Search This Blog

Minggu, 17 September 2023

Waliigalteen Raashiyaan wajjin addaan cituu booda dooniiwwan qamadii fe'an yeroo duraaf Yukireen buufatan - BBC

Doonii mi'a feetu Aroyaat

Madda suuraa, AFP

Dooniiwwan meeshaa fe'an lama Galaana Gurraacharra karaa haaraa imaluun buufata Yukireen qaqqabuu isaanii anga'oonni Yukireen himan.

Gaafa Sambataa Kornomoorisk kan buufatan oggaa tahu, qamadii toonii 20,000 tahuufi gabaa addunyaaf dhiyaatu fe'uuf jiru.

Angawoonni waan jedhan, erga waligalteen Raashiyaa wajjiin ture adda citee booda, dooniin waraanaa hin taane qarqara bishaanii Yukireen oggaa buufatu kun yeroo jalqabaati.

Amma dura ulaa kana dooniiwwan Yukireen keessaa bahan qofatu itti fayyadamaa ture.

MM Ittaanaa Yukireen Oleksaandar Kubraakov, dooniiwwan Reeziliyent Afriikaa fi Arooyaat jedhaman, alaabaa biyyattii odolaa Paalaawu mirmirsaa buufata qaqqabuu himan.

Dooniiwwan kun Masrii fi Israa'eliiif qamadii geessu jedha ministeerri qonnaa biyyattii.

Raashiyaan waliigaltee UN'n deeggaramee fi oomishaaleen Yukireen keessaa akka fe'amu mijeessu keessaa bahuushee hordofee, Kiyiiv ulaa galaanarraa ofiisheen labsiteetti.

Moskoon gamasheen waliigaltee kan keessa oomishaalee nyaataa fi xaa'oo akka ergituuf kan jedhu hojiirra hinoolle jechuun komatti. Qoqqobbii warri Lixaa alergii irratti kaa'anis himti.

Ergasii Raashiyaan dooniiwwan siviilii kamuu gara Yukireenitti imalan akka haleeltu akeekkachiiste.

Jalqaba torban kanaatti Raashiyaan dooniin tokko Odeessaatti bakka buufatee jirutti, misaayelaan irra deddeebiin haleelte jechuun UK'n himatteetti.

Yukireen biyyoota addunyaa oomishaalee zayita suufii, garbuu, boqqolloo fi qamadii harka guddaa warra dhiyeessan keessaati.

Guraandhala 2022 Raashiyaan biyyattii weeraruun, humni galaanaas buufataalee Galaana Gurraachaa uggure.

Ogguu sana oomishni toonii miiliyoona 20 tahu aleergiif qophaa'ee ture achumatti danqamee hafe.

Kanaanis addunyaarra gatiin nyaataa akkaan qaala'e; biyyoota Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa oomisha guddaa Yukireenirraa galfatan keessattis sodaan hanqina nyaataa dhalate.

Kanneen keessaa biyyoonni akka Afgaanistaan, Yaman, Sudaan fi Itoophiyaan, ammallee qarqaarsa namoomaa hatattamaa barbaadu.

Raashiyaan dooniiwwan ulaa Galaana Gurraacha fayyadamuun imalan sodaachisuu callaa odoo hin taane, buufataalee Yukireen haleeluus itti fufte.

Irra deddeebiin buufataalee galaanaa Izmaa'il fi Reenii kan haleeltu ogguu tahu, hojiin akka buufataalee kanneenii akka danqamu yaalaa jirti.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...