Search This Blog

Selasa, 05 Maret 2024

'Ergan badee waggoota 13 booda attamiin akkan haadhakoo itti argadhe' - BBC.com

Erga badee waggaa 13 booda haadhasaa argate

Ijoolleen lammilee Hindii lama maatiin isaanii reebnaan warra isaanittii mufatanii Waxabajjii 2010 mana bahanii deeman.

Obbolaa lamaan kunneen Rakihii fi Balbuu jedhamu- Umuriin isaanii tartiibaan ganna 11 fi torba turan.

Ijoolleen kun mana akkoofi akaakaa isaanii kan kilomeetira muraasa qofa qe’ee warrasaanii irraa fagaatu dhaquuf manaa bahan.

Garuu karaan harkaa badee deebii'uu wallaalanii, karaarraa baduun qe’ee warrasaaniitti deebi’uuf waggoota 13 ol itti fudhateera.

Deeggarsa rogeeyyii mirga daa’immaniif falmaniifi haadhasaanii Neetu Kumaarii jedhamtuun gara warrasaaniitti deebi’an.

"Guyyaa hundaa haadhakoo dhabe’’ jedhe giddugaleessa ijoollee warra hin qabnee keessatti kan guddate Baabiluun.

"Amma garuu maatiitti waanin deebi’eef baayyee gammadeera’’ jedhe.

Baabiluun wayita qe’eetti deebi’u viidiyoon Mudde 2023 waraabame haatiisaanii Neetuun bohaa simachuu agarsiisa.

"Ilmookee deebi’ee argachuutti waaqayyoon galateeffadha’’ jette. Baabiluun sana booda obboleettisaa guyyaa lama isa dursitee qe’eetti deebite hammate.

Obbolaan lamaan warra jalaa badan waggoota muraasaaf wal argu turan. boodarra isaanuu gargar bahan.

Haadha ilama afaan goote

Obbolaan lamaan akkamitti addaan bahan?

Baabiluu fi Raakiin magaalaa kaaba Hinditti argamtu Agraa jedhamutu keessa warrasaanii hojii guyyuu hojjatan Neetuu Kumaarii fi Saantosh jedhaman waliin jiraataa turan.

Waxabajjii 2010 Neetuun hojii guyyuu maatiishee ittiin bulchitu dhabde.

Neetuun hojii guyyuu dhabutti mufattee, qabduu sibiilaa sorata ittiin bilcheessituun Raakii rukutte.

Raakii fi Baabluun wayita haatisaanii manaa baatu qe’eesaanii dhiisanii badan.

"Abbaan koollee yoon sirnaan qo’achuu dide yeroo tokko tokko na reeba, Raakiin akkoo biraa deemnee isaan waliin jiraachu qabna yeroo naan jettu anillee tole jedheen fudhadhe,’’ jedha Baabluun.

Erga ijollen kun qe’eerra badanii booda namticha tokkotu gaariin buufata baaburaatti isaan geesse.

Dubartiin dhaabbata gargaarsa daa’immanii keessa hojjataa turte tokko wayita ijoolleen sun baabura yaabbatan argite.

Baaburri km 250 deemee magaalaa Meerut jedhamtu erga qaqqabe booda ijoollee lamaan kana poolisiitti kennite.

Poolisoonni ijoollee kana giddugala kunuunsa ijoollee warraa hin qabne, kan mootummaan bulchutti kennan.

Waggaa tokko booda ijoolleen kun addaan bahan. Raakiin giddugala ijoollee durbaa magaalaa guddoo biyyattii Deelhitti argamutti geeffamte.

Baabluun ammoo waggoota muraasa booda giddugala ijoollee warra hin qabne itti kunuunsan biraatti geeffame.

Giddugalli sun magaalaa guddoo Utaar Paardish taate Laaknaaw keessatti argama.

Hojjattoonni dhaabbilee gargaarsaa ykn gaazixeessitoonni giggugaleessa ijoollee warra hin qabne sana daawwatan Baabiluun waa’ee obboleettiisaa gargar bahanii himataa ture.

Gara boodarra bilbilaan obbolaan addaan bahan kun haasa’uuf carraa argataniiru.

Raakiin warra isaanii deebitee arguu akka dandeessu shakkaa turte.

"Waggoonni 13 laaftuu miti, haadha keenya deebinee argina jedhee hin abdadhu ‘’ jetti ture.

Suuraadhaan agarsiisaa jira

Baabiluun garuu erga obbolettii isaa deebi’ee argatee booda haadha isaaniis deebi’ee akka rgatu abdata ture.

Baabiluun giddgaleessa kunuunsa ijoollee warraa hin qabnee keessatti namoonni isaan kunuunsaniifi dhiironni umriin isa caalan yeroo hunda akka isa rukutan hime.

Yeroo lama baduuf yaalee sodaate akka deebi’e himeera. Raakiin garuu dhaabbata miti mootummaa iddoo isheen keessatti guddatte sirnaan kunuunsaa akka turan himteetti.

Namni takkaa na rukutee hin beeku jetti. Ijoollee lamaa xumurratti maatii isaanii waliin akka deebi’anii wal argan kan gargaare rogeessa tokko ture.

Baabiluun nama jalqaba mirga daa’immaniirratti hojjatu Naaresh Paraas jedhamuun''akkan maatii koo wajjin deebi’ee wal argu na deeggari'' jedhee gaafate.

Bara 2007 kaasee ijoollee badan maatii wajjin kan walqunnamsiisaa ture yoo ta’u, Baabiluu maatii isaa wajjin wal qunnamsiisun salphaa akka hin taane itti himame.

Obbolaan lamaan kun maqaa abbaasaanii irraanfataniiru. Bulchiinsa Hindii kamirraa akka naannoo sana dhaqanille hin beekan ture.

Garuu Baabiluun iddoo jalqaba baabura yaabbataniitti motorri baaburaa caccabaan bakka itti argamu ta'uu yaadate.

Raakiin maqaa haadha isaanii akka yaadattuu fi morma isheerra godaannisa akka qabdu rogeessa kanatti himan. Sana booda ragaaleen pooliisii biratti galmaa’an sakkataame.

Maatii

Ijoolleen ishee argamuu kan dhageesse Neetu Kumaarii, waajira poolisii dhaqxee rogeessaa Naaresh Paraas bilbilan dubbiste.

Paraas wayita bakka haatii ijoollee kanaa jirtu dhaqetti Aadde Neetuun suuraa ijoollee ishee fi iyyata poolisitti dhiyeeffatte itti argarsiifte.

Sana booda Baabiluu fi Raakii haadhasaanii wajjin viidiyoon bilbilee walitti fide.

Neetuun Kumaarii rogeessa kanatti wayita dubbattu "Raakii rukutuutti nan gaabbe’’ jette.

Neetuun ijoolleeshee barbaaduuf yaalaa turuu Paraasitti himtetti.

"Ijoolleen karaarratti kadhatan danuun jiru jennaan maallaqa liqeeffadhee magaalaa Bihar jedhamtu jedhamu dhaqeera, Masjiida, Waldaa Kiristaanaa fi bakka sagadaa biroo dhaqee akka nagaan deebi’an kadhadheera’’ jedhan.

Waggoota 13 booda haati miiran liqifamanii ilmaa fi intalasaanii wajjin deebi'anii wal arganiiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub