Search This Blog

Senin, 27 Mei 2024

Qubattoonni Israa'el ajjeechaa tiksee Weesti Baank keessatti raawwatameef haaloo bahan - BBC.com

Copyright: Boku Haaraam

Naayijeeriyaa giddu galeessa kutaa biyyaa Niijeer keessatti namoonni kudhan ajjeefamanii, yoo xiqqaate jiraattonni gandaa biroo 160 butamuusaanii qondaaltonni himan.

Hidhattoonni hedduun, garee hidhattoota Islaamummaa Naayijeeriyaa Bookoo Haram irraa ta’uun shakkaman, Jimaata galgala ganda Kuchi weeraruu isaanii qondaalli biyya keessaa Amiinuu Abdulhamid Najume BBC World Service'tti himaniiru.

Namoonni hidhattoota kanneeniin butaman irra caalaansaanii dubartootaafi daa’imman yoo ta’an, kanneen ajjeefaman ammoo adamsitoota naannoo sanaa kanneen nagaa naannaa eegsiisaa turan kan dabalatee ta’uu himaniiru.

Namoonni hidhatan kunneen mootar saayikiliidhaan gara Kuchi seenuudhaan, nyaata bilcheefachaa, shaayii danfiffachaafi manneen namootaa erga saamaa turanii booda gara sa'aatii tokkoo dabarsuun mandaricha keessaa bahan jedhameera.

Dura taa’aa Mana Maree Bulchiinsa Naannoo Munyaa kan ta’an Obbo Naajumeen, hawaasni Kurchi oduu namoota butaman kanneenii wayita dhagahaniitti miira yaaddoofi sodaa keessa galuusaanii dubbataniiru.

Amanastii Intarnaashinaal miidiyaa hawaasaa isaarratti barreessuudhaan, gochaa butamuu jumlaa kanaan ''yaaddoo olaanaan'' akka itti dhagahame ibseera.

''Weerarri hidhattootaan ganda kana keessatti raawwatame, agarsiiftuu dadhabbii aanga'oonni Naayijeeriyaa lubbuu namaa eeguu irratti qabanidha,'' jedheera.

"Erga bara 2021 irraa eegalee, hidhattoonni walitti fufiinsaan ganda Kuchi irratti haleellaa raawwachuun dubartootaa fi shamarran manasaanii keessatti gudeeduu turan."

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub