Search This Blog

Kamis, 14 September 2023

Yamanitti walitti bu'insi baqattoota Itoophiyaa jaha galaafate akkamiin eegale? - BBC

Aden

Madda suuraa, Getty Images

Biyya ofiifuu waraana keessa jirtu, Yaman, keessatti tibba kana baqattootni Itoophiyaa walitti bu’uun lubbuun namoota jahaa olii darbuu fi namoota baay’een madaa’uu baqattootni BBC’n dubbise himan.

Kaampii baqattootaa naannoo magaalaa Adan keessa kan jiraatu Mohaammad Yuusim Muummee baqattootni kan walitti bu’an gara Itoophiyaatti deebi’uuf dursi nuuf kennamuu qaba kan jedhurratti akka ta'e dubbata.

''Baqattootni Oromoo biyya hambaa jiran rakkatoodha kanaaf karaa waajira IOM gama qoontsilaa Itoophiyaan gara biyyaa deebi'uuf yeroo dheeraa dura galmaahanii amma waraqaa fudhatanii gadi bahaa jiran irratti haleellaa banuun jeequmsi guddaan dhalatee'' jedha.

Waraqaan baqattootni fudhatan kun Itoophiyaatti akka deebi'an kan hayyamuufi imala gara biyyaatti godhamu kan mijeesssudha.

''Oromoo malee warra kaaniin biyyatti nu galchuuf hin jiran. Jeequmsa uumnee Oromoo kana akka hin galle goona,'' warri jedhan waraqaa ijoolleen fudhatanii ''bahan harkatti ciruufi aalbeen waraanuun,'' madda walitti bu'insaa akka ta'e dubbate.

Rakkoon kun kan hammaate ijoolleen xalayaa argatanii bahan baqattoota saba biraa gurmaawaniin haleellaan irra gahee erga kukkufanii booda akka hammaate Mohaammad ni hima.

''Ijoolleen kaan magaalaa keessa facaatee Oromoon dhumte jedhanii oduu wayita facaasan walitti bu'insi isa duraarra hammaataa uumame.''

Walitti bu'insi baqattoota kana gidduutti dhalate aalbeen kan deeggarame waan ta'eef kana gidduutti ''lubbuun baqattoota jahaa darbuun qabatamaadha. Kan du'e sanaa olillee ta'uu danda'a'' jedha Mohaammad.

''Baqataan madoodhaan hospitaala jiran baayyee hedduudha.''

''Walitti bu'insichi baqataa haarawa biyyarraa Yaman gaheefi baqataa yeroo dheeraa biyya waraanaan bututte keessatti akkaataa jireenyaa dadhabee du'a biyya kanaarra du'a biyyaa filatee gara waajira IOM dhaqe gidduutti baname.''

Akka baqataan kun jedhutti baqattootni dhalattoota ''Amaaraa fi Tigraay warri biyyatti deebifamaa jiran dhalattoota Oromoo qofa,'' jedhanii dheekkamaniiru.

Dhimma kana qulqulleeffachuuf Dhaabbata baqattootaa IOM fi qoonitsilaa Itoophiyaarraa deebii argachuuf gaaffiin dhiyeessine ammatti deebii hin arganne.

Akka baqataan kun jedhutti garuu walitti bu'insi baqattoota Itoophiyaa gidduutti dhalate kun hammaachaa fi bal'achaa wayita deemu qaamni mootummaa gidduu galuun tasgabbeesuuf yaaluufi baqattootas to'annoo jala oolcheera.

Baqataan Itoophiyaa biraa naannoo magaala Adan Aaraa jedhamtu waggoota 15 ol jiraachuu hime Naasir Haajii Abdallaa maddi walitti bu'iinsa kanaa biyyatti deebi'uuf dursa argachuurratti ta'uu hime.

Dhibdeen kun waajira baqattootaa idila-addunyaa, IOM, fuulduratti akka eegalees dabalee ibseera.

Naasir walitti bu'iinsa kana keessa namootni jaha battalumatti du'anii kanneen biroon lama madaawanii kan turan booda lubbuun darbuu fi kan hanga ammaa du'an saddeet ta'uu hima.

'Biyyi Yaman baqattoota Oromootiif bakka awwaalaati'

Godaantotni Itoophiyaa Yaman magaalaa Adanii fi naannooshee jiraatan kuma 700 ol taha kan jedhu Mohaammad, Yaman ''bakka awwalcha bal’aa uummata keenyaa taateetti'' jedhe.

Baqattootni hedduun namoota seeraa ala namoota daddabarsaniin gurguramaa fi ukkaamfamaa akka turan himuun, ''Yaman warra gara biyyoota Arabaatti imaluu yaadaniif ...karaa du’aati'' jechuun ibse.

''Kan deemeefi kan deegetu waa arge jedha Oromoon'' kan jedhu Mohaammad, rakkoon biyya Yaman ''rakkoo isa du'ee olii, isa jiruu gadiiti, qabrii bal'oodha jechuun ni danda'ama.''

Baqattootni Yaman jiraan haala dhala namaaf hin malle keessa jirus jedha.

Baqattoota karaa Yaman biyyoota kaanitti ce'uu yaadaniif dhaamsa kan dabarse namni kun ''Yaman uummata Oromootiif bakka awwaalaa taatee waan argamteef biyyuma keenya keessatti...tattaafachuu malee biyyaa baatanii dhiyaana allaattii akka hin taane'' jedha.

Baqataa Naasiris biyyoota Arabaa keessatti jiruu argachuuf imallii baqattootaa seeraan alaa balaa lubbuu gaaga'uun kan guute akka ta'e dubbata.

''Namni karaatti du'aatuma as gaha. Bahaararraatti namni ni dhuma achiis ni tumama, ni gubama, kaleen keessaa ni guurama.''

Eegdoota daangaarraa meeshaalee gurguuddaa waraanaan dhukaafamaniin lubbuun baqattootaa haala cigaasisaan darbaa akka jiru dubbachuun hammeenya godaansa seeraan alaa kana ibseera.

Baqattootni Itoophiyaa hedduun Yaman irraa gara sawudii galaa turan humna nageenyaa Sawudiin ajjeefamuu Human Rights Watch gabaasa isaa ji’a Hagayyaa baaseen ibseera.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...