Search This Blog

Minggu, 14 Juli 2024

Filannoo US: Joo Baayidan filannoo keessaa yoo bahan eenyutu bakkasaanii Tiraamp morkata? - BBC.com

Joo Baayidan filannoo keessaa yoo bahan bakkasaanii eenyutu Tiraamp morkata?

Kaadhimamtoota pirezidaantummaa US

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan sababa dullumaatiin filannoo baatii muraasaan booda gaggeeffamurratti akka hin dhiyaanneef paartiisaanii keessaa dhiibban itti heddummataa jira.

Baayidan yeroo waltajjiitti bahanii haasaa godhan jechoota toora galchanii dubbachuuf rakkachuu, maqaa namaa waliin dhahuufi sagaleen addaan ciccituun isaan mudataa jira.

Miseensota paartii Dimokiraatotaafi abbootii qabeenyaa paarticha maallaqaan bira dhaabbatan fa'aarraa Baayidan filannoo dhufurratti akka hin hirmaanef gaaffii dhiyeessun namni biraa bakka isaanii bu'ee akka dorgomu yaada dhiyeessaa jiru.

Baayidan garuu "nan dulloome malee waanan hojjadhu sirriittan beeka, ana malee Tiraamp mo'achuu kan danda'u paartii Dimokiraatotaa keessa hin jiru" jechuun didaa jiru.

Haata'u garuu paartin Dimokiraatotaa dhimma kanarratti ji'a Hagayyaa keessa wal-gahii walii galaa gaggeessuf jedha.

Paayidan paarticha bakka bu'anii pirezidaantummaaf kan hin dorgomne yoo ta'e, eenyutu Dimokiraatota bakka bu'ee Doonald Tiraamp falmachuu danda'a?

Pirezidaantii ittaantuu- Kamaalaa Hariis

Bakka Joo Baayidan bu'uun filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa Sadaasa dhufu gaggeeffamurratti kaadhimamaa ta'anii dhiyaachuu danda'u jedhamee iddoo guddaan kan kennameef yeroo ammaa pirezidaantii ittaantuu kan ta'an Kamaalaa Hariisi.

Kamaalaa Hariis amanamummaa paartiisaanif qabaniifi duula filannoorratti hirmaannaa cimaa qaban yaada keessa galchuun kaadhamamtuu Joo Baayidan bakka bu'uu dandeessudha jedhama.

Falmii Joo Baayidan dhiyeenya Tiraamp waliin karaa televizyinii gaggeessaniin, "Baayidan jalqabbiinsaanii gaarii miti, garuu Tiraamp caala yaada fooyya'aa dhiyeessan" jechuun qeeqa dhiyeessanii ture Kamaalaa Haaris.

"Kaadhimaa goonee kan dhiyeessine Baayidani. Kana dura Tiraamp mo'anneera. Ammas deebinee ni mo'anna" jedhanii ture.

Kamaalaa Hariis waggoota arfan darabaniif pirezidaantii itaantuu Ameerikaa ta'anii hojjataa jiraatanis, fudhatamni isaan lammiilee Ameerikaa biratti qaban gadi aanadha.

Miisheel Obaamaa

Namoota Baayidan bakka bu'u jedhamee maqaan dhahamaa jiru keessaa tokko ammoo Giiftii Duree duraanii Miishel Obaamadha.

Filannoo pirezidaantummaa dhufurratti Doonald Tiraamp mo'achuu akka danda'u qorannoon yaada uummataa sassaabun hojjatame ni agarsiisa.

Rooyitars guuyyootan dura bu'aa yaada uummataa ifa godheen Dimokiraatota bakka bu'ee Tiraamp mo'achuu kan danda'u haadha warraa Baarak Obaamaa kan taate Miisheel Obaamaa qofaadha.

Namoonni yaada kennan Misheel Obaamaa kaadhimamtuu sirriidha yoo jedhan, namoota shan keessaa sadi filannoo dhufurratti Baayidanis ta'ee Tiraamp osoo dhiyaachuu baatanii gaarii akka ta'e yaada kennan.

Haa ta'u garuu Misheel Obaamaa kanaan dura yaada kenniin abjuu pirezidaantii ta'uu akka hin qabne ibsanii ture.

Bulchituu Mishigan- Gireechan Wiitmar

Bulchaa Isteeta Mishigan kan ta'an Gireechan Wiitmar filannoo marsaa lamaa mo'achuun Mishigan bulchaniiru.

Filannoo birraa dhufu gaggeeffamurratti Dimokiraatonni bakka Joo Baayidan bulchaa Mishigan kaadhimamaa godhanii dhiyeessuu akka malani himamaa jira.

Filannoo Sadaasa dhufuu osoo hin taane, kana bara 2028 irratti kaadhimamaa pirezidaantummaa ta'anii dhiyaachun hin oolu kan jedhamu Gireechan, sababa Baayidan dulloomaniif filannoo alanaarratti paartichi bakka isaan buusuu danda'a jedhamee jira.

Gireechan Wiitmar Pirezidaant Joo Baayidaniif walitti fufiinsan deeggarsa kennaa turan.

Filannoo bara 2028 irratti pirezidaantii Ameerikaa ta'uuf dorgomuuf karoora akka qaban kanaa dura ibsanii ture.

Bulchaa Kaalifoorniyaa- Gaavin Niwusam

Bulchaa Kaalifoorniyaa kan ta'an Gaavin Niwusam bulchiinsa Baayidaniif deeggarsa cimaa qabaachun beekamu.

Haa ta'u garuu namni siyaasaa kun carraa osoo argatanii bakka Joo Baayidan bu'uuf fedhii guddaa qaban galmaan gahuuf duubatti nama hin deebine akka ta'an ibsu xinxaaltonni.

Yeroo dhiyoo as dhimmoota falmisiisoo ta'an irratti yaada kennuufi bakka bu'oota paartii Rippaabilikaanotaa wajjin wal-falmuu isaanitiin bakka bu'aa paartii Dimokiraatotaa jedhamaa jiru.

Gaavin Niwusam Pirezidaant Joo Baayidan wajjin wal-arguuf yeroo dhiyootti gara Waashingtan akka imalantu himama.

Ministiir geejjibaa- Piit Buteejeej

Naamoonni siyaasa Ameerikaa itti dhiyeenyan hordofan akka jedhanitti, Ministiira Geejjibaa kan ta'an Piit Buteejeej guyyaa tokko pirezidaantii Ameerikaa ta'uunsaanii akka hin oolle himu.

Qondaalli kun bulchiinsa Pirezidaant Baayidan keessaa nama arraba colleefi dubbatee nama amansiisudha jedhamuun beekama.

Rakkoolee geejjibaa biyyattiif deebii si'ataa kennuun rakkoolee heddu akka furantu himamaaf.

Bulchaa Pensalvaaniyaa- Joosh Shappiiroo

Bulchaa Pensalvaaniyaa kan ta'an Joosh Shappiiroo filannoo dhufurratti Baayidan bakka bu'uun dorgomuu danda'u jedhamanii kanneen maqaan dhahamu keessaa tokko.

Bara 2022 erga bulchaa Pensalvaaniyaa ta'uun filamanii as siyaasa Ameerikaa keessatti maqaansaanii irra deddeebin ka'a.

Kanaan dura abbaa alangaa ta'uu hojjataa kan turan Joosh Shappiiroon paartii Dimokiraatotaa keessatti itti gaafatamummaa garaa garaan hojjataniiru.

Adblock test (Why?)

Minggu, 07 Juli 2024

145 Sister Nicknames To Honor Your Special Bond - Southern Living

Nicknames for sisters celebrate the special bond you have with your sibling because sisterhood is a beautiful thing. It enriches our lives and provides a place of encouragement in the darkest times. Spending time with sisters, whether a family member or a friend who's as close as a sibling, is a great way to feel honored, acknowledged, and embraced.

Adblock test (Why?)

Jumat, 05 Juli 2024

Balaliisummaa: Mana-barumsaa Naqamtee paayiletoonni 15 keessaa bahan - BBC.com

Mana-barumsaa Naqamtee paayiletoonni 15 keessaa bahan

Balaliisaa Amaanu'el

Barattoota Mana Barumsa Qophaa’inaa Naqamtee duraanii kan amma ogummaa xayyaara balaliisuutiin milkaa’an waliin BBC’n gaaffiifi deebii taasiiseera.

Barattoota mana barumsaa kanatti baratan keessaa yoo xiqqaate 15 kan ta’an ogummaa xiyyaaraa balaliisuu (Paayilattii) ta'un hajjataa jiru.

Dhiyeenya kana gara ogummaa kanaatti galan irraa eegalee hanga kanneen waggoota 20’n dura galaniitti magaalaa Lixa Oromiyaa umurii dheeraa qabdu, Naqamte keessaa bahan.

Mudannoon ijoollee mana barumsaa tokkotti barataniifi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaatti balalii tokkorratti walitti fidees odeessa kana keessatti hammatamaniiru.

BBC’n deemsa dheeraa Amanu’eelii Tsahaayiifi barattoonni Naqamtee keessa darbuun ogummaa balaliisummaa seenan akkasiin qixeesseera.

Amaanu’eel Tsahaay, magaalaa Naqameetti dhalatee guddate. Hanga kutaa 12’ttis achumatti barate. Mana barumsa qophaa’inaa Naqamteefi barsiisota achitti isa barsiisan ammoo bifa addaatiin yaadata.

Abjuunsaa ijoollummaa balaliisaa xiyyaaraa ta’uudha. Abjuun kunis kan Amaanu’eel qofa osoo hin taane, hawwii harmeensaa kan Aadde Elsaabeet ture.

Dabalataanis, Kaappiteen Biiniyaam, mucaan ollaasaanii akka ture kaasuun wayita leenjii balaliisumaa leenjii'aa turetti xayyaara qabatee Naqamte mana isaaniirra naannessee akka deebi’e yaadata Amaanu’eel.

Jiraattonni magaalattii, mana manasaaniitii bahuun daaw’ataa turan; taateen kunis akka Amaanu’eel abjuusaa ijoollummaatti cichu taasise.

Imala dheeraafi qorumsa ulfaataan booda amma Amanu’eel, dhaabbata Daandii Qilleensa Itoophiyaatti ofisara sadarkaa lammaffaa ykn gargaaraa balaliisaa (co-pilot)’dha.

Amaanu’eel qofa osoo hin taane barattoonni magaalaa Naqamtee, Mana Barnoota Qophaa’inaa Naqamteetti baratan 15 oliis ogummaadhuma kana keessa akka jiran BBC’n odeeffateera.

Baliiftoota lamaan

Kalaqni balaliisummaa essaa ka'ee?

Yaaliin tooftaalee gara garaatiin meeshaa ulfaatina qaban qilleensarra balaliisuu naannoo jaarraa 5ffaatti kan eegale yoo ta’u, jaarraa 15ffaatti ammoo Liyoonaardoo Daaviinchiin fakkii xayyaaraa isa jalqabaa kaase.

Yeroodhaa yerootti akkuma kalaqniifi qorannoon fooyya’aa dhufuun afuuffee (balloon) gosa gara garaa kalaqamuun samii keessa balaliifamaa turan.

Bulchiinsi Hawwaa Ameerikaa (NASA)’n akka ibsetti, yaaliiwwan kunneen guddachaafi fooyya’aa dhufuudhaan Mudde 17, 1903’tti obboleeyyan lamaan, Wiilbar Raayitiifi Orwiil Raayit jedhaman Ameerikaa kutaa Kaaba Kaarolaayinaatti xiyyaara jalqabaa kan humna ofiisaatiin ka’u, to’atamuufi balalii'uu danda’u tolchuun seenaa ogummaa balalii keessatti balaliisaa isaan jalqabaa jedhaman.

Ergasii as kalaqnisaa daran guddachuun xayyaarri kaayyoo gara garaatiif oolu hedduun boca adda addaatiin tolfameera.

Yaalii dhalli namaa xayyaara ulfaatina guddaa qabu sanuu namaafi meeshaalee gurguddaan itti fe’amuun humna harkisa lafaatiin osoo hin daangeffamiin qilleensarra balaliisuu danda’uun seenaa kalaqa dhala namaa keessaa gulantaasa guddaadha.

Kalaqa dhala namaa ajaa’ibsiifannaafi raajeffannaa guddaa uumedhas ogummaan balaaliisuummaa. Ogummaan xiyyaara balaliisuu abjuu ijoollummaa, hawwii barattoota hedduu ta’us, kan itti milkaa’u garuu muraasadha.

Isaan keessaayis, barataa duraanii Mana Barnoota Qophaa'ina Naqamtee, kan balaliiftoonni gara 15 irraa horatamee, keessaa tokko kan ta'e balaliisaa Amaanu'eel Tsahaayiifi hogganaa mana barnootichaa Darajjee Bantii dubbisuun akkasiin qopheessineera.

Abjuu ijoollummaa, hawwii namoota hedduu garuu muraasni itti milkaa’u- balaliistummaa

Balaliisaa xiyyaaraa

Amaanu’eel magaaluma itti dhalate Naqamteetti barnootasaa hanga kutaa 12ffaatti xumuruun barnoota olaanaaf Yunivarsiitii Bulee Horaa seene. Achittis muummee Siiviil Injinariingii irraa qabxii olaadhaan waan eebbifameef waggaa tokkoof barsiisaa yunivarsiitichaa ta’uun hojjeteera.

“Tarii mana namoota hundumaa jira jedheen yaada. Suuraa wayiitu ture; suuraa ijoollee faranjii sadan tokko, warra ijoollee xixiqqoo ta’anii kofiyyaa paayileetii keewwatanii.”

Namoonni miidhaginaaf jecha suuraa sana keenyaa manaatti fannifatu. Amaanu'eel garuu akka isaanii ta’uufi huccuu kansaanii fakkaatu uffachuuf hawwii akka horatu taasisuu yaadachiisa.

“Suuraan sun jireenyakoo keessatti balaliisaa ta’uu nakeessa kaa’ee darbeera” jedha dargaggeessi kun.

Akkuma barnootasaa kutaa 12ffaa xumureen, imala abjuusaa eegale. Gara Finfinnee dhufuun Daandii Qilleensa Itoophiyaa dorgomee balaliisummaa barachuu yaalus, yeroo sanatti Teknishaana lafarraa (Ground Technician) qofa simataa waan turaniif akka hin milkoofneef hima Amaanu’eel.

Barataa Yunivarsiitii waggaa sadaffaa yeroo turettis carraan leenjii balaliisummaatiif galmaa’uu bahee akka ture kaasuun, yeroo sana ammoo barnootasaa xumuruuf jecha akka hin galmoofne yaadata.

Amaanu'eel waahillan isaa waliin

‘Wantisaan keessookoo bulche waan salphaa miti’

“Otuman baradhuuu Kaappiteen Biiniyaam ana dursee Daandii Qilleensa Itoophiyaa waan galeef, guyyaa balaliisuummaa dhumaa shaakalu ykn kan ‘navigational training’ jedhamu fudhatu; mucaan sun xiyyaara fuudhee [Naqamte] dhufe.

''Kunis qofaakee xiyyaara fuuteetu biyya barbaadde deemta gaafa shaakalakee isa dhumaa raawwattu. biyyatti manni keenyaaf kan isaanii walitti dhiyoodha. Mana keenyarra naannessee waan deemeef, safara keenyatti waa’eensaa baay’ee haasa’ame.'' jechuun haala ture yaadata.

Harmeenkoos waa’ee taatee kanaa kaasuun ‘xiyyaara mataa keenyarra naannessee deeme’ jechuun dinqifattee haasa’aa turte. Sun nakeessa bule; dhiibbaa guddaa narratti fides,” jechuun dubbata Amaanu’eel.

Barattoota Qophaa’ina Naqamtee oolmaa isaanii lafarraa gara qilleensaatti jijjiiran kan akka Kaappiteen Biiniyaam Margaa, Afawarq Qajeelaafi Saamu’eel Girmaa hiriyoota magaalaa Naqamteetti dhalatanii walumaan kutaa tokkotti kan baratan, walumaanis ogummaa xiyyaara balaliisuu leenji’uun Kaappiteenii kan ta’anidha.

“Keessumaa ijoollee ati beektu, kan waliin guddatte, gaafa iddoo kana gahanii argitu, anis iddoo kanatti hafuu hin qabu isa jedhu abdiikee akka ati bal’istaa deemtuufi ilaaltu si godha” jechuun hiriyoonnisaa booree itti horuu yaadata Amaanu’eel.

Milkaa’inni isaanii filannoofi imala ogummaa isaarratti dhiibbaa gaarii ta’e akka geessise itti dabaluun hima gargaaraan balaliisaa kun.

Xiyyaara keessa ta'e

Kutannaafi Abdii-Kutannaa: ‘Abdii kutadheen dhiisee deebi’e’

“Dandeettii afaan Ingiliffaa dubbachuun gabbifachuu barbaada” kan jedhu Amaanu’eel, yeroo kutaa 12ffaa xumuree Dhaabbata Daandii Qilleensaatti mindeeffamuu yaaluuf Finfinnee dhaqeetti, Afaan Ingiliffaa ji’a lamaaf leenjii fudhachuu kaasa.

Kunis abjuu balaliisaa ta’uusaa milkeessuuf of qopheessuuf jedheetu. Daandiin Qilleensa Itoophiyaa beeksisa yeroo baasu garuu leenjii teeknishaanii lafarraaf malee balaliisummaaf akka fudhataa hin turre kan kaasu Amaanu’eel, “abdii kutadheen dhiisee deebi’e ture'' jedha.

Yeroos abdii haa kutatu malee erga Yunivarsiitii Bulee Horaatii eebbifamee boodallee yaaliisaa ittuma fufe.

Barattooty Yunivarsiitiiwwan akka Bulee Horaa, Diillaafi Hawaasaatiif qorumsi Yunivarsiitii Hawaasaatti akka qophaa’eef kan kaasuu Amaanu’eel, qormaatichatti akka hin milkoofne kaasa.

Haata’uutii garuu ammallee “kufeera jedhee hin dhiisne” jedhuun fedhiin inni xayyaara balaliisuuf qabu yoomuu akka hin duune dubbata dargaggeessi kun.

Waggaa arfan darbaniitti yeroo sadafaaf Finfinneetti qoramu kan kaasu Amaanu’eel, “gaafan yaalu Rabbis na gargaaree fiixaan bahumsa argadhe; har’a iddoon barbaadu sana gaheera” jechuun milkaa’inasaa gammachuudhaan ibsa.

Oolmaa barsiisotaa fi Mana Barumsa Qophaa’ina Naqamtee

Manni Barumsaa Qophaa’ina Naqamtee ‘Nekemte Comprehensive’ kan balaliiftoonniifi namoonni bebbeekamoo hedduu itti baratanis, barnoota akkaadamii cinaatti, oggummaawwan teekinikaa kan akka konkolaataa suphuu, qonnaafi hojii mukaa hammachuun Ejensii Misoomaa Idil-addunyaa Siwiidiniitiin (Sweden International Development Agency) ALI’tti bara 1963 hundeeffame.

Yeroo jalqabus lammiilee biyya alaa dabalatee barsiisota 50 caalaniin, barattoota 2,169 barsiisuun hojii akka eegale dubbatu hogganaan mana barumsichaa Obbo Darajjee Bantii.

Yeroo sanatti akka guutummaa Wallaggaatti innumti qofti akka ture kaasuun, namoonni hedduun akka biyyaatti bakka gurguddaa gahan mana barumsichaatti akka baratan dubbatu Obbo Darajjeen.

''Mana barumsaa seena qabeessadha'' jechuun kan ibsan hogganaan mana barumsichaa, pirezdaantii duraanii Yunivarsiitii Wallaggaa, Pirofeesar Fiqaaduu Bayyanaa, Luba Dr. Biraanuu Urgaa’aa, Dr. Hayilee Fidaa, Galaasaa Dilboofaa fa'illeen mana barumsaa kanatti akka baratan kaasan.

Barattoota mana barumsichatti barataniifi kan amma Daandii Qilleensa Itoophiyaatti balaliisummaa leenji’an keessaas namoota 11 akka yaadatan himu Darajjeen.

Barsiisonni Qophaa’inaa Naqamtee daree seenanii barsiisuu qofaan otoo hin taane dhaloota gorsisaaniis galaa dhalootaa ta’ee akka yaadatamu ibsu barattoonni isaanii.

“Barattootatu akka barsiisonni barbaadan hin ta’aniif malee baay’ee dhama’u” jechuun oolmaa barsiisotasaa yadata Amaanu’eel. Barnoota barsiisaniin cinaattis gorsisaanii jireenya barattoota Naqamtee keessaa akka hin dagatamne dubbata.

“Barsiisota ciccimoo nuti itti hin fayyadamne heddutu jira. Garuu gorsasaanii hin irraanfadhu!” jechuun barsiisota Mana Barnoota Qophaa’ina Naqamteetti isa barsiisan kan akka barsiisaa Fiqiruufi Baqqalaafaa yaadata Amaanu’eel.

“Mana barnootaa mootummaa waan ta’eef, abbaan barbaade ni barata; abbaan barbaade ni dhiisa; ofiif jettee baratta” kan jedhu Amaanu’eel, gorsiifi oolmaan barsiisota mana barumsichaa garuu humna guddaa akka ture dubbata.

Ijoollee baay’een Naqamtetti baratanii amma Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessa jiraachuu kan kaasu Amaanu’eel, “walumaagalatti kanan ammatti yaadadhu 10-15 ni ta’u,” jedha.

Kaappiteen Daagim Girmaa, Biiniyaam Margaa, Saamu’eel Girmaa, Afawark Qajeelaa, Caalaa (nama lamadha), Bilisummaa Taklee, Olittii akkasumas Gargaaraa sadarkaa 2ffaa Liiban kumarraa, Abdii Mikaa’el, Amantii (Gargaaraa sadarkaa 1ffaa),… barattoota duraan Naqamteetti baratan Amaanu’eel yaadatudha.

Isaan keessaas addatti ijoollee jaha waliin akka quba walqaban kaasa. Gartokkee isaanii waliinis balalii tokkoon qilleensarra imalaniiru.

Balaliistonni mana barumsaa tokkotti baratanii, magaalaa tokko jiraatanii, afaan tokko haasa’anii, yaadannoo waloo qaban, amma imaltoota qilleensa bakka gaadasaaniin qaqqabsiisaa jiru.

Kutaa imaltoonni bal’aan keessa jiran irraa adda ba’ee balaliisaafi gargaaraa isaatiif kan qophaa’e, kutaa to’annoo (control room) keessatti waan ogummaa, waan balalii qofa osoo hin taane waan maatii, waan biyyaa, yaadannoo magaalaa, hiriyootaa, mana barnootaafi barsiisotasaanii kaasuun haasa’uun miira addaa akka isaaf kenne kaasa Amaanu’eel.

Muraasasaanii duukaa ammoo naannawaa tokko akka jiraatan kan himu Amaanu’eel, warreen balalii tokkorratti ramadamuun huccuufi koffiyyaa ijoollummaasaatti hawwu godhachuun waliin akka deemanis gammachuun yaadata.

Kaappiteen Saamu’eel Girmaa waliinis guyyaa baay’ee balalii tokkoon akka imalan kaasa. Kaappiteen Caalaa fi Kaappiteen Afawarqi waliinis ramadamee balalii tokkoon imaluu dubbata.

“Akkuma mana keessaniif hojjettuu wayii yaaddee hojjetta. Lamman keenya mana tokkootii, maatii tokkootii, biyya tokkootii gaafa dhuftu, afaan hojii sanas hordofaa takka takkammo afaan mataakeetiin haasofta; haasaa keenyas haasa’aa, hojii keenyas hojjachaadha kan deemnu. Miirasaa sitti himuu hin danda’u; baay’eedhuma namatti tola” jechuun gammachuu itti dhagahamu ibsa Amaanu’eel.

Balaliisaa Amaanu'el

Madda suuraa, Amanuel

‘Waliirra gaafa najalaa bu’uu qormaata guddaa natti ta’e’

Leenjii balaliisummaa keessatti, si’a sadii akka shaakalan kan kaasu Amaanu’eel, shaakala isaa jalqabaa keessatti gaddi onneesaa cabsu isa mudate kaasa. Harmeensaa akkanni balaliisaa xayyaaraa ta’uuf hawwaafii turte du’aan boqotan.

Amaanu’eel baay’ee gadduun leenjiisaa addaan kutee akka ture yaadata. “Walirra gaafa najalaa bu’uu qormaata guddaa natti ta’e” jechuun gaddi harmeesaa fi leenjiinsaa jalqabaa walirra bu’uun rakkisaa turuu ibsa Amaanu’eel.

“Nama ati hojiikee itti agarsiifachuu barbaaddu, addunyaa kanarra Harmeekee caala namni biraa hin jiru. Kanaaf, yeroo sanatti qormaata guddaa keessan seene ture. Leenjiichas dhaabuufin murteesse ture. Ergan gadda sanarraa deebi’ee boodas bakki ijoolleen waliin baradhu ture gahan abdii na kutachiise.

''Dubbisanii fixanii baay’ee deemaniiru; siistamattis qophaa’anii fixaniiru. Animmoo torbaan lamaa ol gadda sanarra waanin tureef, dhaabuufan ture; garuu Rabbi na gargaareen ittifufe” jechuun haala ulfaataa ture ibsa.

Karaa Kaappiteenii barsiisaasaa ture tokkoos qormaanni guddaan akka isarra gahe kan yaadatu Amaanu’eel, abdii kutannaa hedduun booda gargaaraa sadarkaa lammaffaa (co-pilot) ta’uun akka milkaa’e hima.

Gargaaraa balaliisaa Amaanu'el

Madda suuraa, Amanuel

Karoora gara fuulduraa

Erga Daandii Qilleensa Itoophiyaa galee yaannisaa akka jijjiirame kan kaasu Amaanu’eel, gara fuulduraatti mana barumsaa ijoolleen qaxalee ta’an itti qaraman hundeessuu akka yaadu hima.

Haalli barnoota Daandii Qilleensa Itoophiyaa karaa addaatiin akka barsiisu kan kaasu dargaggeessi kun, “ilaalcha [gadi bu’aa] dhaloonni amma barnootaaf qabu kan jijjiiru, mana barumsaa filatamaafi bu’uura jabaa qabu” hundeessuu yaada jedhe.

Gama biraatiinis, hundeeffama mana barumsa itti baratee waggaa 50ffaa isaa kabajuu fi barattoota duraan mana barumsaa kanatti baratan waliin hariiroo uumuun karoorfamee turu yaadata.

Haata'u malee haala dhibdee nageenyaatiin osoo hin milkaa'iin hafuu kaasuun, gara fuulduraattis seenaa mana barumsichaafi dhaloota achitti baratanii walitti fiduuf karoora qabaachuu hima.

Dhalataa Naqamteerraa kan Daandii Qilleensa Itoophiyaatti leenjisaa ta’an, Kaappiteen Gammachuu Abarraas yaada mana barumsaa dhaloota qaru hundeessuu jedhu akka qabu kaasa.

“Ijoollee walitti qabnee Naqamte keessa bu’uura wayii keenya” jechaa akka tures jedha Amaanu’eel.

‘Ilaalcha dogongoraa’ ammaa dhaloonni barnoota irratti horachaa jiru bu’uurarraa jijjiiruun sammuun hedduun bakka itti qaramu, mana barnootaa filatamaa ta’e hundeessuun abjuusaa jabaa akka ta’e hima.

“Waa’ee barnootaa irratti dhaloonni xinnoo walbubuusaa dhufeera. Namni barate akka faayidaa hin qabnetti yaadamaa dhufeera. Namni barate akka [waan] faayidaa hin qabneetti yaadamuutti ka’e. Dhaloonni kana booddee dhufu garuu dhaloota nu fuuldura turanis, nuunis ilaalaa jireenyasaa boriif waan gaarii gumaachuu'' qabu jedha.

“Dargaggummaatti nutti hin fakkaatu” kan jedhu Amaanu’eel, erga umuriin deemee gaabbiitti akka hin hafneef dargaggoonni har’a dammaqanii borii isaaniif kutannoodhaan akka hojjetan gorsa.

“Maqaan bol’aa olidha” waa ta’eef erga lafarraa dabarree illee waanti lammii ofiif biyya ofiif hojjatanii darbee akka jiraatuuf har’a dhama’uun barbaachisaa ta’uus itti dabaluun dhaama dargaggeessi kun.

Gama ogguummaa saatiini ammoo, kan namni ogummaa balaliisummaa keessa jiru hunduu hawwu, Kaappiteenii Booyiing 787 fi 777 (Trippel Seven) ta’uu kaasuun, innis kana akka hawwuu dubbata.

Gargaaraan sadarkaa lammaffaa, Amaanu’eel erga hojii eegalee ji’a torba ta’us, erga Daandii Qilleensa Itoophiyaa seenee ammoo ganna afur lakkoofsiseera.

Adblock test (Why?)

Selasa, 02 Juli 2024

Nasir Bilal Khan tak kisah jadi bahan jenaka - Yahoo News Malaysia

Nasir Bilal Khan tak kisah jadi bahan jenaka

14 Jan – Pelakon veteran, Nasir Bilal Khan tidak kisah dan tidak berkecil hati apabila wataknya dalam drama bersiri "Tanah Kubur" dijadikan bahan jenaka oleh sesetengah pelawak.

"Saya tiada masalah apabila ada pelawak yang menjadikan gaya percakapan lakonan saya dalam drama tersebut sebagai satu bahan jenaka kerana ia tidak membawa maksud apa-apa.

"Bagaimanapun jangalah sampai ia memberikan keburukan kepada saya atau penonton sudahlah," katanya kepada mStar.

Dalam pada itu, aktor berusia 54 tahun ini berkata, lakonannya sebagai Tok Adi dalam "Tanah Kubur" banyak memberi kesan dan pengaruh dari aspek kerohanian dalam kehidupan sehariannya.

"Sudah 13 musim bersama "Tanah Kubur" ia banyak memberi pengajaran dan kesan besar kepada kerohanian dan saya berharap penontonturut merasai perkara sama."
Dalam perkembangan lain, Nasir, bakal muncul dengan filem terbarunya "Laga" yang akan ditayangkan pada 23 Januari ini.

Adblock test (Why?)

Frances Bahan Obituary and Online Memorial (2011) - Legacy.com

[unable to retrieve full-text content] Frances Bahan Obituary and Online Memorial (2011)    Legacy.com