
Madda suuraa, Getty Images
Kamisa har’aa magaalaa guddoo Naannoo Tigraay Maqaleetti hiriirri mormii paartiileen mormituu gaggeessuuf waamaman humnoota nageenyaatiin bittinnaa’e.
Paartileen siyaasaa sadii naannicha keessa socho’an ‘‘hanqina dandeettii bulchiinsaa’’ jira jechuun, dararamni ummataa Tigraay hin dhaabanne jechuun ibsanii hiriira mormii waamanii ture.
Har’a ganama dargaggoonni mormiin adabaabaayi Romaanaat jedhamuutti walitti qabamu yaalan yeroo gabaabaa keessatti bittinnaa’an.
Dargaggoon ijaaramanii mormuudhaaf walitti qabaamanii yaalan humnoota nageenyaatiin bittinnaa’an .
Mormiin guyyaa sadiif waamame hordofee Magaalaa Maqaleetti sochiileen daldalaa dhaabbataniiru.
Humnootiin nageenyaa hidhatan hedduun konkolaataafi miilaan magaalattii keeessa socha’aa turan.
Hooggantoonni paartilee siyaasaa afur, barsiisonni yunivarsitii Maqaleefi rogeeyyiin kaan poolisiin hidhamanii turan.
Akkasumas mormitoonni kaan mormiif daandiitti bahan hidhaa bu'an.
Kanneen mormii kana qopheessan keessaa tokko BBC’tti yeroo dubbatan: ‘’Hiriira nagaa gochuuf addabaabayii hiriirri waamametti wal geenyus bakkicha loltuu baay'etu buufatee nu eege.
‘’Nama mormiif bahe hunda hidhaatti guuraa jiru,’’ jedhan.
Hiriira mormii paartileen mormituu taasisuuf waaman bulchiinsi yeroo didee ture.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay hiriira mormii gochuuf ‘’yeroo sirrii miti,’’ jechuun ibse.
Yeroon ammaa yeroo waraana waggaa lamaaf tureen kanneen miidhamaniif midhaaniifi qoricha yeroo itti dhiheessani jedhe.
Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Getaachoo Radaa mormiin waamame akka haqamu sababiin ijoo taasifameef haala nageenya Magaalaa Maqalee keessa jiru jechuun dubbatan.
Paartileen mormituu Tigraay naannicha keessatti argaman mormii Kamisa eegalee guyyoota sadiif turu waamanii turan.
Haata’u malee, hiriirri jijjiiramni siyaasaa Tigraayitti akka jiraatu gaafatu akka hin bahamne poolisiin bittinseera.
Sababi biraa mormiin kuni itti dhorkame paartileen siyaasaa bu’uura seeraa waan hin qabneefi jechuun Obbo Getaachaw dubbataniiru.
Dhimma kana ilaalchisuun Roobii ibsa kennaniin “hiriira nagaa eeyyamuu ykn dhorku wanti jedhamu akka hin jirree hooggantoota paartilee waliin waliigalleerra. Ta’es iddoo hiriirichaa murteessuun gahee paartilee miti,'' jedhan.
“Bu’uura seeraa isaanii gama ilaallattuun mormii keessa akka hin seenneef dhiifne malee, paartiileen kunneen seera boordii filannoo amma jiruutiin walgahiin galma keessaa waamuun alatti hiriira adabaabaayii waamuudhaa mirga hin qaban,'' jedhan.
Tidak ada komentar:
Posting Komentar