Search This Blog

Kamis, 24 Agustus 2023

'Janaraalli Raashiyaa waraana Yukireen dursaa turan hojiirraa ari'aman' - BBC

Puutiiniifi janaraar Sargee

Madda suuraa, SPUTNIK/MIKHAIL KLIMENTYEV/KREMLIN VIA REUTERS

Hogganaa waraana Raashiyaa olaanaa kan ta'an Janaraal Sargee Sarovikiin ari'aman. Qondaalli Raashiyaa humna qilleensaa dursaa turan kun erga torbanootaaf ifatti mul'achuu dhiisuun isaanii dubbatamaa tureen booda aangoorraa kaafamuun himame.

Eejjansii Ria Novosti jedhamu aangoorraa kaafamuu maddeen eeruun gabaaseera.

Janaraal Sargee Surovikiin baatiiwwaniif weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte keesstti itti-gaafatamaa turan. Haata'u malee, erga hookkara Waagnariin Waxabajjii darbe mudateen booda mul'atanii hin beekan.

Kanneen dhimmicha hordofanis aangoorraa kan kaafaman yeroo itti diddaa Waagnarootaan umamee sana akka ta'e himu.

Gaazexeessaan Raashiyaa tokko madda ministeera raayyaa ittisaa eeruudhaan akka himetti, sababii gara hojii haaraatti jijjiirameef aari'amuufi amma boqonnaarra jiraachuu gabaaseera.

Gaheen inni akka hogganaa hunma qilleensaa qabus duree olaanaa humna qilleensaa, Jenaraal Viiktar Afzaaloov'n bakka buufamuutu gabaafame.

Tibba mindeeffamtoonni Waagnar gara Mooskootti qajeelanii turan Waxabajjii 24 darbeetti Janaraal Sarovikiin gara buufatansaaniitti akka deebi'aniif yoo gaafatan viidiiyoo irratti mul'atanii ture.

Haata'u malee, haalli inni viidiyicharratti dhiyaatee ture akka waan to'annoo keessa jiruutti ibsamaa ture. Janaraalli kun dursaa Waagnar kan turaniifi kaleessa balaa xiyyaaraatiin ajjeeffamuun himame, Yevgeenii Piriigozhiin waliin walitti dhufeenya gaarii akka qabu himama.

Erga taatee Waxabajjiin booda torbanoota darban keessa, gabaasaaleen hin mirkanoofne biloogaroota waraana Raashiyaatiin Janaraalli kun gaaffiidhaaf to'atamee akka ture gabaasanii ture.

Garuu ammoo aanga'oonni osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin dura to'atamusaa ni haalu. Janaraalli sooramaan bahan tokko boqonnaarra waan jiruufi hin argamu jedhanii ture.

Janaraal Sarovikiin umuriin isaa waggaa 56 yoo ta'u, duula Sovieeti bara 1980moota keessa Afgaanistaan keessatti gaggeessite irratti hirmaate ture.

Qondaala kanaaf maqaa masoo Janaraalaa Armaageedoon jedhamu kennameefiif ture. Maqaan isaa kunis gara jabummaa Siriyaa keessatti raawwatanee kan wal qabatudha.

Akka ajajaa waraanaa Raashiyaafi boodarra kan humna qilleensaatti, magaala lammaffaa kan taatee Aleppoo keessatti haleellaa boombii ollaa Idlib kan riphee loltootaan qabamanirratti raawwateen namoota nagaa magaalattii barbadeesseera.

Innis humna qilleensaa Raashiyaa keessatti osoo aviyeeshiniin muxannoo hin qabaatiin yoo hoogganu kan jalqabaati.

Guddinni isaa olaanaan Onkolooleessa 2022 keessa yeroo ajajjaa humnoota Raashiyaa Yukireen keessatti taasifameetti kennameef. Kunis erga waraanichi eegalameen baatiiwwaniin booda ture.

Haata'u malee, yeroo aangoosaa baatiiwwan sadii milkaa'aa hin turre. Guyyaa itti muudame sanatti, riqichi Kerch Strait irraa haleellame. Torbanootaan booda ammoo magaala Khersan keessaa booddeetti akka deebi'amuuf ajaje. Yeroo baatii sadii keessatti ammoo ajajjaa olaanaa waraana Raashiyaa Vaaleerii Geraasimoviin bakka buufamuun itti aanaawwan isaa keessaa akka tokkoo ta'e.

Hoggantoonni waraanaa Raashiyaa hedduun erga Puutin waraanasaa Guraandhala 2022 Yukireen keessati bobbaasee kaasee olaantoonni hedduun aangoowwan garaa garaatti dadabarfamaniiru.

Osoo Janaraal Sarovikiin oppareeshinicha akka hoggananiif hin muudamiin dura, yaaliin waraanicha Kol-Janraal Geenaadii Zhidkoon durfamaa ture. Innis erga ''yeroo dheeraaf dhukkubsataa'' akka ture himameen booda torban darbe Mooskoo keessatti du'uun ibsame.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub