Search This Blog

Jumat, 04 Agustus 2023

Pireezidantiin Nijeer fonqolchaan booda gargaarsa US gaafatan - BBC

Hiriirtota fonqolcha biyyatti deeggaran

Madda suuraa, EPA

Hogganaan Nijeer torbee darbe fonqolchaan aangoorraa kaafaman Ameerikaafi ''hawaasa addunyaa hunda'' bulchiinsi heeraa iddootti akka deebi'uuf deeggarsa akka godhaniif gaafatan.

Keewwata gaazexaa Waashingitan Poost irratti baheeen Pireezidant Mohaammad Baazuum iddoo 'qabamanii' jiran irraa akka barreessan himan.

Erga fonqolichi raawwatamee biyyaa lixa Afrikaatti tasgabbii dhabuun akkaan dabaleera.

Gaafa Kamisaa hoggantoonni fonqolchaa Nijeeritti ambaasaaddaroota Firaans, Ameerikaa, Naayijeeriyaa fi Toogoo akka baasan himanii turan.

Ibsi TV'dhaan kenname hojiin ambaasaaddaroota afurii 'addaan cituu' hima.

Sa'atii muraasaan dura Nijeeritti amabaasaaddari Ameerikaa Kiyaarii Limaan-Tiinjuurii miidiyaa AFP'tti, juuntaan kuni,''qalbiitti deebi'uu qaba, waan godhaa jirus akka hin milkoofne baruu qaba,'' jedhanii turan.

Nijeer oomisha yuraaniyemiin beekamti- kunis boba'aa humna niwukilaraaf murteessaa tahe dha. Kunis daandii godaantotaa Afrikaa Kibbaa hanga Meditaraaniyaaniitti diriiree jiru irratti argama.

Barreefama gaazexaaf erganiin Pireezidant Baazuum fonqolchi yoo milkaa'e, ''biyya keenyaaf, naannoofi addunyaa irratti miidhaa hamaa fidaa,'' jedhan.

''Sona waloon qabnu danooma demookiraasawaafi olaantummaan seeraa tikfachuun karaa tokkicha hiyyummaa fi shororokeessummaa ittiin lollu dha,'' jedhan Baazuum.

''Uummatni Nijeer deeggarsa seenaa keessatti yeroo murteessaa kanatti taasiftaniif hin dagatu, '' jedhan.

Baazuum hogganooti fonqolchaa garee waraanaa Raashiyaa Waagnar jedhamu waliin hidhata akka qabanis akeekkachiisaniiru, gareen Waaganar naannichatti socho'u kuni Niijeer irratti dhiibbaa hamaa akka qabaatu himamaa ture.

''Naannoon Saaheel guutuun garee loltootaa Raashiyaa Waaginar jala kufuu akka danda'u, gareen kuni shororkeessaa tahuun immoo waraana Yukireen irratti argameera,'' jechuun barreessan Baazuum.

Nijeeritti deeggartoonni fonqolcha kanaa dhaadannoo Raashiyaaf deeggarsa agarsiisu dubbachaa, uffata alaabaa Raashiyaa qabus uffatanii mul'ataniiru.

Gaafa Kamisaa hiriirtonni kumaatamaan lakkaa'aman magaalaa guddoo Nijeer Niiyaamee keessatti fonqolcha deeggaruuniifi biyyooti ollaa Nijeer irra qoqqobbii faayinaansii taasisan mormuun daandiitti bahaniiru.

Ameerikaan fonqolcha pireezidantichaa irratti gareen Waagnar harka qabaachuu waan agarsiisu hin jiru jettus, gareen kuni garuu fonqolcha taasifame injifannoo dha ittiin jedheera.

Ameerikaan hojjettoonni embaasii Nijeera gariin akka bahan himteetti.

Fonqolcha Nijeeritti geggeefame kana Gamtaa Awurooppaa, UN fi US balaaleffataniiru.

Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan haasaa Pireezidant Baazuum waliin bibilaan taasisaniin Ameerikaan mootummaa kara deemokiraatawaa taheen filame iddootti deebisuuf kutannooo qabdi jedhan.

Baazuum pireezidantii aangoo kara demookiraatawaa taheen kan fudhatan yoo tahau, torbee darbe ture eegdotasaaniin fonqolchi irratti geggeefamee to'annoo jala kan oolan.

Hogganaan fonqolchaa Abduraamaanee Tichiyaani hogganaa biyyatti taheera.

Nijeer qaama naannoo Afrikaa murteessaa Saaheel jedhamuun beekamuuti. Naannoon kuni waggoota dhihootti haleellaa waraanaa fi jihaadistoota irraa kan boqote fakkaatee turus Maaliifi Burkinafaasoo keessatti garuu fonqolchi geeggeefamee ture.

Hidhattoota Islaamaa qolachuuf jecha waraanni Ameerikaa fi Firaans naannolee kanatti buufata qabu.

Baazuum godaantotaa galaan Meeditaraaniyaniirraa darban dhaabsisuun michuu gaarii biyyoota Awurooppaa tahaniiru.

Godaantota mana hidhaa Liibiyaa jiran fudhachuufi daddabarsitoota namootaa irrattis tarkaanfii fudhataa turan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub