Search This Blog

Minggu, 20 Agustus 2023

Loltoota Yukireen madaa'aniif deeggarsa saal-qunnamtiirratti kennamu - BBC

Dhiiraa fi dubara walirra qaxxaamuranii ciisaa jiran

Madda suuraa, RESEX

Waajjira giddugala magaalaa Kiyiivitti argamutti, dargaggeessi ganna 26 lammii Yukireen loltummaarraa sooraman gaggeeffame tokko viidiyoo shamarree tokko otoo dhungatu agarsiisu bilbilasaarraa bane.

Innis beeksisa ReSex.

ReSex- dhaabbata tola-ooltummaa loltoota duraanii saal-qunnamtii akka raawwatan gargaaruuf yaalu.

Deeggarsi kun loltoota duraanii miidhaan qaamaafi xiin-sammuu mudateef kennama.

Bara darbe ji’a Bitootessaa keessa humnoonni Raashiyaa magaalaa buufata doonii Yukireen Mariyupol jedhamtu marsanii gara jabinaan haleelan.

Hlib Sitriyizko -yeroo sanatti humna galaanaa keessa ture. Sitriyizkon eegduu magaalattii keessaa tokko ture.

Haeellaan Raashiyaa gamoo tokkorratti raawwattetu darbii sadaffaa irraa lafaan isa dhahe.

Sana booda mana jige jalatti kufe.

Hilib lafeewwan naannoo qaama saalaa isaa, maddii fi funyaan isaa ni caccaban. Akkasuma garmalee madaa'e ture.

Sana booda humnoota Raashiyaan booji'amee fudhatame. Ji'a itti aanutti hidhamtoota yeroo wal jijjiruun gaggeeffame Hilib gadhiifamee, gara Yukireenitti deebi'e.

Garuu yeroo booji'ametti kunuunsa fayyaa xiqqoo akka argate dubbata.

 Hilib lafeewwan naannoo qaama saalaa isaa, maddii fi funyaan isaa ni cabe.

BBC'n jalqaba Hilib erga gadhiifamee torban muraasa booda fi yeroo kununfamaa jiru deebi’ee dubbiseera.

Hilib osoo kunuunfamaa jiru ReSex isa dubbise.

"Erga miidhaan naannoo qaama saalaakoo irra gahee booda fayyuuf yeroo natti fudhate. dhimmi saal-qunnamtii baay'ee waan hin dubbatamneef, namoota akka koorratti akkas akka ta'u hin barbaadu. Pirojekticharratti hirmaachuuf kaka'umsa horadhe" jedha.

Ivona Kostiyina, hundeessitoota dhaabbata loltoota soorama bahan kana gargaaru Veteran Hub‘ jedhamuti.

Yaada pirojektichaa jalqaba bara 2018 keessa kan horatte erga waa'ee dhimma kanaa loltoota Ameerikaa ilaallatu dubbistee booda ture.

Raashiyaa Yukireen weeraru jalqabu hordofuun fandii maallaqa argatannaan , loltootaafi ogeeyyii Yukireen waliin haasa’anii, dhiirotaa fi dubartoota deeggarsa barbaadan gargaaruutti ce’an.

Jalqabarratti hawaasa biraatti dhimmi kun burjaaji uume ture.

Keessattuu loltoonni karaa toora intarneetiin‘‘namoonni otoo du’aa jiranii isin waa’ee saal-qunnamtii yaadduu?‘‘ jedhamaa akka ture Ivonaan kaaftetti. Loltoonni duraanii madaa’an hundi jiruu saalqunnamtiirrati ni rakkatu jedhanii kan yaadu dhiisuutu isaaniirra ture.

" Saal-qunnamtiin hospitaala, manatti wal’aansa dura, wal’ansa boodas saal-qunnamtiin ni raawwatama.

Saal-qunnamtiin gaarii baay'eetu raawwatama," jetti Ivonaan.

Garuu walumaagalatti deebii argatan baay'ee gaarii ta'uu dubbatti Ivonaan.

Dhaabbanni tola-ooltummaa kun barruu gara 6,000 maxxansee wiirtuuwwan yaalaa, loltoota soorama bahanii fi maatii isaanii naannoo Yukireen hundatti erguun toora interneetii irratti akka argaman taasise.

Dhaabbanni ReSex duula miidiyaa hawaasaa viidiyoo, giraafiksii fi karaa bilbila gargaarsi ittiin kennamu jalqabe.

Barruu kanarratti loltooltoonni soorama bahan fi takkaa saal-qunnamtii raawwanii hin beekne fuulaa addatti qabu.

"Erga miidhamanii booda saal-qunnamtiin raaawwatan isaaniif kan jalqabaati, kunis waan isaan yaadanirra baay'ee adda" jette.

Hoggantuun pirojektii‘ ReSex‘ kan taate Kateriyina Iskorokhod akka jettutti, hiriyoonni isaanii gorsa addaa muuxannoo isaanii fi qaama isaanii wajjin walsimu akka qabaatan mirkaneessuuf qajeelfama adda addaa dubartootaa fi dhiirotaaf maxxansan.

HaataŹ¼u malee, xiyyeeffannaan pirojektichaa qaamaa caalaa miiraarratti akka xiyyeefate cimsitee dubbatti. "Miidhama kan booda Akkatti of fudhattu, akkatti of jaallachuu dandeessu, akkasumas miidhaawwan kana booda akkamitti ofii fi hiriyaa kee waliin hariiroo ijaaruu akka dandeessudha,‘‘

Garuu waa'ee loltoota duraanii Yukireenis waan guddaa barataniiru.

Keessattuu, miidhaan sammuu nama gaddisiisu yeroo baayyee biyyattii keessatti osoo adda baafamiin akka hafan fi akka hin yaalamne hubatan – kun fedha saal-qunnamtii irratti baayyee dhiibbaa qaba" jetti.

Afaan ittin waa’ee saal-qunnamtiirratti mari'achuuf itti fayyadamnullee barbaachisaadha jetti Ivonaan.

Loltoonni soooraman gaggeeffaman kun yoo barbaadan malee wal-qunnamtii saalaa raawwachuu akka hin qabne beekuun barbaachisaa ta'uu fi saal-qunnamtiin yeroo jalqabaa tarii rakkisaa ykn dhukkubbii kan qabu ta’uu akka danda'u dubbatti.

Hilib waa'ee pirojektichaa waan gaarii dubbata. Erga miidhamee as jaalallee qabaachuu gaafatamnaan ni kolfe.

"Erga booji‘ame fi hospitaala bahee booda jaalallee tokko qabadheera, achiis kan biraa yeroon gaaffilee pirojektichaa gaafatame argadheen ture. Amma immoo hiriyaa qaba," jedha.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub