Search This Blog

Senin, 27 Maret 2023

Tootanaamiifi Antooniyoo Konteen waliigalteen adda bahan - BBC

Antooniyoo Konteen kana dura Chelsii, Juventuusiifi Intar Miilaanitti waancaa liigiiwwan injifataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Tootanihaam Antooniyoo Kontee turtii waggaa tokkoofi ji’oota afur booda leenjisummaarraa waliigaltee waloon ka’an.

Erga kilabichi dhihoo Saawuzaampitan waliin qixa bahe booda Konteen taphattoota Tootanihaamiin ‘’ofittoo’’ jechuun qeeqaniiru.

Kilabiin Totanihaam yeroo ammaa gabatee Pirimiyeer Liigii Ingiliziin sadarkaa afraffaarra argama. Haa ta’u malee, barana dorgommii waancaa itti argatu danda’u tokkoyyuu hin qabu.

Konteen erga kilabicha gadhiisani booda gargaaraa isaanii kan turan Kiristiyaan Istelinii bakka isaanii bu’un hanga barri dorgommii xumuramutti leenjisu.

‘’Taphootni Pimiyeer Liigii 10 hafan jiru. Carraa Chaampiyeens Liigiirratti hirmaachuuf falmuu qabna,’’ jechuun dura taa’aan kilabichaa Daani’el Leevi himaniiru.

Eega Pochettiinoon bara 2019 kilabicha gadhiisanii kilabichi waggoota afur keessatti yeroo afraffaaf leenjisaa dhaabbataan dalagu barbaadaa jira.

Tootanihaam kilabii Xaaliyaanii Esi Milaaniin mo’amee Chaampiyeens Liigii keessaa baheera.

Isa dura immoo waancaa FA keessaa kilabii sadarkaa shaampiyoonshippii taphatu Sheefald Yunaayitidiin dorgommii keessaa bahe.

Yeroo ammaa waliigalteen kilabicha kan gadhiisan Antooniyoo Konteen leenjisummaa nama milkaa’aniidha.

Kilaboota kanneen akka Chelsii, Juventuus akkasumas Intar Miilaan waliin waancaa liigii biyyoota kanneenii injifataniiru.

Bara 2021 Tootanhaam Nunoo Espiritoo aangoorraa erga kaase booda kan gara kilabichaa dhufani.

Jalqaba yeroo leenjisummaatti dhufan ga’umsa walfakkaataan itti fufuuf rakkataniis boodarra Arsenaal 3fi 0’n injifachuu dabalatee tapha jahaaf osoo hin mo’amiin turaniiru.

Kilabichi sadarkaa tokko hanga afuuritti akka xumuruus taasisaniiru.

Rakkoon Tootanhaam garuu bara dorgommii baranaa itti fufe. Taphoota liigii 28 taphate keessaa sagal mo’amne, afur qixa bahe.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub