabaarraa gara Magaalaa Mandiidaa akka deeman odeeffannoo qabaachuu isaaniifi magaalaa osoo hin seenin konkolaataarraa bu’uun dhukaasa banuu isaaniis Obbo Abdataan himaniiru.

“Baay’inni isaanii qabatamaatti ani kanin ofii kiyyaaf arge toora nama 100 ni ta’u. Mooraa Waajjira Bulchiinsaa fi Waajjira Poolisii seenanii dhukaasanii bahan,” jedhan.

Hidhattoonni kunneen meeshaalee waraanaa dhuunfaa dabalatee kunneen Isnaayippariifi Bireenii jedhaman hidhachuu kan dubbatan angawaan kun, “dhukaasaa dhufanii Waajjira Poolisii seenanii meeshaa hiikkachuu barbaadan garuu hin milkoofne, gadi deebi’an,” jedhan.

Gama naannoo Oromiyaatiin immoo poolisiin idilee aanichaa, miseensootni poolisii humna addaa Oromiyaa dhiyeenya gara poolisii idileetti makamanfi milishaan tarkaanfii ofirraa qolachuu fudhachuu isaanii himameera.

Kaayyoon hidhattootni kunneen Magaalaa Mandiidaa itti seenuu danda’an magaalicha qaxxaamuranii gara magaalota naannoo Amaaraa birootti ce’uu ta’uu akka danda’u kan himan Obbo Abdataan, “garuummoo magaala gaafa gahan dhukaasa banan. Kaayyoon isaaniis jeequmsa, waan argatan saamuufi meedshaa hiikkachuu barbaadu. Sun immoo hin milkoofne,” jedhan.

Yaada jiraataa magaalaa

Jiraataan Magaalaa Mandiidaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatanfi BBCf yaadasaanii kennan lakkoofsi hidhattoota Faannoo magaalicha seenanii 300 kan ta’u akka ta’e odeeffachuu himaniiru.

“Akkuma seenaniin magaala naanna’anii dhukaasaa turan. Guutuu magaalichaa keessa deemanii sakatta’anii dhukaasaa turan,” jedhan jiraataan kun.

Caasaaleen nageenyaa mootummaa magaalicha keessa turan haleellaa hidhattoota Faannoo ofirraa qolachuuf dhukaasaa turuu kan himan jiraataan Magaalaa Mandiidaa, “hanga danda’amaa ta’e ofirraa dhorkanii humnaa ol itti taanaan jarri cabsee seene kan jedhutu jira,” jedhan.

Lubbuu namaa darbe

Wal jijjiirraa dhukaasaa hidhattoota Faannoo fi humnootii mootummaa gidduu tureen lubbuun namaa darbuu Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Abbichuufi Nya’aa akkasumas jiraataan magaalaa Mandiidaa BBCtti himaniiru.

“Lubbuun nama siiviilii tokkoofi kan poolisii lamaa darbeera. Faannoo keessaa nama 8 kan ta’u lubbuun darbeera kan jedhu odeeffannoo qabna” jechuun Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Abbichuufi Nya’aa Obbo Abdataa Haayiliyyee himaniiru.

Hidhattootni Faannoo ganama sa’aa 4:00 hanga waaree booda sa’aa 11:00tti magaalicha keessa turuu kan himan qondaalli mootummaa kun, sa’aa 11:00 booda garuu magaalicha gadhiisanii bahu himan.

“Akka waan magaala qabattee jirtutti kan odeessu jira. Garuu amma magaala keessa hinjiran, gadhiisanii bahanii jiru. Kan magaala keessa jiru humna mootummaati” jedhan.

Kana malees odeeffannoowwan baankiiwwan magaalicha keessatti argaman saamamuufi hidhamtootni gadhiisifamuu himanis odeeffannoowwan sobaa ta’uu himaniiru.

“Baankiin tuqame hinjiru, namni butames hinjiru. Namoota sadeen du’an siiviilii barataa tokkofi qaama nageenyaa poolisii lamaan alatti lubbuun darbes, qabeenyi saamames hinjiru” jedhan.

Jiraataan magaalichaa BBCn haasofsiisees “odeeffannoo meeshaa saamniiru, baankii cabsanii fudhataniiru jedhutu jira. Garuu oduu sobaati. Wanti saamame hinjiru” jedhan.

Ammatti qabbana garuu yaaddoon jira

Haalli guyyaa har’aa Magaalaa Mandiidaa keessa jiru qabbana ta’uu qondaalli aanichaafi jiraataan magaalaa Mandiidaa himaniiru.

“Ani mataa kootti daandiirran jira. Qaamni nageenyaa magaalicha keessa socho’aa jira. Hawaasnis akka barbaadetti bahee galaa jira” jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Abbichuufi Nya’aa Obbo Abdataa Haayiliyyee.

Jiraataan Magaalaa Mandiidaa gama isaaniitiin, “namni magaala keessa socho’aa jira. Tajaajilli tokko tokko kan cufame jira, kan banames jira” jedhan.

“Wanti akkasii kanaan dura hin uumamne. Namni waliigalee karaa nageenya qabuun jiraachaa ture” kan jedhan jiraataan Magaalaa Mandiidaa kun, haala yeroo ammaa naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee garuu yaaddoon jiraachuu himaniiru.

“Yaaddoon jiru toora Dannabaatti wal gurmeessaa jiru kan jedhu odeeffannoo ni qabna. Yaadni hawaasafi nubiras jiru qaamni nageenyaa akka as turufi humni dabalataa dabalamuu akka qabudha” kan jedhan immoo Obbo Abdataa Haayiliyyeeti.

Aanaan Abbichuufi Nya’aa aanaalee naannoo Amaaraa sadi: Baasoofi Waraanaa, Aangolalaafi Xaraa fi Siyaadabirfi Waayyuu jedhamaniin wal daangessa.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub