Search This Blog

Rabu, 01 Februari 2023

Chaayinaan erga lammiinshee Itoophiyaatti ajjeefamee booda akeekkachiisa baaste - BBC

Alaabaa Chaayinaa fi Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Haleellaa humnootni hidhatan lammiilee Chaayinaa sagal irratti magaalaa Gabra Gurraachaatti bananiin tokko lubbuun darbuu Imbaasiin Chaayinaa Finfinnee jiru hime.

Haleellaan kuni torban kana gaafa Wiixataa galgala magaalaa Finfinneerraa 160km fagaattee gama kaabaan argamtutti mudachuutu ibsame.

‘’Haala gaddisiisuun, tokko keessaa irratti dhukaafamee lubbuun darbeera,’’ jedheera imbasiin odeeffannoo dabalataa osoo hin kennin jechuun AFP’n gabaaseera.

Haleellaa kana booda imbaasichi lammiileen isaa biroo Itoophiyaa keessa jiran akka eeggannoo cimsan, akka bakka walitti bu'iinsi jiru keessaas akka bahan dhaame.

Badii raawwate kanaaf imbaasichi ibsa Kibxata baasen qaama himate hin qabu.

Dhimma kana irratti gama mootummaa wanti jedhame hin jiru. BBC'n qondaaltota Aanaa Kuyyuu dubbisuuf yaalus hin milkoofne.

Imbaasichi ibsa baasen naannoo Oromiyaafi naannolee biroo daangessanitti haleellaa, nama butuu akkasumas saamichi jira jedheera.

Naannoo Oromiyaa giddugaleessa naannichaa keessa dabalatee hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu ni sosso'u.

Kunneen ajjeechaa qondaaltota mootummaafi lammiilee, akkasumas namoota butanii maallaqa gaafachuun walqabatee himatamu.

Torban darbees humnooti hidhatan hojjettoota warshaa simintoo Daangotee Godina Shawaa Lixaa keessatti argamu butanii akka turan gabaafameera.

Akka gabaasa rooyitarsitti injiranoonni butaman nagaan gadhiifamaniiru.

Baatii lama duras hojjettoonni warshichaa hidhattootaan butamanii maallaqa guddaa erga kanfalan booda gadhiifamuun ni yaadatama.

Kana duras lammiileen Chaayinaa gama lixa Oromiyaa hidhattootaan erga butaman booda gadhiifamanii turan.

Itoophiyaan Afrikaa keessatti biyyoota michuu Chaayinaa ijoo jedhaman keessaa tokko ta'un ni beekama.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub