Search This Blog

Selasa, 03 Januari 2023

Pirimiyeer Liigii, Tomaas Firaank: Leenjisaa kannisota kilaboota gurguddoo jilbeenfachiisaa jiran - BBC

Bara dorgommii baranaa Bireentifoord kilaboota gurguddoo injifataa jira. Guyyaa Wiixataas Liivarpuul 3fi 1'n mo'ate.

Madda suuraa, Getty Images

Bara dorgommii baranaa kilaboota sadarkaan isaanii xiqqoo jedhamuufi kilaboota gurguddoo injifataa jiran keessaa tokko Bireentifordidha.

Guyyaa Wiixataas taphattoota Yargan Kiloopp injifatanii qe’ee Liivarpuulitti mufii uuman.

Guyyaa kaleessaa kilabii Liivarpuul dirree ofiirratti waammatanii 3fi 1’n injifatan. Boqonnaa dura lama galchan.

Taphataan Liivarpuul taphichaan mufate boqonnaa dura sadii galchuu danda’u ture jechuun garee isaa qeeqe.

Kanniisni maqaa masoo kilaba Bireentifoordidha. Kilabiin kuni waggaa darbe waggoota 74 booda gara Pirimiyeer Liigii Ingiliziitti ol guddate.

Leenjisaan isaa immoo Tomaas Firaankidha. Oolmaa guddaa kilabichaaf oolani. Kilabicha kan ol kan guddisaniis ta’e seenaa haaraa galmeessaa jiran isaan jalattidha.

Eega liigii guddicha deeggartootaafi daawwattoota hedduu qabutti as bahanii waan jajjaboo galmeessuu itti fufaniiru.

Tapha kaleessaan boqonnaa duraa irrati taphataan Liivarpuul Ibraahim Konaateen ofirratti galche.

Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp jijjiirraa taphattootaa taasisaniin garuu boqonnaa booda galchii Oksileed Chaamberliin galcheen ala galchuu hin dandeenye.    

Silaa Liivarpuul injifate sadarkaa shanaffaa qabata ture. Bara dorgommii kana qabxiiwwan 23 dhabeera. Kunimmoo isa bara darbe dorgommii guutuu keessa dhabe qabxii tokkoon caala.

Liigichi garuu reefu walakkaarra jira. Ittisaan Liivarpuul Andiriiw Roobartisan ''ga’uumsa itti fufaa’’ dhabne jechuun komate.

''Tarkaanfii tokko fulduratti imallee, tokko ofirra deebina fakkaata. Kunimmoo gabatee qabxii liigichaa ol bahuu nu rakkise,’’ jedhee dubbate.

''Silaa boqonnaa dura galchiin sadii nutti seena ture,’’ jechuun hime.

Warri Liivarpuul rakkoo ittisuun jeeqamaa jiru. Torban darbees yeroo Leestar 2fi 1’ injifatan hanqinni mumul’ataa ture.

Gammachuu olaanaa

Leenjisaan isaanii Tomaas Firaank '‘ajaa’iba’’ jechuun taphattoota isaanii jajan.

''Halkan ajaa’ibaati. Jechatti taphattoota kana itti ibsu hin qabu, amanuuf kan nama rakkisu,’’ jechuun BBC Ispoortitti dubbatan.

''Hubannoon, carraaqqiin, dhamaatiifi wal tumsuun garee akka Liivarpuul injifatani,’’ jedhan.

''Amanuufan rakkadha. Liivarpuul garee cimaa addunyaa keessaa tokko. Isaan injifachuuf ga’umsikee 200% ta’uu qaba. Deeggartoonni gammadaniiru jedheen yaada,’’ jechuun Yowaane Wiisaa dubbate.

Taphattoonni Bireentifoord Liivarpuul injifachuu isaaniin guddoo gammadan

Madda suuraa, Getty Images

Galchii lammataa Bireentifordiif isatu galche. Bara darbe kilaboonni lamaan 3fi 3’n adda bahan.

Taphataan isaanii biroo Biriyaan Mibewumoo immoo ‘’miira ajaa’ibaati,’’ jechuun ibse. Taphattoonni hunduu gammachuu isaanii ibsaa jiru.

Seenaa addaa

Bireentifoord garuu liigicha keessa taphoota jaha darbaniin hin mo’amne. Kunimmoo seenaa waggootaa 80 keessatti kilabichaaf isa olaanaadha.

Yeroo ammaa liigichaan sadarkaa torbaffaarra jiru.

Eega Pirimiyeer Liigichatti deebi’anii Maanchistar Yunaayitidiifi Arsenaal injifataniiru.

Liivarpuul injifachuun isaanii kuni eega bara 1938 kan duraati. Kuni hundi osoo jifataan isaanii cimaa Ivaan Tooniin miidhamee jiruuti.  

Ivaan tapha torban darbe West Haam 2fi 0’n mo’an irratti miidhamee bahe.

Bara dorgommii baranaa taphoota sagal dirree ofiirratti Bireentiford taphate keessaa tokko qofa mo’ame. Innu liigicha dursaa kan jiran Arsenaaliini.

Qabxiiwwan Isteediyeemii Komiinitiitti galmaa’an keessaa Hagayya keessa Maanchistar Yunaayitid 4fi 0’n injifatan.

Onkololeessa keessa galchii malee Chelsii waliin adda bahan. Mudde keessa Tootanhaam waliin 2 qixa adda bahan.

Firaank barana Maanchistar Siitii 2fi 1'n injifatanii yeroo gammachuu ibsan

Madda suuraa, Getty Images

Sadaasa keessammoo bara darbe shaampiyoonaa liigichaa kan ta’an Maanchistar Siitii 2fi 1’n injifatan.

''Dirreen ala Maanchistar Siitii injifachuun, Totanhaam silaa injifachuu qabnu waliin qixa bahuun, Westihaam mo’annee ammammoo Liivarpuul injifachuun waan ajaa’ibaati,’’ jedhan Firaank.

Iccitiin milkaa’ina isaanii cimanii hojjechuufi waan caalu argachuuf hanga xumuraatti carraaqu akka ta’e dubbatan.

''Sadarkaa torbaffaa qabachuun waan dansa. Tapphoota taphannee dabarre yoo ilaalte qabxii gaariidha. Amma yeroon kan gammachuuti,’’ jedhan.

Xumura tapha Liivarpuul irratti taphattoonni Bireentifoord gammachuu guddaan injifannoo isaanii kabajatan.

Kilabiin kuni eessatti qajeelaa jira waan jedhan fakkaata.

Tomaas Firaank

Milkaa’ina isaanii kan arge kilabichi kontiraata leenjisaa isaanii dheeresseera.

Baatii Mudde keessa kontiraata haaraa hanga bara 2027 isaan tursu mallatteessaniiru.

Firaank waggaa darbe liigiitti kilabicha erga deebisan booda liigicha sadarkaa 13 qabachuun xumuran. Barana torbaffaarra jiru.

''Ga’umsa keenya itti fufuun waliin taanee taateewwan amanuuf rakkisu uumuu itti fufna,’’ jedhan yeroo mallattoo isaanii lafa kaa’an.

Firaank bara 2018 ture kilabicha leenjisuu kan eegalan. Isa dura itti aanaa Diyaan Simiiz ta’un kilabichuma keessa turan.  

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub