Search This Blog

Senin, 06 November 2023

Biyya Ministirri Muummee mormitootatti makamanii hiriira bahan - BBC.com

Kaatriin Yaakovsdotiir

Madda suuraa, LUDOVIC MARIN

Seenaa biyya kamiiyyu keessatti Ministirri Muummee hojii galuu dhiisanii mormitootatti makamanii hiriira yoo bahan dhaga’uun waan barame miti.

Kun biyya Awurooppaa xiqqoo taate keessatti mudateera. Biyyi kun Ayislaand jedhamti.

Onkoloolessa 24 Ministira Muummee Ayislaand Kaatiriin Yakovsidotiir dabalatee dubartoonni kumaan lakkaa’aman bahanii guyyaa tokkoof mormii dhageessifataa oolan.

Kaatiriin dubartii Ministira Muummee taatee yeroo jalqabaatiif mormitootatti makamtee hiriira baate kan jalqabaa ta’uu dandeessi.

Dubartoonni mormiif bahan kunneen walqixxummaa kaffaltiifi miidhaa saala bu’ureffate biyyattii keessatti mul’atu dhaggeessifachuuf ture.

Ministira Muummee biyyattii dabalatee dubartooni kumaatamaan lakka’aman guyyaa sana ‘Guyyaa Dubartoonni hojii hin gallee’’ ykn akka biyyaatti "kvennafrí" jechuun hojii galuu didan.

Dubartoonni damee fayyaafi barnootaa keessa hojjatan hedduun kaffaltii dhiirotaa gadi ta’etu kaffalamaaf. Dubartoota waajiraalee gara garaa keessatti mindeeffamanii hojjataniifi kanneen hojii mana keessaa hojjetanis hiriira mormii kanarratti qooda fudhataniiru.

Guyyaa sana manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa Ayislaanditti cufaa kan oolan yoo ta’u, kannneen banamanis hojjettoota gahaa hin arganne ture.

Dhiibbaan mormii kanaa akkasumas godaambaa, manneen kitaabaafi buufataalee eegumsa bineensotaa keessattis hir’ina hojjetaa uumee ture.

Guyyaa dubartoonni hojii galu itti didan

Madda suuraa, Getty Images

'Har’a hin hojjedhu'-Ministira Muummee

Ministirri Mummee Ayislaand hiriira dubartoonni biyyattii kaffaltii gadaanaa isaaniif kaffalamu mormuuf bahan kana keessatti hirmaatteetti.

"Har’a hin hojjadhu," kan jette MM Kaatiriin, "dubartoonni kaabinee keessa jiran hundi akkasuma godhu jedheen abdadha,‘‘ jette.

Akka Gamtaa Barsiistoota biyyattiitti, barsiistoota oolmaa daa’immanii %94 ta’an dabalatee, sirna barnootaa keessatti dubabrtoonni sadarkaa hundarratti baay‘ina qabu.

Isaan keessaa kan parsantaa 94 ta’an barsiisota oolmaa daa’immanii kan daa’imman xixqoon itti baratan keessa hojjettu.

Yoo dameen fayyaa biyyattii ilaalames, Ayislaand keessatti hospilaatti guddaan Hospitaala Yunivarsitii Biyyaalessaati. Achittis hojjettota jiran keessa parsantaa 80 kan ta’an dubartoota.

‘‘Biyyattii keessatti walqixxummaan koornayaa dabalaa jiraatulleen, miidhaan dubartootarra gahu ammalleen rakkoodha,’’ jetti Kiristin kan hiriiricha qopheessan keessaa tokko BBCtti wayita dubbatteetti.

Silaa qabatamaadhaan wayita walqixxummaan saalaa dabaluutti miidhaan dubartootarra gahu hir’achuu qaba ture jedhu qopheessitoonni hiriira kanaa. Garuu akkas ta’aa hin jiru.

‘‘Miidhaan dubartootarra gahu hawaasa keenya keessatti hundee kan gadi fageeffatedha,’’ jechuun Sagantaa BBCtti himte.

Akka odeeffannoo idil-addunyaa UNn miidhaa dubartootaarra gahurratti walitti qabametti, Ayislaanditti dubartoonni parsantaa 22 ta’an baatiisaaniin kan miidhaa qaamaafi saalaatiif saaxilamanidha.

Odeeffannoon kun kan yeroo dhihoo ta’uu baatulleen, dubartoonni umuriinsaanii wagga 18-80 gidduutti argaman jireenyasaanii keessatti sadarkaa ta’erratti miidhaan ni mudata jedha.

Kaatriin Yaakovsdotiir

Madda suuraa, A

Seenaa Ayislaand

Ayislaand biyya Awurooppaa baayyee xiqqoo taatedha. Magaalaan guddoo biyyattii Reykijaavik jedhama.

Baay’inni ummataa biyya kanaa kuma 400 gadidha. Kunis baayyina ummata magaaloota UK hedduutiin gadidha.

Ummanni biyyattii wallakkaan (%50.4) dhiira yoo ta’u, kanneen %49.6 ta’an ammoo dubartoota.

Dubartoonni heduun damee fayyaafi barnoota keessa hojjetu.

Akka Fooramii Diinagdee Addunyaatti, biyyattiin walitti aansuun waggoota 14’f walqixummaa saalaatiin sadarkaa gaariirratti eeramtulleen, ammas gama kaffaltiin wanti hafu jiraachuutu himama.

MM biyyattii mootummaan ishee, keessattuu ogummaawwan dubartoonni keessa caalmaa qaban irratti kan aadaadha dhiiroonni keessatti baayyataniin walbira qabanii akka ilaalan kaasan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub