Search This Blog

Jumat, 25 Agustus 2023

Heenikan warshaalee biiraa Raashiyaatii qabu Yuuroo 1tti gurgure - BBC

Biiraa Heenikan

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Heenikan daldala biiraa Raashiyaatii qabu Yuroo tokko ykn birrii 59tti gurgure. Dhaabbaticha gatii kanaan akka gurguru himuun waggaa tokko booda raawwate.

Dhaabbati daldalaa Daach, biiraa naqu kasaaraa Yuroo miiliyoona 300 fudhachuun dhaabbata Raashiyaa qaruuraa oomishu Arnest jedhamutti gurgure.

Daldalooti biyyoota Lixaa baayyee yeroo Raashiyaan Yukireeniin weerarte dhiisanii achii bahan.

Hojii geggeessaan olaanaa Heenikan Doof vaan deen Biriink: ''Isa abdanne caalaa yeroo dheeraa fudhate,'' jedhe.

''Haa tahu malee gurgurtaan kuni jireenya hojjettoota keenyaaf wabii kenna, nutis haala itti gaafatamummaa qabuun biyya sanaa akka gadhiisnu nuu eeyyama,'' jedhan.

Dhaabbanni Arnest jedhamu warshaa biiraan itti naqamu torba Yuroo tokkoon biteeti hojjettoota 1,800 waggoota sadan dhufaniif isaan qacaruuf wabii kenneefii.

Oomishni biiraa maqaa Amisteel jedhamu qabu ji'a jaha dhufu keessatti hojii dhaabee Heenikan Laagar bara 2022tti achii bahetti makama.

''Yeroo dhihoo asitti waan dhageenyu dhaabonni oomishaa Raashiyaatii bahuuf danqaa isaan qaban agarsiisa,'' jedhan Obbo vaan deen Biriink.

Baatii darbe Pireezidaant Vilaadmiir Puutiin qabeenyi biiraa Kaarilsbarg fi oomishaan itittuu Daanone jedhamu mootummaan akka dhaalu godhaniiru.

Torbee kana abbaan qabeenyaa Piizaa Doominoos otuma kasaaruu daldala Raashiyaadhaa qabu akka cufu akeekeera.

Dhaabbatichi, ''iddoo akkaan rakkisaa tahaa dhufetti,'' kana booda daldaluuf hin yaallu,'' jedhe.

Raashiyaan 2022 Guraandhala keessa Yukireeniin weeraruun booda qoqqobbii diinagdee garaagaraatu irra kaa'amaa jira.

Daldaloonni kanneen akka McDonald's fi Coca-Cola battaluma Rashiyaan Yukireen galteen daldala isaanii achii akka baasan dhiibbaan irratti taasifamaa ture.

Dhaabota daldalaa waraanni otoo adeemuu hojii isaanii Raashiyaatti itti fufan irrattis qeeqni irra gahaa ture.

Dhaabbota daldalaa ammallee achi jiran keessaa telekoomii UK, BT Group fi Lacoste fa'i ni argamu.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub