Search This Blog

Selasa, 17 Oktober 2023

Gaazaa baqachuu: ''Eessa deemaa akka jirru hinbeeknu'' - BBC.com

Namoota baqannaarra jiran

Madda suuraa, EPA

Haati warraa Awin Abbuu Shaaraar, Haaneen ulfa guutuudha. ‘‘Guyyoota itti aanan shan keessatti akka deessu eegdi’’ jechuun ture ogeessi seeraa kan umuriin 29 bilbilaan BBC'tti kan himte.

’’Dahumsaaf hospitaala nagaa qabeessa ta’een argachuuf barbaada.’’

Haatii warraafi abbaan warraa kunis ajaja Israa’el Kaaba Gaazaatii bahaa jedhu Kamisa gara galgalaa keessa dhagahan.

Jalqaba manasaanii Magaalaa Gaazaa keessaa bahu hinbarbaadne ture. Garuu dhumarratti fironnisaanii akka bahaniif isaan amansiisan.

Isaaniis galaana baqattoota namoota nagaa, konkolaataa fe’umsaafi miilaan imaluutti makaman.

Shaanxaa tokkotti waan daa’imaaf barbaachisu walitti qabachuuf sa’aatii tokkoo gadi itti fudhate.

‘‘Saffiisaan mana keenyaa baanee garuu eessa deemaa akka jirru hinbeeknu. Wanti qophaa’es hinjiru. Bakki nagaa hin jiru,’’ jedha sagalee kirrisuun.

Gara kibbaatti imaluun magaala Raafaahitti maatii kan duraanuu namoota buqqa’an kaan keessummeessa jiran bira dhaqan.

Raafaah kan filatanis waan hospitaala dahumsaa gaarii qabu jedhameef.

Israa’el dhiisanii akka bahan kan ajajje Sulula Gaazaa keessa namoota baay'eetuu waliirra jiraata.

Eddoon kunis bulchiinsicha keessaa harki tokko sadii kan hagugamu yoo ta’u, innis dhiheenya lafa bishaanii Waadii Gaazaa jedhamee waamamuutti kara kaabaatiin argama.

Ajajni jiraattonni Gaazaa kunneen akka bahan jedhu kunis erga Hamaas Israa’el keessatti haleellaa raawwachuun namoota 1,400 ajjeeseen boodadha.

Namoonni manasaanii baqatan hedduunis kibbatti hiriyoota, firootaa fi namoota hinbeekne bira turaa jiru.

Woruud al-Daahduuh, barattuu unuriin waggaa 24, miseensota maatii ishee torba waliin magaalaa Gaazaa keessaa baate.

Ammaattis kibba magaalaa Deer al-Baalaah keessa jiru. Namoota 20 ol ta’un mana tokko keessa jiru.

‘‘Namni kan irra taa’u teessoon tokkittiin illeen hinjiru,’’ jetti.

Wooruud imalashee guutuu tiraafikii cimaa daandiirra guute ilaalaa bohaa akka turte dubbatti.

‘‘Mana koo duubatti dhiisee bahuutti miira natti dhagahame ibsuu hin danda’u,’’ jetti.

Isaaniis paasportii fi yaaddannoo tokko malee waan gara biraa fudhachuuf yeroo hin argannee ture.

Ariitiidhaan bahan. ‘‘Suuraa maatii hundaa bareedaa ta'e kutaa kiyya keessatti fannifamee ture fudhadheera,’’ jetti imimmaan harcaasaa.

‘‘Maal jechuun danda’a? Akka gadi dhiifnu nutti himan, nutis filmaata gara biraa hin qabnu,’’ jetti haatii Woruud, Naagaah.

"Namoota waliin jiraachaa jirru mataasaanii wal hinbeeknu. Garuu waan karra isaanii nuuf bananiif haa eebbifaman,’’ jette.

Bariidhaan Hamaas namoonni akka manaa hinbaane waan itti himeef muraasni Kaaba Gaazaa keessa jiru.

Namoonni waanuma argataniin imalu

Madda suuraa, Rueters

Maayasoon al-Baatish, kan daandii guddicha Gaazaa keessaa tokkorra jiraattu, olloonni ishee hundi bahanillee achumatti hafuu murteessite.

‘‘Kibbatti bakkeen dhaqanuu homtuu hinjiru. Bakki nagaanis hin jiru,’’ jetti. ‘‘Kun lafa keenya waan ta’ef gadi hindhiifnu mana keenyatti duuna.’’

Yooseef Hadaad kan maatiin maanguddootaafi obbolaa sadii waliin kibba gara Kaan Yuuniis kan imale, akkas jechuun haalicha ibse: ‘‘Hiriyoota walitti dhiyaannu qabaachu keenyatti nuti carroomtota.

''Garuu namoota buqqahan dhibba hedduu bakka dhaqan hinqabne dandiiwwan irratti agarreerra.’’

Wanti isaan qabatanii bahan chaarjarii bilbilaafi waan jalatti uffatan qofaadha.

Namoonni waanuma argataniin baqataa jiru

Madda suuraa, EPA

Kana duras dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii yeroo akkasii gabaabaa keessatti namoonni miliyoona akka bahaniif ajaja dabarsuun dhiibbaa namoomaa cimaa qabaachuu mala akkasumas hojiirra oolchuuf ‘‘hin danda’amu’’ jechuun akeekkachiisee ture.

Daandiin kaaba gara kibbaa geessu guddaan tokkichuma. Boba’aan rakkoodha.

Bishaanis dhumaa jira. Naannoleen tokko tokko jijjigaan kan guutamanidha.

Dhaabbata UN'tti Eejansiin Baqattoota Filisxeem (UNRWA) manneen barnootaa dabalatee amma dahannoowwan isaa hundi guuteera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunya gamasaatiin adeemsicha qeeqeera.

‘‘Namoonni baay'ee miidhaman jiru jechuun, carraan jiraachuu isaanii yoo deeggarsa lubbuu, kan akka afarsituu wal'aansaa irra turan qofaadha,’’ jedhan Taariik Jaasaarevich, dhaabbatichatti dubbii himaa kan ta'an.

‘‘Kanaafuu namoota akkasii akka bahan gochuun murtee du’aati. Hojjattoonni takkaa kana akka raawwatan gochuuf gara jabiinaan ol.’’

Filisxeemonni hedduun, garee namoota 500 kanneen Waldaa Kaatolikii tokkichaa Gaazaa keessatti dahatan dabalatee, geejjiba argachuuf rakkatan.

Abbaa Gaabireel Roomaaneelii, lubni achii, bahuumsaaf haala mijeessuun rakkiisaadha jedhu.

Beeksisa akka bahan itti himameen

Madda suuraa, Reuters

‘‘Daa’immaniifi maanguddoota, kanneen miidhama qaamaa qabaniifi dhukkubsattoota dabalatee waldicha keessatti baqattoota dhibbaan lakkaa’amaniitu jira,’’ jechuun ibsan.

‘‘Attamiin baafna? Achiinis erga achi geenyee maal goona?’’

Haaluma walfakkaatuunis, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, du’a namoota nagaa hambisuuf ‘‘of eeggannoo danda’amu hunda’’ akka taasiftuufi maatiiwwan hedduun Gaazaa keessaa ‘‘balleessaa isaanii malee’’ rakkataa jiraachuu akka hubatan gaafadheera jedhan.

Akkasumas Ameerikaan Israa’eliifi ‘‘dhaabbiilee idil-addunyaa gurguddaa’’ waliin Gaazaa keessatti ‘‘eeddo nagaa’’ ta’e hundessuudhaaf mari’achuu dubbatan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...