Search This Blog

Rabu, 01 Februari 2023

'Rakkoon mana kiristaanaa Ortodoksii keessa mudate mariin furamuu qaba' - MM Abiy Ahimad - BBC

Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban kana kaabinee isaanii waliin marii taasisan irrattidha dhimma kana kan dubbatan

Madda suuraa, Abiy Ahmed/ Facebook

Ministirrii Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waldhibdee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti mudate mariin akka furamu gaafatan.

Muddamni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti mudate hordoftootaafi abbootii amantaa gidduu garaagartee uumeera.

‘’Dhimmichi akka yaada kootti salphaadha, rakkoon mana amantichaa ni furama’’ jedhan MM Abiy miseensota kaabinee isaanii waliin tibbana yeroo mari'attanitti.

Waldhibdeen kan uumame torban dura dureewwan amantaa sadii beekamtii mana kiristaanaa malee phaphaasii muuduu erga ibsanii boodadha.

Mana kiristaanichaa keessatti aangoo olaanaa kan qabu Qul. Sinodoosiis yaa'ii atattamaa waamee aangoo lubummaa isaanii gonofuu, ofirraa adda baasuus ibse.

Haa ta'u malee, dureewwan amantaa Abuuna Saawiroosin durfamaniifi Qul. Sinodoosiin 'hunda galeessa miti' jedhan, murtee kana akka hin fudhanne ibsan.

Osoo dubbiin kanaan jiruus dureewwan muudne jedhan bakka ramadne jedhanitti gaggeessaa jiraachuu ibsani.

Gidduuttis waldhibeen akka hin uumamne yaadda'ameera. Qaamota lamaanuurraa himannaan akkanaa dhagahameera.

Dubbiin MM Abiy erga Paatiriyaarkiin mana kiristaanichaa Abuuna Maatiyaas mootummaan murtee mana amantaa akka hojiirra oolchu erga gaafatan booda dhagahame.

MM Abiy dubbii isaaniin garuu mootummaan dhimmicha gidduu akka hin seenne, manni amantaa garuu ofiin mari'achuun akka furtu dhaaman.

Dabaluunis, miseensonni kaabinee isaanii dhimma waldhabbii amantii kana keessa harka akka hin galfanne akeekkachiisaniiru.

Gaaffiin afaan dhalootaan barachuu waggoota muraasa darban mana amantaa Itoophiyaatti hordoftoota olaanaa qabdu kana raasaa jira.

Naannoo Oromiyaa keessatti manni kiristaanaa afaan dhalootaan bal'inaan waan tajaajila kennuu dhabdeef tajaajilootni xiqqaataa, manneen amantaa cufamaa jiru jechuun abbootiin gaaffii kaasan dubbatan.

Addatti bahuun dureewwan amantaa yoo muudaniis tajaajilicha cimsuuf akka ta'e himani.

Ministirri Muummee Abiy mirga hordoftoonni mana amantichaa afaan dhaloota isaaniitiin tajaajilamuuf qaban otoo hin sarbiin, mariin waldhabbii isaanii furachuu akka qaban gorsan.

'‘Oromiyaatti amantoota bataskanaa keessatti Afaan Oromootin tajaajilamu qabna jedhanii gaafataniin tajaajilamu hin dandeessan jechuu hin danda’u.

''Ana miti Oromoo mirga kana kan gonfachiise, Otoo mirgasaa hin faalleessiin waldiiguun otoo hin dhufiin mariin adeemsa keessa toora qabsiisu qabu ‘’ jedhan.

Naannoo Oromiyaatti Afaan Oromootiin tajaajilamuf gaaffii dhiyaate ’’mootummaan ukkaamsee bira hin darbu‘’ jedhan Ministirri Muummee Abiyi.

Marii qondaalota olaanoo biyyattii waliin gaggeessan kanarratti dhaabbileen amantaa hundi siyaaasa, hannaa fi sanyiin nama qooduurra bilisa ta’uu akka qaban gorsan.

Haa ta’u malee mannen amantaa hunda keessatti garuu hanna fi sanyiin walqoodutu jira jedhan.

Keessattu hannii mana amanti keessatti mul’atu ''naasisadha'' jedhanii ibsan.

Rakkooleen kun manneen amantii Itoophiyaa keessatti irra deddeebiin mul’ata akka ture kan eeran Ministirri Muummee Abiy gufuu guddina biyyaati jedhanii kaasan.

'Mootummaan yaalee ture'

Ministirri Muummee Abiy kana dura Paatiriyaarkiin lamaan mana kiristaanichaa akka waliigalan gochuu keessatti gahee ofii bahaniiru.

Ammallee muddamni tibbanaa osoo hin mudatiin dura aangawooti mootummaa ergamuufi yaada isaanii dhiheessuu himan.

Haa ta'u malee, ''gorsi mootummaa hin dhagahamne'' jedhan. ''Furmaanni kan argamu walitti dhiyaatanii mariichuuni'' jechuun dubbatan.

Dhimmoonni 'amantaa, sabummaa fi siyaasaa dhaabbata guddaa kana [bataskaana Ortodoksii] akka diigne gochuutu barbaachisa,' jedhani akkeekachisan.

Bulchaan Itoophiyaa bulchiinsi isaanii mana amantaa keessa akka hin seenne waakkatan.

Bulchiinsi isaan dura turan kan ''abbootii amantaa Ortodoksii biyyaa biyyaa baasani fi ajjeesaalle akka turan'' dubbatan.

''Dargiin Paatiriraakii bara Haayilasillaase muudaman ajjeesee kan ofii muude, ADWUI’n xalayaan biyyaa baasee kana biraa muude.

''Nuti garuu lachuu sirrii akka hin taane amanuun kan biyyaa bahan gara biyyaatti deebisuun tokko taasisuuf yaallerra'' jedhan.

Akkasuma araara gidduusaanitti buusullee kaasan.

Namoonni muraasni motummaan akka bataskanaa Ortodokii miidhe haasa’an jiraachuu kan dubbatan MM Abiy, sirna bulchiinsa mootiirraa kan hafe, ‘’qaamni hamma keenya bataskaana Ortodoksii deeggare hin jiru’’ jedhan.

Gamoowwaan lama kanneen waggoota 40f to’annoo mootummaa jala turan bataskaana Ortodoksiif deebisuu himan.

Kana malees, magaalaa Finfinnee qofa keesssatti waggoota afran darban bataskaana Ortodoksii lafa kaaree meetiira miliyoona tokkofi kuma afurtamii shan kennuu ibsan.

Kunis lafa manneen amantoota biroof kan kenname wajjiin wayita wal bira madaalamu haalaan kan caalu ta'u dubbatan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub