Joo Baayidan filannoo keessaa yoo bahan bakkasaanii eenyutu Tiraamp morkata?

Kaadhimamtoota pirezidaantummaa US

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan sababa dullumaatiin filannoo baatii muraasaan booda gaggeeffamurratti akka hin dhiyaanneef paartiisaanii keessaa dhiibban itti heddummataa jira.

Baayidan yeroo waltajjiitti bahanii haasaa godhan jechoota toora galchanii dubbachuuf rakkachuu, maqaa namaa waliin dhahuufi sagaleen addaan ciccituun isaan mudataa jira.

Miseensota paartii Dimokiraatotaafi abbootii qabeenyaa paarticha maallaqaan bira dhaabbatan fa'aarraa Baayidan filannoo dhufurratti akka hin hirmaanef gaaffii dhiyeessun namni biraa bakka isaanii bu'ee akka dorgomu yaada dhiyeessaa jiru.

Baayidan garuu "nan dulloome malee waanan hojjadhu sirriittan beeka, ana malee Tiraamp mo'achuu kan danda'u paartii Dimokiraatotaa keessa hin jiru" jechuun didaa jiru.

Haata'u garuu paartin Dimokiraatotaa dhimma kanarratti ji'a Hagayyaa keessa wal-gahii walii galaa gaggeessuf jedha.

Paayidan paarticha bakka bu'anii pirezidaantummaaf kan hin dorgomne yoo ta'e, eenyutu Dimokiraatota bakka bu'ee Doonald Tiraamp falmachuu danda'a?

Pirezidaantii ittaantuu- Kamaalaa Hariis

Bakka Joo Baayidan bu'uun filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa Sadaasa dhufu gaggeeffamurratti kaadhimamaa ta'anii dhiyaachuu danda'u jedhamee iddoo guddaan kan kennameef yeroo ammaa pirezidaantii ittaantuu kan ta'an Kamaalaa Hariisi.

Kamaalaa Hariis amanamummaa paartiisaanif qabaniifi duula filannoorratti hirmaannaa cimaa qaban yaada keessa galchuun kaadhamamtuu Joo Baayidan bakka bu'uu dandeessudha jedhama.

Falmii Joo Baayidan dhiyeenya Tiraamp waliin karaa televizyinii gaggeessaniin, "Baayidan jalqabbiinsaanii gaarii miti, garuu Tiraamp caala yaada fooyya'aa dhiyeessan" jechuun qeeqa dhiyeessanii ture Kamaalaa Haaris.

"Kaadhimaa goonee kan dhiyeessine Baayidani. Kana dura Tiraamp mo'anneera. Ammas deebinee ni mo'anna" jedhanii ture.

Kamaalaa Hariis waggoota arfan darabaniif pirezidaantii itaantuu Ameerikaa ta'anii hojjataa jiraatanis, fudhatamni isaan lammiilee Ameerikaa biratti qaban gadi aanadha.

Miisheel Obaamaa

Namoota Baayidan bakka bu'u jedhamee maqaan dhahamaa jiru keessaa tokko ammoo Giiftii Duree duraanii Miishel Obaamadha.

Filannoo pirezidaantummaa dhufurratti Doonald Tiraamp mo'achuu akka danda'u qorannoon yaada uummataa sassaabun hojjatame ni agarsiisa.

Rooyitars guuyyootan dura bu'aa yaada uummataa ifa godheen Dimokiraatota bakka bu'ee Tiraamp mo'achuu kan danda'u haadha warraa Baarak Obaamaa kan taate Miisheel Obaamaa qofaadha.

Namoonni yaada kennan Misheel Obaamaa kaadhimamtuu sirriidha yoo jedhan, namoota shan keessaa sadi filannoo dhufurratti Baayidanis ta'ee Tiraamp osoo dhiyaachuu baatanii gaarii akka ta'e yaada kennan.

Haa ta'u garuu Misheel Obaamaa kanaan dura yaada kenniin abjuu pirezidaantii ta'uu akka hin qabne ibsanii ture.

Bulchituu Mishigan- Gireechan Wiitmar

Bulchaa Isteeta Mishigan kan ta'an Gireechan Wiitmar filannoo marsaa lamaa mo'achuun Mishigan bulchaniiru.

Filannoo birraa dhufu gaggeeffamurratti Dimokiraatonni bakka Joo Baayidan bulchaa Mishigan kaadhimamaa godhanii dhiyeessuu akka malani himamaa jira.

Filannoo Sadaasa dhufuu osoo hin taane, kana bara 2028 irratti kaadhimamaa pirezidaantummaa ta'anii dhiyaachun hin oolu kan jedhamu Gireechan, sababa Baayidan dulloomaniif filannoo alanaarratti paartichi bakka isaan buusuu danda'a jedhamee jira.

Gireechan Wiitmar Pirezidaant Joo Baayidaniif walitti fufiinsan deeggarsa kennaa turan.

Filannoo bara 2028 irratti pirezidaantii Ameerikaa ta'uuf dorgomuuf karoora akka qaban kanaa dura ibsanii ture.

Bulchaa Kaalifoorniyaa- Gaavin Niwusam

Bulchaa Kaalifoorniyaa kan ta'an Gaavin Niwusam bulchiinsa Baayidaniif deeggarsa cimaa qabaachun beekamu.

Haa ta'u garuu namni siyaasaa kun carraa osoo argatanii bakka Joo Baayidan bu'uuf fedhii guddaa qaban galmaan gahuuf duubatti nama hin deebine akka ta'an ibsu xinxaaltonni.

Yeroo dhiyoo as dhimmoota falmisiisoo ta'an irratti yaada kennuufi bakka bu'oota paartii Rippaabilikaanotaa wajjin wal-falmuu isaanitiin bakka bu'aa paartii Dimokiraatotaa jedhamaa jiru.

Gaavin Niwusam Pirezidaant Joo Baayidan wajjin wal-arguuf yeroo dhiyootti gara Waashingtan akka imalantu himama.

Ministiir geejjibaa- Piit Buteejeej

Naamoonni siyaasa Ameerikaa itti dhiyeenyan hordofan akka jedhanitti, Ministiira Geejjibaa kan ta'an Piit Buteejeej guyyaa tokko pirezidaantii Ameerikaa ta'uunsaanii akka hin oolle himu.

Qondaalli kun bulchiinsa Pirezidaant Baayidan keessaa nama arraba colleefi dubbatee nama amansiisudha jedhamuun beekama.

Rakkoolee geejjibaa biyyattiif deebii si'ataa kennuun rakkoolee heddu akka furantu himamaaf.

Bulchaa Pensalvaaniyaa- Joosh Shappiiroo

Bulchaa Pensalvaaniyaa kan ta'an Joosh Shappiiroo filannoo dhufurratti Baayidan bakka bu'uun dorgomuu danda'u jedhamanii kanneen maqaan dhahamu keessaa tokko.

Bara 2022 erga bulchaa Pensalvaaniyaa ta'uun filamanii as siyaasa Ameerikaa keessatti maqaansaanii irra deddeebin ka'a.

Kanaan dura abbaa alangaa ta'uu hojjataa kan turan Joosh Shappiiroon paartii Dimokiraatotaa keessatti itti gaafatamummaa garaa garaan hojjataniiru.