Search This Blog

Minggu, 12 Maret 2023

Israa'elitti hiriirri mormii guddaa haaromsa mana murtii mormu dhohe - BBC

Hiriira guddaa magaalaa Tel Aviiv keessatti bahame

Madda suuraa, Reuters

Lammiileen Israa’eel kuma dhibbaan tilmaamaman hiriira mormii guddaa seenaa biyyattii keessatti kan jalqabaati jedhame irratti hirmaataa jiru.

Hiriirri kun karoora mootummaan sirma mana murti biyyattii haaressuuf karoorse mormuuf bahame. Amma torban kudhanaffaa isaati.

Lakkoofsi namoota hiriira bahanii magaalota akka Haayifaa keessaa hir’atus, magaalaa Tel Aviiv keessatti gara 200,000 kan tahan bahaniiru jedhama.

Qeeqxotni akka jedhanitti haaromsi mana murti ammaa sirna Dimokiraasi biyyattii kan miidhudha.

Bulchiinsi Beenjaamiin Netanayoo garuu haaromsi kun sirna filannoo biyyattiif gaariidha jedhe.

Qindeesitootni akka jedhanitti namootni 500,000 tahan haaromsa kana mormuuf Sanbata kaleessaa qofa maloota adda addaa keessatti daandiitti bahaniiru.

Gaazexaan biyya Israa’eel Hareez jedhamu ‘’seenaa biyyattii keessatti hiriira mormii isa guddaa’’ jechuun gabaase.

Dursaan paartii mormituu Yaahir Laapiid magaalaa Kibba jirtu Be’eer Sheevaatti mormitootatti yoo dubbatan, biyyattiin ‘’seenaa keessatti kufaatii guddaa jedhamu keessa galteetti’’ jedhan.

"Danbaliin shororkeessummaa nu rukutaa jira, dinagdeen keenya kufaa jira, maallani biyyaa baafamaa jira.

‘’Iraan kaleessa Sawud Arabiyaa wlaiin waliigaltee walii mallattesite. Mootummaan biyya kanaa ammo waan inni quba qabu dimokiraasii cabsuudha,’’ jedhan.

Taamiir Guytaabrii namoota hiriira bahan keessaa ‘’kun haaromsa mana murti miti. Kun warraaqsa Israa’eeliin gara mootummaa abbaa irreeti deebisuuti. Israa’eel ijoolleekoof biyya dimokiraatwaa taatee akka itti fuftun barbaada’’ jette.

Haaromsi mana murti jedhame kun mootummaan filatame abbootii seeraa biyyattii filachuu irratti dhiibbaa gochuu akka danda’u kan eeyyamu, akkasumas aangoo manni murti olaanaa seera raggaasisuu fi kuffiisuu irratti qabu kan daangessudha.

Karoorri kun hawwaasa biyyattii kan qoqoode yoo tahu, humna waraanaa eeggataa Israa’eel kan lafee dugdaa biyattiiti jedhamu tajaajila kennuu diduun mormii isaanii akka agarsiisan taasiseera.

Wiixata darbe paayileetotni humna waraanaa Qilleensarraa Israa’eel hedduun hojii hin seeniin hafan.

Booda murtee isaanii jijjiiruun ajajoota isaanii waliin mari’achuuf waliigalan.

Kamisa ammo finciltootni daandii cufuun Obbo Neetanayoon akka biyyaa hin bane dhorkuuf yaalan.

Booda garuu gara Roomitti imalaniiru.

Mootummaan ejjennoo isaatti kan ciche yoo tahu, hiriirri kun paartilee mormituun kan kakafame jedhee amana.

Neetanayoon aangoo manni murti qabu humnaan ol akka hin taane kan gargaaru akka tahe himan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...