Search This Blog

Senin, 06 Maret 2023

Tigraayitti bulchiinsa yeroo hundeessuuf deebiin mootummaa federaalaa eegamaa jira - TPLF - BBC

Dubbii Himaa TPLF Obbo Getaachoo Radaan kanneen waliigaltee nagaa irratti TPLF bakka bu'uun mallatteessan keessaati

Madda suuraa, AFP

Aangawoonni TPLF haaluma waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa waliin taasifameetti bulchiinsa yeroo hundeessuuf deebii mootummaa federaalaa akka egaa jiran akeekan.

TPLF fi mootummaan federaalaa baatii Sadaasaa irratti Afrikaa Kibbaa Piritotiyaatti waraanaa Kaaba biyyattiitti waggoota lamaaf ture karaa nagaatiin furmaata barbaachuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaatti Naannoo Tigraay keessa bulchiinsa yerootu hundaa’a.

Torban darbe sanadi bulchiinsa mootummaa yeroo hundeessuuf dandeessisu akka ragga’e gabaafameera.

Paartiileen mormituu naannichatti argaman sadii garuu adeemsi mootummaa bulchiinsa yeroo hundeessuu olaantummaa paartii tokkoon qabame jechuun mormaniiru.

Marii ummataa bulchiinsa mootummaa yeroo hundeessuuf gaggeeffame irrattiis hin hirmaatiin hafan.

Miidiyaaleen biyya keessaa TPLF adeemsa bulchiinsa mootummaa yeroo kan miseensoota 28 hammatuufi mootummaa federaalaatiin raggaasifamu xumuruu gabaasaniiru.

Haa ta’u malee, Dubbii Himaan TPLF Obbo Geetaachoo Radaa, mootummaan yeroo Tigraay erga qaamolee Piritooriyaatti waliigaltee nagaa mallateessan jidduutti mariin waloo gaggeeffamuun booda qofa akka hundeeffamu himan.

‘‘Gabaasaaleen hirmaannaa mootummaa federaalaa malee Tigraayiitti bulchiinsi mootummaa yeroo hundeeffamuu ilaalchisuun bahan dhugaarraa kan fagaatedha.

‘’Tigraay kan gamasaanii irraa eegamu qofaa gochuuf yaalaa jiru’’ jechuun ture Obbo Geetaachon guyyaa Dilbataa toora tiwitaraa isaanii irratti kan barreessan.

Akkaataa waliigaltee nagaa mallattaa’een TPLF sanada bulchiinsa yeroo erga qopheesse booda qaamolee kaaniin ragga’u yookiin mirkanaa’uu qaba.

Qaamolee kanneen keessaa inni ijoo mootummaa federaalaadha.

Dhimma kana irratti mootummaan federaalaas ta’e gareen hojiirra oolmaa waliigaltee kana hordofanii homaa hin jenne.

Waraanni waggaa lamaaf Naannoo Tigraay keessa ture badii guddaa geessiseera.

Naannichatti hawaasi gara jireenya idileetti akka deebi’uufi tajaajila mootummaa akka argatu mootummaan hundaa’uu qaba.

Kana dura marii qondaaltonni Tigraay Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin taasisaniin bajati naannichaa yeroo bulchiinsi yeroo hundaa’u akka gadhiifamu dubbatanii turan.

Erga waliigalteen nagaa raawwatame as dhaabbileen deeggarsa namoomaafi tajaajiloonni bu’uuraa Naannoo Tigraayitti tajaajila kennuu eegalaniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub