Search This Blog

Minggu, 19 November 2023

Israa'el-Gaazaa: Hospitaalli al-Shifaa 'zoonii du'aa' ta'eera - Dhaabbata Fayyaa Addunyaa - BBC.com

Gaazaati namoota bahaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Israa'el oppireeshinii jalqabuun booda hospitaala al-Shifaa daawwate haala hospitaalicha keessa jiru, ''zoonii du'aa'' jechuun ibseera.

Gareen UN'n hoogganamu kun hospitaalicha sa'aatii tokkoof kan daawwate yoo tahu, dhukaasniifi haleellaan meeshaalee gurguddaa akka ture mirkaneessuun, dabalataan hospitaalicha fuulduratti awwaalchi jumlaa jiraachuus himeera.

Namoonni 80 tahan keessatti awwaalamuus dhagahuu dubbataniiru.

Waraanni Israa'el namoonni hospitaalichaa akka bahan ajajuun booda, namoonni akka malee dhukkubsatan 300tu keessatti hafe.

Hospitaalli al-Shifaa Gaazaa keessatti hospitaala ammayaawaa jedhamu ture.

Gareen Dhaabbata Fayyaa Addunyaa namoota akka malee dhukkubsataniif achii akka bahan haala mijeessuuf yaaluu hime.

Gaazexeessaan hospitaalicha ture, ''namoota socho'uu hin dandeenyeefi hakiimota muraasatu hospitaalicha keessatti hafe,'' jedhe.

''Harka keenya ol fuunee alaabaa adii agarsiisaa turre," jechuun gaazexeessaa Kadiir BBCtti hime.

''Kaleessa galgala baayyee ulfaataa ture. Sagaleen dhohinsaa fi dhukaasaa baayyee suukaneessa dhageenye. Doozariin gamoo muraasa achii kaasee, dallaa hospitalichaa keessatti boolla guddaa uumeera.''

Kana dura ministeerri fayyaa Hamaas namoota 120 fi daa'imman yeroon isaanii otoo hin gahiin dhalatan kan lakkoofsi isaanii hin eeramne hospitaalicha keessa jiraachuu himeera.

Waraanni Israa'el namoonni hospitaalichaa akka bahan ajajuu yoo haalu, gaaffii hospitaalichi namoonni danda'an ''daandii nagaa taherra'' akka bahan gaafateen waliigaluu hime.

''Waraanni Israa'el tasumaa dhukkubsattoonni ykn hakiimonni akka bahan hin ajajne. Inumaayyuu dhukkubsattoota achii akka bahaniif yoo gaaffiin dhiyaate haala akka mijeessu himuu,'' ibsa baaseen eereera.

Dr Raamez Raadwaan qondaalonni Israa'el hospitaala al-Shifaa akka gadhiisu itti himuu dubbata, haala hospitaalichaa yoo ibsus 'hamaadha' jedha. Qorichi dhukkubbiif gabii kennu hin jiru, madaa dhukkubsattoota tokko tokko keessaa raammoon bahaa ture jedhe.

Dhukkubsattoota dabalatee namoonni dhibbaan lakkaa'aman kaleessarraa qabee hospitaala al-Shifaa gadhiisanii bahaa jiru.

Hojjettoonni fayyaa gadhiisanii akka bahan itti himamuu dubbatanillee Israa'el garuu ni waakkatti.

Namoonni baayyeen dhukaasni otoo dhagahamuu daandii jijjigaan irra nam'erra yeroo godaanan mul'ataniiru.

Kanaan addatti ammoo qondaaloti fayyaa Hamaas kaaba Gaazaa Jaabaaliyaa keessatti dhohinsa tureen namoonni 80 ajjeefamaniiru jedhaniiru

Israa'el mana barumsaa akka dahootti tajajilaa ture haleeluu hin mirkaneessine, akka qorattu garuu himteetti.

BBC Verify qorannoo taasisee viidiyoo argateen, mana barumsaa al-Faakoor Jaabaaliyaa keessatti ijoollee dabalatee namoonni baayyee madaa'anii fi kufanii lafaa socho'uu dadhaban mul'ataniiru.

Viidiyoo kana keessatti namoonni miidhaman 20 ol mul'atu, namoonni kunneenis gamoo haleellaan irra gahe kutaa gajjallaa keessatti mul'atu.

UN'tti hoogganaan damee baqattoota Filisxeem, Filiippee Laazaariinii, ''viidiyoo namoota ajjeefamaniifi madaa'an baayyee arguu" himan. Kunneenis, ''manneen barumsaa namoota buqqa'an baayyeef dahoo tahan keessatti,'' jedheera.

''Haleellaan kuni waan baramaa tahuu hin qabu dhaabbachuu qaba,'' jedheera.

Gama biraan Ministeerri Fayyaa Hamaas achuma Jabaaliyaa keessatti haleellaa Israa'el raawwatteen miseensonni maatii 30 ol ajjeefamaniiru jedheera.

Humni Waraanaa Israa'el ajjeechaa ammaa irratti deebii kennuu baatus, Jaabaaliyaa dabalatee Hamaas haleeluuf oppireeshinii gara Gaazaatti babal'isaa jiraachuu himeera.

Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hogganamu lakkofsi namoota Gaazaa keessatti ajjeefamanii 12,300 gahuu hime. Namoonni 2,000 tahan ammoo jijjigaa jalatti danqamanii hafaniiru sodaa jedhu qaba.

Waraanni Israa'el dhihoo kana hospitaala al-Shifaa kan weerare, ''oppireeshinii Hamaas qiyyaafate raawwachuufi,'' haa tahu malee gareen Hamaas hospitaalichaa jalaa mandhee akka qabu ragaa qabatamaa hin dhiyeessine.

Lammiiileen Filisxeem kaaba Gaazaa jiraatan nageenya isaaniif jecha akka gadhiisanii bahan kan hime yoo tahu, amma immoo namoota kumaan lakkaa'amaniifi kaabarraa kibba Gaazaatti godaanuun Khaan Yuunis jiraniin ammas asii bahaa jechaanii jira.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...