Ministirri Mummee Abiy Ahimad bara 2018 akkuma aangootti dhufaniin biyyoota daawwatan keessaa tokko Yunaayitid Arab Imireetis ture.
Baruma MM Abiy aangootti dhufan UAE’n Minsitira Hajaa Alaa Sheek Abdullaah Biin Zayiid al Naahiyaan Itoophiyaatti ergitee damee garagaraan sanadni waliigaltee mallatteefameera.
Garaagarummaa ji’ootaan ilmi mootii Abudaabii Mahammad Biin Zayiid Finfinnee galuun isaanii fedhiin waltumsuu biyyoota kanaa guddachuusaa agarsiiseera.
Amma immoo Pireezidantiin UAE Mahammad Biin Zayiid al Nahaayin torbee darbes Itoophiyaa daawwataniiru.
Waliigaltee nagaa
Xiinxalaan siyaasaa lammii Ertiraa Landan jiraatan Obbo Abduraamaan Sa’iid Abboo Hashiim pireezidantichi ministira mummee Abiy waliin hariiroo gaarii qabu jedhu.
Daawwannaan hogganootni kunneen biyyoota walii isaaniitti taasisan ammoo akka ragaatti dhiyeessu.
Ministirri mummee gara aangootti yeroo dhufanitti Eritiraa waliin nagaa akka buusaniif UAE'n deeggaruu kaasaniiru.
UAE’n Itoophiyaa fi Ertiraan gara nagaatti dhufuuf shoora qabaniif hogganoota biyyoota lameenii badhaasa kabajaa isa olaanaa kennniteettiif.
Itoophiyaan waldhibdee Eritiraa wajjiin qofa qabdu soo hin taane kan Sudaaniifi Masrii waliin qabdu akka furtuuf yaalii taasifteetti.
Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan wal-dhibdee Hidha Haaromsaa irratti qaban waliigalteerra akka gahan tattaaffii gochaas turteetti.
Abuu Daabiin dhibdeen daangaa Itoophiyaafi Sudaanis kara dippiloomaasiin akka hiikamu yaalaa turteetti.
Rakkoo keessoofi Ertiraa
Daawwannaan Mahammad Biin miilanaa dhimma biyya keessaa irratti xiyyeeffachuu akka danda’u kaasu Abboo Haashim.
‘’Naannoo Amaaraa qofatti osoo hin taane guutummaa biyyattiitti rakkoon waraanaafi diinagdee otoo mul’ataa jiruu, akkasumas ministirri mummee Abiy fudhatamni uummata biratti qaban hir’isaa deeemuun waanuma mul’atudha,’’ jedhu.
‘’Dadhabinni keessoo ministira mummee Abiy mul’achaa jira. Kan bulchiinsaa, diinagdeefi kaanis,’’ jedhaniiru.
Daawwannaan pireezidantichaa karaatti rakkoo kana keessaa ittiin bahan agarsiisuuf tahuu mala jedhu Abboo Hashiim.
Tilmaamni isaanii biraan ammoo hariiroo Itoophiyaafi Ertiraa waliin qabanidha.
Waliigalteen nagaa biyyoota lameen badhaasa argamsiiseef ‘laafaa’ jira jedhu xiinxalaan siyaasaa kuni.
Waraanni mootummaa Federaaaafi TPLF haalli itti xumurame Pireezidant Isaayyaasiin kan gammachiisu tahuu dhiisuu mala jedhu.
Yeroo waraanaa hidhattoonni Faannoo mootummoota biyyoota lamaanii cinaa dhaabbatan hidhannoo akka hiikkatan gaafatamuun, gaaffiiwwan isaanii garagaraaf deebii kennuu dhiisuuniifi Abiy Ahimad hariiroon isaan TPLF fi Ameerikaa waliin taasisan Pireezidant Isaayyaasiif ‘’akka hin liqimsamne’’ dubbatu.
‘’Gama kanaan hariiroon isaanii dhiibbaa jala jira jechuun danda’ama. Hamma wal-shakkuu biras gahaniiru,’’ jedhan.
Ministirri mummee buufata doonii argachuuf humna fayyadamuu akka danda’an dubbataniiru jedhamee miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture.
‘’Dhimma buufata doonii kanaa ministirri mummee ifatti dubbachuu baatanillee hariiroon laafaa dhufe kana hammeessuu danda’a,’’ jedhu xiinxalaan siyaasaa lammii Ertiraa kuni.
UAE’n gara Itoophiyaa deemuun dhimma kana tilmaama keessa galchuun tahuu akka danda’u himu.
‘’Itoophiyaan rakkoolee gurguddoo qabdu Ertiraa irraa gargaarsa otoo hin barbaadiin furuu akka dandeessu yaaddi taha.
Waldeeggaruun biyyoota kanaa garuu biyyoota lameeniifuu wabiidha. Keessumaa yeroo ammaa rakkoo keessa kan jirtu Itoophiyaa waan taateef deeggarsi ishee barbaachisa jedhanii yaaduurraa tahuu mala dawwannaan taasifame,’’ jedhaniiru.
Gaaffiin daawwannaa karaa Itoophiyaa kan dhiyaates tahuu mala jedhu Abboo Haashim.
‘’Pireezidant Isaayyaas waliin na araarsaa. Rakkoo biyya keessaas Pireezidant Isaayyaas waliin taheen hiikuun barbaada jedhaniis tahuu mala. Ofiin wal arganii dhimma hiikuu hin dandeenye kara michuu waloo yaaluufis tahuu danda’a,’’ jedhaniiru.
Faayidaa dippiloomaasii
Daawwannaan miilanaa kuni kan Itoophiyaa irratti xiyyeeffatu qofa miti.
Faayidaan isaa kan jara lamaan akka taheefi UAE’n waltajjii dhiibbaa itti uumtu kan ittiin bal’ifattu tahuu mala.
Itoophiyaafi Ertiraan michoota waan tahaniifi imaammata haajaa alaafis tahe, hariiroo isaaniif madaallii waan kaasudha. Biyyooti kunis fayyadamoodha daawwannaa kanarraa,’’ jedhaniiru.
UAE’n Itoophiyaa irraa waan barbaaddu baayyee qabaachuu dandeessi.
Itoophiyaafi Sudaan oomisha qonnaa dhiyeessuufi akka danda’an ibsu xiinxalaan kuni.
‘’Itoophiyaafi Sudaan lafa qonnaa bal’aa qabu. Hanqina roobaas hin qaban. Dhiyeessii bishaaniins deeggaruunii danda’u.
UAE’n hanqina bishaanii qabdi. Itoophiyaan immoo bishaan dhugaatii otoo hin hafiin dhiyeessuu dandeessi,’’ jedhaniiru.
Itoophiyaa biyyi uummata miiliyoona 100 qabdu UAE’f invastimantiidhaaf mijattuudha. Dhimmi guddaan dippiloomaasiidha.
Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaati. Yaa’iin ardii kanaa waggaatti al lama adeemsifamu inni tokko Finfinneetti taa’ama.
Kunimmoo warra Imireetiif biyyoota Afrikaa 54 haala salphaa taheen argachuuf kara qaxxaamuraati.
Gaanfi Afrikaa ammoo naannoo biyyooti jajjaboo qalbii irra buufatanidha.
‘’Itoophiyaan biyyoota naannoo kanaa keessaa sababa garaagaraa ‘’madaalli guddaan’’ akka kennamuufi kaasuun, Ertiraanis tahe Jibuutiin Itoophiyaa qabatanii haala salphaan tarkaanfachuu danda’u,’’ jedhu.
Ministirri mummee Abiy Ahimad daawwannaa kanarraa faayidaa dippiloomaasii akka argatan dubbatu.
‘’Hariiroon biyyoota oollaa wajjiin jiru yeroo hammaatu UAE’n deeggarsa kennuuf humna qabaachuu dandeessi,’’ jedhu.
Waliigaltee waraanaa
Itoophiyaafi UAE’n gama waraanaanis hariiroon isaanii kan bubbuledha.
Yeroo garaagaraattii waliigaletee waraanaa walii mallatteessaniiru.
Waggaa sadiin dura daawwiin xiyyaarota waraanaa 16ffaa UAE’tti adeemsifamee ture.
Yeroo sanatti Itoophiyaafi UAE’n hariiroo waraanaa cimsuuf waliigaltee mallatteessuun ibsamee ture.
Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf adeemsifame irrattis maqaan biyyoota lameenii wajjin ka’aa ture.
Yeroo waraanichaa dirooniiwwan waraanaa UAE Eritiraa irraa ka’an faayidaarra oolaniiru koomiin jedhus ni ka’a.
Sharafa alaa
Hanqinni doolaarii Itoophiyaa waggootaaf rakkoo tahee itti fufee jira.
Kunimmoo rakkoo diinagdee baayyee fiduun isaa mul’ateera.
‘’Gama kanaan UAE’n Itoophiyaa deeggaruu dandeessi. Hanqina doolaaraa amma jiruun Itoophiyaa akkaan fayyaduu danda’u.
Yeroo Abiy Ahimad gara aangootti dhufan UAE’n doolaara biiliyoona sadii kallaattiin Baankii Biyyaalesaa galu, akkasumas invastimantiin Itoophiyaaf kennuuf waliigaltee ture.
Yeroo Finfinnee turanitti Abiya Ahimad waliin dhimmoota garagaraa irratti marii’achuun isaanii ibsameera.
Hogganooti biyyoota lameenii hariiroon isaanii yeroodhaa gara yerootti jabaachaa dhufuu ibsi waajjirri ministirri mummee baase ni agarsiisa.
Yeroo daawwannaa isaaniis dhimmoota indaastirii, qonna, invastimantiifi faayinaansii irratti damee garagaraan waliigalteen 17 mallatteeffamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Tidak ada komentar:
Posting Komentar