Search This Blog

Sabtu, 17 Februari 2024

Lotoonni Yukireen haleellaa Raashiyaa dandamachuu dadhabanii magaala Avdiivkaa keessaa bahan - BBC.com

Loltuu magaala mancaate keessa dhaabatu

Madda suuraa, RL/SERHII NUZHNENKO/REUTERS

Yukireen loltootashee magaala baha biyyattiitti argamtu Avdiivkaa keessaa baasuu beeksifte. Magaalattiin ji'oota hedduuf loltoota Raashiyaan marfama keessa kan turte yoo ta'u guutummaan mancaaterti.

Ajajaa walii galaa Humna Waraana Yukireen kan ta'an Oleeksandar Siriskiyi, "Loltoota keenya marfama keessaa baasufi lubbuusaanii qusachuuf jecha magaalattii keessaa baasnerra" jedhan.

Dabaluunis loltoonni "bakka buufata isaanif mijataa ta'etti baafaman" jedhan. Waraanni biyyattii akka beeksisetti loltoonni Raashiyaa meeshaalee waraanaa, keessumaa artilariidhan humna guddaa qabaachunsaanii magaalattii marsuuf carraa baneefira.

Loltoonni Raashiyaa "reeffuma loltootasaanirra deemanii magaalattiitti dhiyaachaa dhufan" jechuun loltoonni Raashiyaa heddu du'anis olaantummaa meeshaa waraanaa qabaniin gara fuulduraatti deemuu akka danda'an ibsan ittaanaa ajajaan Humna Waraana Yukireen.

Magaalan Avdiivkaa bulchiinsa Doneetisk, kan Raashiyaan to'attetti kan baasu ta'ee, ji'ootaf waraanni cimaan keessatti gaggeeffamaa ture.

Bara 2014 hidhattoonni Yukireen, kan Raashiyaan deeggaraman, bulchiinsa Doneetiskiifi Luhaanisk harka caalu fudhatanii kaasee Avdiivkafi naannawa isheetti lolli gaggeeffamaa ture.

Magaalan Avdiivkaa harka Raashiyaatti kufuunshee adda waraanaa km 1,000 dheeraturratti jijjiirama guddaa kan fidu ta'a.

Bara darbe ji'a Caamsaa keessaa dhiyeenyuma Avdiivkatti kan argamtu magaalli Baakmuut lola ijibbaachisaafi gama lachuuyyuu lubbuu kumaatama heddu nyaate booda loltoonni Raashiyaa to'atanii turan.

Yukireen waraana ijibbaachisaa booda loltootashee magaala Avdiivkaa keessaa baasunshee "haala naannoo Avdiivkaa erga hubatanii booda" ta'uu Jeneraal Oleeksandar himan.

"Loltoonni keenya itti gaafatamummaa loltummaa isaanirraa eegamu gootummaafi kabajaan bahataniiru. Kutaalee waraana Raashiyaa akka malee cimoodha jedhaman mancaasufi badii guddaa irraan gahuurratti waan isaanif danda'ame hunda godhaniiru.

Gama meeshaa waraananis ta'ee humna namaan Raashiyaa miidhaa guddaa irraan gahaniiru," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa gubbaatti barreessan.

Loltuufi manguddoo

Dubbii himaa Mana Maree Nageenyaa US kan ta'an Joon Kirbii magaalli Avdiivkaa harka Raashiyaa galuunshee waan hin oolledha jechuun torbee kana dubbatanii turan.

Sababni isaan dhiyeessanii turan ammoo loltoonni Yukireen adda waraanaa jiran hanqinni rasaasa meeshaalee waraanaarratti hanqinni waan isaan mudateefi.

"Raashiyaan loltoota reefu leenji'an ammaa amma adda waraanatti ergiti. Sababa manni maree bajata deeggarsaa Yukireenif goonu hin raggaasifneefi artilarii Yukireen barbaaddu dhiyeessufii hin dandeenye," jedhanii turan Joon Kirbii.

Jalqaba torbaan kanaa Seneetin US deeggarsa alaaf kan oolu dolaara biliyeena 95 raggaasise keessaa dolaarri biliyeenni 60 kan Yukireenif kennamuudha. Haa ta'u garuu, Mana Maree Bakka Bu'ootaatiin waan hin raggaanef danqamee jira.

Yukireen biyya humna waraanaa guddaa qabdu Raashiyaa waliin lola gaggeessitu kana deeggarsa meeshaalee waraanaa USfi biyyoota Lixaarraa argattu irratti hundoofti.

Barreessaa olaanaa NATO kan ta'an Jeens Istoltenbarg Kamisa darbe US deeggarsa meeshaa waraanaa raggaasisuu dhabuunshee Yukireen irratti dhiibbaan inni fidaa jiraachuu himan.

Sababa hanqina meeshaalee waraanan magaalli Avdiivkaa yeroo kamittuu harka Raashiyaatti akka kuftu loltoonni Yukireen jalqaba torbee kanaa himaa turan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub