Search This Blog

Jumat, 03 Maret 2023

Kabaja ayyaana Injifannoo Aduwaa Finfinnee lubbuun itti darbuu ibsameerratti maaltu mudate? - BBC

Ayyaanni Aduwaa injifannoo Xaaliyaanii irratti argamu yaadachuuf wagga waggaan kabajama

Madda suuraa, Getty Images

Kabaja yaadannoo Ayyaana Injifannoo Aduwaa 127ffaa magaalaa Finfinneetti Kamisa Bitooteessa 2, 2023 kabajame irratti lubbuun nama tokko darbuu BBC'n maatiirraa odeeffate.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haleellaa humnoonni nageenyaa raawwatan jedheen yoo xiqqaate lubbuun nama tokko darbuu ibseera.

Ayyaanicha keessumaa Addabaabayii Miniliik kabajame irratti poolisiin gaazii imimmaanessituu dhukaasuun namoota bittinseera.

Viidiyoowwan miidiyaalee hawaasaa gubbaarratti qoodaman irratti namoonni of wallaalanii kufaniifi kaan yoo baqatan mul’ata.

Namoota addabaabayii irraa baqachuun Mana Kiristaanaa Qul. Goorgisii seenanitti poolisiin dhukaasa imimmaanessituu dhukaasuutu himame.

Taatee kana kan mirkaneesse mootummaan federaalaa ‘'kanneen ayyaanicha jeequuf yaadan’’ jedhe irratti tarkaanfii fudhachuu hime.

Sababa kanaan namoonni miidhamuufi sirni amantaa hordoftootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii raawwatamaa ture adda cituu namoonni BBC'n dubbise dubbataniiru.

Lubbuun namaa darbuu isa ibsameerratti poolisiinis ta'e aangawoonni mootummaa ammatti waan dubbatan hin qabani.

'Durbiin kiyya ajjeefame'

Namoota ayyaana Aduwaa kabajuuf bahan keessaa lubbuun barsiisaa Miiliyoon Wadaaj jedhamu itti dhukaafamee ajjeefamuu maatiin BBC’tti himaniiru.

Durbiin barsiisaa kanaa BBC’n dubbise, Addis Hayilee, firri isaa rasaasa itti dhukaafameen lubbuun isaa darbuu ogeeyyii fayyaa irraa odeeffachuu ibse.

‘’Ayyaana Aduwaa addabaabayii Miniliikitti kabajuuf Roobii galgala wal beellamnee turre. Inni Gooroodhaa dursee gahe.

''Ani akkuma dhaqqabeen bilbileefi garakoo osoo dhufaa jiru dhukaasni imimmaanessituu dhukaafame,’’ jechuun ibsa.

Eegasi Miiliyoon Addisiif bilbiluun dhukaasa imimmaanessuun ukkaamfamee akka tureefi nagaa akka ta’e itti himuu dubbata.

Turtii muraasa booda garuu bilbila Miiliyooniin itti bilbilamuufi nami bilbile kan inni hin beekneefi oduu rifaasisaa dhagahuu hima.

‘’Takka ture namni biraa bilbila Miiliyooniin naaf bilbilee rasaasaan rukutamee kufeera, qaqqabi naan jedhe.

‘’Eegasii gara bakkichaa yeroon deemu du’uu isaafi gara hospitaalaa geeffamuu natti himame.

''Hospitaala geeffame yeroon gaggaafadhu hospitaala Abinnat ta’uu natti himani,’’ jechuun BBC’tti hime.

Barsiisaa Miiliyoon Wadaaj rasaasa ayyaanarratti itti dhukaafameen ajjeefamuu maatiin dubbatan

Madda suuraa, Family

Erga firri isaa kuni lubbuun isaa darbee hospitaala geeffamee booda akkaataa du’e ogeessota fayyaa gaafatuu isaa akkanaan BBC'tti hime.

‘’Akkaataa du’a isaa yeroo gaafannu rasaasaan rukutamee rasaasni cinaacha isaa tokkoon seenee kaanin bahuu nutti himan.

''Kanaan ala odeeffannoo dabalataa poolisiif malee isiniif hin kenninu nuun jedhan.''

BBC’n Addis bilbilaan yeroo dubbisetti reeffi isaa bakka dhaloota isaa Gondar Kibbaa gara Nifaas Mawicaa jedhamutti geeffamaa ture.

Nami lubbuun isaa darbuu maatiin himan kuni abbaa intala durbaa tokko ta’u maatiin himaniiru.

Dhaabni ABIN nami kuni miseensa isaa ta’u ibsuun mootummaan tarkaanfii akka fudhatu ibsa baasen gaafate.

Kanaan ala dhimma kana irratti poolisiinis ta’e aangawoonni mootummaa ayyaana irratti miidhaan lubbuu darbu waan dubbatan hin qabani.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa garuu humnoonni nageenyaa daa’immaniifi namoota dullooman irratti dabalee reebicha, dhukaasa imimmaanessuu, akkasumas tarkaanfiiwwan kaan raawwatuu ibse.

Humnoonni nageenyaan karaa addabaabayii Miniliik geessu cufuufi namoonni nagaa ayyaanicha kabajuuf walitti qabaman humnoota silaa isaan tiksuu qabaniin ‘’humnaan jeeqame’’ jedhe.

‘’Qondaaltonni badiin shakkaman itti gaafatamuu qabu. Taatee walfakkaataa akka hin mudanne sirnaan leenjifamuu qabu,’’ jedheera komishinichi.

Maaltu ta’e?

Ayyaanni Aduwaa magaalaa Finfinnee bakkeewwan kanneen akka Addabaabayii Miniliik, Riqicha Aduwaafi Addabaabayii Masqalaattti kabajame.

Bakki rakkoon itti dhalate ammoo eddoo Addabaabayii Miniliik jedhamuutti.

Kanneen sirna yaadannoo guyyichaa kabajuuf bakka kanatti bahanis dhukaasa imimmaanessituu humnoota nageenyaan bittinfamutu himame.

Kanneen waggoota muraasa darbaniif guyyiicha addabaabaayii kanatti kabajaniifi qindeessaa turan keessaa tokko Artist Mikaa’el Miiliyooni.

Kana dura imalli Addabaabayii Minilikii gara Riqicha Aduwaa achuma magaalaa Finfinneetti argamutti akka taasifamu himun, barana garuu adda cituu hima.

Akka aartistii kanaatti, durumaa namni baay’ee gara addabaabayii kanaatti akka hin imalle humnoota nageenyaan dhorkamuu dubbate.

''Imimmaanessituu kan dhukaasaniif sagantaa addabaabayiirratti ture dafanii addaan kutuuf natti fakkaata,’’ jechuun BBC’tti hime.

Inni kana haa jedhu malee, humnootiin nageenyaa maaliif tarkaanfii kana akka fudhatanirratti BBC'n gama isaaniin kan odeeffate hin qabu.

Pirezidantiin FDRI Saahilawarq Zawudee addabaabayii Miniliikitti argamanii siidaa yaadannoo jala abaaboo ka’aniiru.

Haata’u malee sagantaa kana booda akka kana duraa agarsiisni namoota uffata aadaan faayamaniifi agarsiisi faradoo hin turre jechuun ibsu namoonni BBC’n dubbise.

Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta‘an Obbo Darajjee Kibruu waggaa waggaan addabaabayii Piyaassaatti argamutti ayyaanicha akka kabajan himu.

''Sagantaan guddaa addabaabayii Masqalaatti akka adeemsifamu beekus sagantaan barame addabaabayii Miniliiki ni jira jedhee imaluus, poolisotaan dhorkamuu’’ BBC’tti himaniiru.

Poolisiin namoota Ayyaana Aduwaa addabaabayii Miniliikitti kabajuuf bahan dhukaasa imimmaanessituu dhukaasuun bittimseera

Madda suuraa, Social media

Namoonni haala barameen kabajama jedhanii dhufaniifi daawwattoonni kaan poolisiin dhukaasa imimmaanessituu dhukaasuun akka ‘aari’aafi reebaa ture’ ijaan arguu BBC'tti himan.

Sagantaa kana irratti namoonni uffata aadaa uffachuun, daa’imman isaaniillee qabatanii dhufu.

Artiist Mikaa’el imimmaanessituun daa’imman irratti dabalatee dhukaafamu himuun mufii ibse.

''Daa’imman umurii 13 gadi ta’an sagantaa kana irratti argamanii turan. Isaan irratti kun taasifame.

''Daa’imman addabaabayii kan bahan biyya isaaniin boonuuf malee akka qaana’an hin turre,’’ jedhe.

Ayyaanni kun haala miidhagaa ta’en akka kabajamu waggoota torba dura eegalee akka hirmaataa ture kan himu Artiist Mikaa’el, barana '‘haala namatti hin tolletu ture’’ jechuun ibsa.

Ayyaanni Aduwaa baranaa eegalee Raayyaa Ittisa Biyyaan akka kabajamu taasifamuu mootummaan ibseera.

Kun gaarii ta’u kan himu artistiin kun, ''ayyaanni kun kan ummataati. Kan Raayyaa qofa miti.

''As kabaji, as hin kabajin jechuun Aduwaa waliin hin deemu. Aduwaan ayyaana walabummaati,’’ jechuun dubbate.

Addabaabayiin Miniliik maqaa mootii duraanii Itoophiyaa yeroo waraana Aduwaa biyyattii bulchaa turaniin mogga'e.

Siidaan isaanii bakka kanatti ni argama.

Mootummaan gaheen Mootiin Miniliik waraana keessa qaban akka xiqqaate mul'atu sosso'aa jira jechuun kan qeeqan jiru.

Dhimma kana BBC'n kan gaafate Ministirri Aadaafi Ispoortii Itoophiyaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa ''haala waloon akka kabajamu'' akka taasifamaa jiru himan.

“Gootonni biyya kanaa keessatti qooda fudhachuun [injifannoo] dhufedha malee nama muraasaan ykn waan akka tasaa dhufe miti.

''Garuu seenaa darbe keessatti kan ol kaafamee himamu akka injifannoo nama tokkoo ykn namoota lamaa ta’eetti.

''Akka waan [taamirriin] yookaan ammoo haala addaatiin namni tokko injifannoo kana galmeesseetti warri akkeekan ni jiru. Kun hin ta’u," jedhan.

Taatee bataskaana Goorgisitti mudate

Ayyaanni Aduwaa Ayyaana Qulqulluu Goorgis bataskaana Piyaassaa argamutti kabajamu waliin walirra oola.

Humnoonni nageenyaa dargaggoota dhukaasa ala ture baqatanii dallaa bataskaanaa seenan irratti dhukaasa imimmaanessituu dhukaasaniiru.

Tajaajilaan mana kiristaanichaa maqaan isaanii akka dhahamu hin feene haalli ture rakkisaa ta’u ibsan.

Manni Kiristaanaas dhukaasa imimmaaneessituu humnoota mootummaan dhukaafameen ayyaanni mana kiristaanaa keessaa osoo hin xumuramin adda cituu himteetti.

Sababa kanaanis, hordoftoonni amantichaa hedduu of wallaalanii gara mana yaalaa geeffamuu ibsite.

Viidiyoowwan qoodamaa turan namoonni dallaa mana Kiristaanaa keessa yeroo cookan akkasumas gaasiin dhukaafame isaan ukkaamsee haala fakkaatuun afaan yeroo harkaan qabatan mul’isa.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa baasen addabaabayii Miniliik irratti rakkoon mudachuu mirkaneesse.

‘’Qaamoleen ayyaana addabaabayii Miniliik ture jeequu fedhan hookkara uumuuf yaalaniiru,’’ jedheera ibsi bahe.

‘’Ayyaana addabaabayiirra jiru jeequu yeroo dadhaban ayyaana amantaa mana Kiristaanaa keessa adeemsifamaa ture jeequuf’’ yaaluu isaanii himate.

Yaalii humnooti mootummaa hookkora uumtota to'achuuf taasisan jedheen ‘’sagantaan mana kiristaanaa keessa adeemsifamaa ture danqamuufi hordoftoota amantichaa irratti miidhaan hamma tokko,’’ dhaqqabuu ibse.

Ayyaanni Aduwaa Bitootessa 1, 1896 ykn A LI Guraandhala 23 1888 lammileen Itoophiyaa golee afran irraa fardaafi lafoon bahanii Kaaba Itoophiyaa bakka Adwaa jedhamu irratti diina hidhannoo guddaan baar-gamaa dhufe qaanessuun yaadachuuf kabajama.

Ayyaanni Aduwaa baranaa bakkee aangawoonni mootummaa olaanoo argamanitti Addabaabayii Masqalaatti sirna ho’aa ta’en kabajamee ooleera.

Sirna kabajaa sanarrattis kanaan dura haala hin turreen waraanni Itoophiyaa agarsiisa taasiseera.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub