Search This Blog

Senin, 04 September 2023

'Dabareen na gudeedan': Waliigaltee nagaa booda loltoonni Ertiraa yakka waraanaa raawwatan - Gabaasa - BBC

Loltooti Ertiraa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaatan gudeeddiin yoo himataman kuni kan duraa miti

Madda suuraa, Getty images

Erga waliigalteen nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduu mallattaa’e as loltoonni Ertiraa yakka waraanaafi yakka namoomaa ta’uu malu raawwatan jedhe gabaasi haaraa bahe.

Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal loltoonni Ertiraa guyyoota muraasa waliigalteen raawwatu dura jiraniifi ergasii yakka raawwachuun himateera.

Gabaasi kun humnooti Ertiraa bakkeewwan yeroo waraanaa to’atan keessaa akka bahan humnoonni Tigraay gaaffii gaafachuu itti fufanitti dhagahame.

Dhimma kana irratti gama mootummaa Ertiraa deebiin kenname hin jiru. Ta’us, himannaawwan akkanaa kana dura dhihaatan mootummaan Ertiraa waakkateera.

Akeekkachiisa: Namoonni tokko tokko ibsa odeessa kana keessa jiruun miira keessa galuu maltu.

Gabaasa Aminastiin baase keessatti humnoonni Ertiraa dubartoota Tigraay ‘guyyootaaf gabroomfatan’ jedhe.

''Loltooti Ertiraa dubartoota dhuunfaafi gareen gudeedaniiru, akkasumas garbummaa saal-qunnamtii jala galchaniiru.

''Dhiironnimmoo ajjeechaa seeraan alaaf saaxilaman,’’ jedhan dhaabbatichatti Daarektara Bahaafi Kibba Afrikaa kan ta’an Tigeree Chaagutaah.

Akka miidhamtoonni dhaabbatichatti himanitti, kanneen nurratti badii raawwatan jedhan uffata uffatan, loqoda isaaniifi gaaffii dhiheessanirraa loltoota Ertiraa ta’uu himan.

Gareen Aminastii dubartoota gudeeddiin irratti raawwate 11 dubisuu hime.

Dubartoonni 40 immoo Aanaa Kookaba Tsibaah jedhamutti ''garbummaa haleellaa saalaaf’’ saaxilamuu dhaabbata sivilii biyya keessa dalaguuf himuu isaanii gabaasichi ibsa.

''Dubartoonni muraasni kaampii loltoota Ertiraa keessa, kaan mana isaaniitti yookiin mana loltoota Ertiraan fudhatame keessatti gudeedamuu,’’ gabaasichi ibsa.

''Ji’oota sadiif dabaree dabareen na gudeedan. Tokko gaafa bahu, inni kaan dhufa. Wanti loltooti Ertiraa hin goone jiraa?,’’ jechuun kan gudeedamte tokko dubbatu gabaasichi eera.

Akka ragaa baatonni jedhanitti, loltooti Ertiraa dubartoota kana kaampiitti kan hidhan ijoollee, maatii yookin firri isaanii humnoota Tigraayitti makamaniiru jedhaniiti.

''Iyyitees, iyyuu baattes, namni dhufee si baraaru hin jiru,’’ jedhamuu himti haati ijoollee lamaa ganna 37 loltooti Ertiraa mana ishee keessatti baatii sadiitti dhihaatuf gudeedamu himatte.

Dubartoonni kanneen keessaa gara caalu eega loltoonni Ertiraa Amajjii keessa Aanaa Kokob Tsibaah keessaa bahan booda tajaajila fayyaa argatani.

'Reeffi kaanaan, hundatu ajjeefama'

Dhiironni Aminastii Intarnaashinaal dubbisemmoo murtiin ajjeechaa seera malee raawwatuu himan.

Taatee tokko irratti dureen amantaa haadha warraa isaanii, ijoolleefi ollaa isaanii Bataskaana Qul. Mikaa’el keessa akka dahatan godhanii turan.

Garuu Sadaasa 02, 2022 loltooti Ertiraa humnoota Tigraay barbaacha mana amantaa kana cabsanii seenuu jiraattoti Aminastiin dubbise himu.

Yeroo kanatti lubni ganna 70 loltoota Ertiraan ajjeefaman. Nami yeroos yeroos ture akkanaan qorattoota Aminastiitti dubbate.

''Waan lubni loltuutti dubbatan hin beeku garuu onnee keessa rasaasaan rukutanii ajjeesani.

''Achii loltuun Ertiraa tokko gara keenyatti dhufee ‘’Namni reeffa kana kaasuuf yookiin owwaaluuf yaale jennaan, hunda keessanitu ajjeefama,’’ jechuun himuu dubbatu.

Namoonni lubbuun hafaniifi raga bahaan 49 ta’an loltooti Ertiraa qabeenya isaanii saamuu himu.

Sababa kanaan jiraachuuf rakkatuufi kadhaaf kan saaxilaman akka jiranillee himan.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf turee booda waliigaltee nagaa mallattaa'een nagaan dhufeera.

Yeroo waraanaa qaamoleen lola keessa hirmaatan marti badiin himatamu. Garuu, hunduu ni waakkatu.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub